Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Baankiilee Jigjigaatti torban darbe saamaman dabalatee kaanis hojii dhaabaniiru
Hokkaraa fi saamicha torban darbe magaalaa Jigjigaatti dhalateen baankileen qarshii fi qabeenya hedduu saamamuu isaanii himan.
Baankiiwwan saamichi irratti raawwate keessaa tokko Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaati.
Baankichatti hogganaan damee Dirree Dhawaafi dameewwan saamaman kan of jalatti bulchan, Obbo Sa'id Ali, BBC'tti akka himanitti saamicha guddaatu irratti raawwate.
''Jigjigaa keessatti dameen lamaanuu saamamee jira. Kompitarri, kaawuntarri, Kaaznaa xqqaa tokko cabsani qarshiis fuudhani jiru. Wanti hafe hin jiru.''
Akka Obbo Sa'id jedhanitti ammallee waan saamame hin baramne.
Baankiin Wagaagan illee baankiiwwan gochi akkanaa irratti raawwate kessaati.
Haa ta'u malee, miidhaan gahuu isaati malee hanga yoonaa hanga saamame quba akka hin qabne hogganaan kominikeeshinii baankichaa Obbo Fikruu W/Tinsaa'e BBC'tti himaniiru.
Baankiiwwan akka saamameetti odeeffaman keessaa tokko Baankii Itarnaashinaala Oromiyaa dha.
Haa ta'u malee, saamichi akka hin raawwanne pirezidantiin baankichaa Obbo Aabbe Saanoo dubbatu.
''Baankiin keenya homaa hintaane. Baankii kaan konkolaataallee jalaa fudhatani. Keenya immoo akka carraa ta'e hin tuqamne.''
Ganamaan qarshiin hedduu seenun isaa tarii namoonni odeeffanno waan qabanif ta'u danda'a kan jedhan Obbo Aabben, yaaliin saamichaa turuu garuu dubbatu.
''Warri eegumsaa itti dhukaasani ari'ani. Gidduu kanatti ijoolleen keenya sassaabatte cufattee baate.''
Boodarra daldaltoonni maamiloonni keenya irraa akka irraa dhowwan dhagaheera jedhaniiru.
Konkolaataa saamaman
Saamicha qofaa osoo hin taane baankiileen hedduu konkolaataa lafa waajjiraa dhaabatu saamamuu isaanii qondaaltonni baankii kunneen nutti himaniiru.
''Akka tasaa keenya gibbii dhuunfaa keessa ka'ani,'' jedhu Obbo Aabben.
Obbo Sa'id immoo, konkolaataa fudhachuu baatanis gommaa fi mi'a konkolaataa garaa garaa fudhatamuu himu.
Damee isaanii Jigjigaa lamaan malee kan Godee fi Togocaale jiru homaa akka hin taane nutti himaniiru.
''Bankii Abisiiniyaa, Wagaagani, Hibratiifi Awaash jalaa konkolaataa fuudhanii jiru. Odeeffannoo kana qabna,'' jedhan Obbo Sa'id.
Akka isaan jedhanitti Baankii Wagaagan damee tokko irraa konkolaataa tokko irraa immoo qarshii saamanii jiru.
Baankiilee cufaman
Hanga saamichi kuni mudatutti baankiileen hedduu tajaajila kennaa turan. Haa ta'u malee, erga gaafa Sambataa as baankiin hunduu cufaa akka jiran qondaaltonni kunneen himu.
''Baankiin hundumtuu cufaadha. Kan hojii eegale hin jiru,'' jedhu Obbo Sa'id.
Obbo Aabbe Saanoon illee baankiileen ammallee cufamanii akka jiran nutti himaniiru.
Obbo Sa'id akka jedhanitti, gara Somaalelaand maallaqni saamame muraasni qabamee jira. Kana add baasaa jiraachuu nutti himaniiru.
Hookkara Sambata darbe Jigjigatti dhalaten bankiile qofa osoo hin taane manneen dhuunfaa, daladalaa fi waajjiroonni kaanillee saamamuun isaanii ni yaadatama.