Suuraawwan Afriikaa ciccimoo torbee kanaa : Onkoloolessa 20-26, 2017
Filannoo suuraalee ciccimoo Afriikaa guutuu fi lammiilee Afriikaa biyyoota addunyaa biroo kessa jiraatanii.

Madda suuraa, Reuters
Nagaan ergaa namoota kabaja guyyaa goototaa Keeniyaa 'Mashujaa Day' irratti suuraa ofee ka'an kanaati. Ayyaanichi jimaata darbe Naayiroobiitti kabajame.

Madda suuraa, AFP
Istaadiyeemii Mohaammad 6ffaa Kaasaabilaankaa keessatti Sambata darbe wayita kilabiin Morookoo Wiidaa Kaasaabilaankaa, tapha chaampiyoonsi liigii Afriikaa irratti kilabii Aljer USM mo'ate, deeggartoonni akkanatti gammachuu isaanii ibsatan.

Madda suuraa, AFP
Hojiiwwan lammii Nayijeeriyaa kan ta'e Amedee, Roobii darbe torbee agarsiisa Faashinii fi Diizaayinii Leegoos irratti dhiyaatan, yaadni isaa faashinii naayijeeriyaa fi Afriikaa beeksisuu dha.

Madda suuraa, AFP
Filannoo irraa deebii Keeniyaa irratti deeggartoonni mormitootaa mormii cimaa gaggeessan. Namichi kun Roobii darbe mukukkula qabatee mormii isaa dhageessisaa ture, naannoo Kibeeraa jedhamutti.

Madda suuraa, Reuters
Namichi kun ammoo achuma Kibeeraa keessatti dawoo keessaa wal-falmii poolisootaa fi mormitootaa ilaala. Kuni gaafa filannichaa kamisa ture.

Madda suuraa, AFP
Miseensonni waldaa Leegoo Maariyaa Keeniyaa kunneen ammoo gaazii imimmaaniin miidhamanii jiru, Naayiroobii naannoo Mataaree jedhamutti.

Madda suuraa, Reuters
Godaantonni Afriikaa hojii barbaadan kunneen Liibiyaa naannoo magaalaa Misraataa daandii qarqara taa'anii hojii eeggataa jiru.

Madda suuraa, Reuters
Shamarreen Sudaan kibbaa kun kaampii baqattootaa Niguunyiyeel keessatti kibxata darbe wayita Ambaasaaddarri mootummoota gamtoomanii naannoo Gaambeellaa Itoophiyaa daawwatan kaafamte.

Madda suuraa, EPA
Haadha warraa Neelsan Maandellaa duraanii Girasha Machel fi barreessaan mootummoota gamtoomanii duraanii Kofii Aanaan, taatee 'Mandela Walk' jedhamu Landan, Weestmiinistar keessatti qophaa'e irratti argamanii turan.

Madda suuraa, Reuters
Namichi lammii Biriteen Toom Moorgaan jedhamu kun Afriikaa Kibbaatti afuuffeewwan walitti hidhaman 100 oliin kiiloomeetira 25 lafarraa samii keessa ol fagaatee yoo balali'u. Kun Jimaata darbe ture.

Madda suuraa, EPA
Kun ammoo lammiin Afriikaa Kibbaa Maayik Sheelebach, taatee bishaanirra sigigaachuu wiixata darbe magaalaa Keeptaawonitti ta'e irratti dambalii galaanaa meetira shan dheeraturra wayita imalu agarsiisa
Suuraaleen AFP, EPA, PA fi Rooyitars irraa argaman













