Lammii Itoophiyaa: Gargaartuu mummeen Kofii Anaan Lammii Itophiyaa ta'uu beektuu?

Madda suuraa, Getty Images
Barreessaan olaanaan Dhaabbata Motummoota Gamtomanii kan duraan Kofii Anaan umurii waggaa 80 boqachuunsaanii erga dhagahamee kaasee hedduun gadda isaanii ibsataa jiru.
Hojii gargaarsa namoomaa isaaniif badhaasa Noobelii kan argatan Kofii Anaan, bara 1983tti ture biyya Gaanaa Goldi Koosti jedhamtuutti obboleetii isaanii waliin lakkuu ta'uun kan dhalatan.
Kofii Aattaa Anaan maqaasaanii kan guutuu yoo ta'u, afaan Akaan jedhamu kan ittin afaan isaanii hikkataniittis 'kan guyyaa Jimaataa dhalate' jechuu yoo ta'u, Aattaa jechuun ammoo 'lakkuu' jechuudha.
Motummaa Gamtoman bara 20f wayita hojjataniitti gargaartu isaanii ta'uun kan hojjatan dubartii lammii Itoophiyaa turan.
Aaddee Waagaayee Assaba kan Kofii Anaaniif gargaaraa kan turan, wayita ammaa kanatti lubbuun jiraachuu baatan illeen intalli isaanii Maartaa Tasfaayee waa'ee Kofii Anaan waan yaadattu BBC'tti himtee jirti.
Osoo barreessaa Mootummoota Gamtoomanii hin ta'iin duraa fi booda waggoota 22f waliin hojachuu isaanii dubbatti Maartaan.

Madda suuraa, Pacific Press
Maartaa Tasfaayee dhalattee kan guddate biyya Ameerikaa Waashingiton DCtti.
''Haatii kiyya gargaartu (Personal Assistant) Kofii Anaan taatee waggoota 22f waliin hojjattee jirti. Biyyoota hedduus waliin deemte jirti,'' kan jettu Maartaan, yeroo baayyee Kofii Anaaniin qaamaan arguu dubbatti.
Kofii Anaan ''baayyee nama gaarii turan, Simboos qabu ture,'' jechuun dubbatti.
Kofii Aanaan erga gara magaalaa ishee jiraattu dhufaniin boodas bilbilaa gaafataa akka turan himti Maartaan.
''Suuta jedhanii dubbatu. Yoo haasa'aniis baayyee simboo qabu turan. Wayitan daa'ima tureettis 'Eessuume Kofii'' jechuun na waami naan jedhu ture,'' jetti Maartaan.
Haatii ishee erga du'aan boqatanii waggaa afur kan guutan yoo ta'u, du'a Kofii Anaan battala dhageesseettis akka gaddite dubbatti. ወ
''Wayita lubbuun jiruutti hojiiwwan gaaruu hedduu raawwataniiru. Namoonni baayyeen hojii akkasii raawwachuun itti ulfaata. Inni garuu raawwachu danda'eera,'' jeti Maartaan.
''Gara Waajjira Motummoota Gamtoomanii kan Niwuyoorkiitti argamu dhaqe hundatti, darbii 38ffaa irra ta'uun uffannaa suufii uffatanii rifeensi isaanii haarriin makaa sana yoomuu hin irraanfadhu,'' jetti Maartaan.













