Kofii Anaan: yaadannoowwan dippiloomaatii guddaa addunyaa

Madda suuraa, Reuters
Koofii Anaan kan umurii isaanii 80tti addunyaa kanarraa Sambata du'aan boqotan, bara shororkeessitootni Ameerikaa haleelan ''9/11'' fi bara Ameerikaan Iraaqiin weerartetti dabalatee waggoota sagaliif barreesssaa olaanaa dhaabbata biyyoota Gamtoomanii turan.
Erga saniis jaarsummaa araaraa gurguddoo jaarraa 21ffaa keessatti keessumaa waraana waliinii Siiriiyaa furuu keessatti qondaala hiree guddoo bahani. Gaazexessituun BBC kan Jeneevaatii gabaastu Imoogen Foolkees yaadannoowan qondaala kanarraa qabdu barreesitetti.
Kitaaba 'We the Peoples, a UN for the 21st Century' jedhun manaa qaba. Kitaabni kun haas'aawwan Koofii Anaan wayita barreessaa olaanaa dhaabbata biyyota gamtoomanii ta'anii tajaajilan keessatti taasisan of keessaa qaba. Dhimmoota akka jijjiirama qilleensaa, nagaa buusuu, HIV/AIDS, duguuggaa sanyii fi kanneen biroorratti xiyyeefatu.
Kitaaba kana hedduun jaaladha sababni isaas marii paanaalii waggaa afur dura Jeneevaatti qophaa'erratti wayita walargine Kofii Anaantu naaf kenne.
Mariiwwan Paanaalii gurguddoon Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin ni qophaa'u, baayyinni hirmaattoota argamaniis walkeessa. Akka guyyaa sanaa garuu namni hedduun hin turre. Galmi teessuu dhibbootaan lakkaawamu qabu guutee namoonni ala dhaabachaa turan.
Qeeqxonni kitaaba waayee Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii himu kana beeksisuu caala waajirichatti marii paanaalii gaggeessuun hin malu jedhu.
Sirrii ta'uu danda'u haata'u malee galiin kitaabicharraa argame sagantaa ittisa HIV/Aids dhaabbatichaa wan ooleef harki caalaan marichaa dhimma kanarratti kan xiyyeefatu ture.
Nama Dansaa
Afuura arjummaasaanii, namoota addunyaa kanarratti balaaf saaxilamanii jiran gargaaruuf tattaaffiin qaban wantoota hedduu Kofii Anaan ittiin yaadatamaniidha.
Wayita Barreessaa olaanaa turetti, barreesittoota isa dura turanii fi isa boodas dhufan keessaa inni nama yeroo hedduu gara Jeneevaa dhufu ture. Aangoo fi siyaasni Dhaabbata Biyyooya Gamtoomanii Niwyoorkitti xiyyeefata. manni maree nageenyaas achuumaa rakkoowwan nageenyaa addunyaa mudatan furuuf yaala.

Madda suuraa, AFP
Kofii Anaan dhaabbilee gargaarsaa Jeneevaatti argaman gargaaruufi hojiin isan hojjetan xiyyeeffannoo akka argatan hojjetaniiru. Miidiyaaleef yaada kenniifus nama yeroo isaa kennuudha.
Ibsa miidiyaaleef sodaa malee ifaatti kennaniin garee miidiyaa dhaabbatichaaf waraana UK fi US waliin ta'uun Iraaq irratti banan seera maleessa ta'uu ibseera.
Inni nama dansa: wayitan bakka miidiyaaleen sassaabamanii jiranni Maayikii qabadhee dadhabaa na argu akkitti seeqaa miira gaddaan na laalu nan yaadadha.
Gaazexessitootni Jeneevaatii gabaasan hundi Koofii Anaaniin kan yaadatan nama kan hin daganne ta'uusaatiini. Si dubbisuufillee yeroo hin qabu yoo ta'e dhaabate nagaa dhaamee darbuu hin dhiisu.
'Nama nagaaf qabsaa'u'
Aangoo olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii addunyaarratti aangoo diplomaaatummaa bu'aa bayii guddaa qabu. Kofii Anaan wayita waraana Kosovoo, haleellaan 9/11 raawwate, wayita waraana Iraaq fi wayita jijjiiramni qilleensaa addunyaa yaaddessetti Barreessaa olaanaa dhaabbatichaa turan.
Dhaabbatni biyyoota Gamtoomanii wayita isaan hoogganamu rakkoolee mudatan hunda furuun hin milkofne.
Qeeqxonni tokko tokko dogoggorootatti quba qabu. Fakkeenyaaf Rwaandaa fi Boosniyaa keessatti yakkoota raawwatamaniif dhaabbatichi fala kennuu dadhabuu.
Geneevaatti garuu Kofii Anaan namoota waraanaan, jijjiirama qilleensaa fi hiyyummaan dararamaa jiraniif xiyyeeffannaan akka kennamu watwaatuun ni yaadatamu.

Madda suuraa, AFP
Hooggantootni addunyaa hojiin isaanii guddaan hojjetan siyaasarratti ta'uun caala uummata taajilan irratti ta'uu akka qabuus oogummaan gorsuun yaadatama.
Yaadannoowwan Kofii Anaan Jeneevaa hedduudha: Dhaabbata biyyoota Gamtoomaniitti Komishinarri mirgota namoomaa Zayiid Ra'aad al Husseen ''fakkeenya gaarii Namoomaa'' jechuun ibseer.
Hogganaan koree fannoo diimaa Piiter Mawureer Anaaniin dhabuutti gadduu himee, ''hoogganaa noomaa fi qabsaa'aa nagaa dhugaati'' ittiin jedheera.
Du'a Kofii Anaaniin addunyaa guutuun gaddus Jeneevaatti gaddi jiru garuu gadda dippiloomaatii guddaa addunyaa qofa osoo hin taane gadda hiriyyaa dhabuutu dhagaahama.














