Indooneezhiyaa: Balaa raafamuu lafaa Odola Lombokitti mudateen namoonni hedduu du'an

Kirkira lafaa Lombok

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Kirkira lafaa Lombok

Balaa kirkira lafaa Odola Lombok kan Indoneeshiyaa keessatti argamu mudateen yoo xiqqaate namoonni 91 du'an.

Dhibbootaan kan lakkaawaman baayyeensaanii kaaba Oddoolichaatti miidhamaniiru jedhu qondaaltonni mootummaa.

Balaan kirkira lafaa magniitiyuudii 6.9 ta'e kun lafa jala kiilomeetira 30 gadi fagaatee lafa raasuudhaan gamoowwan hedduu barbadeessee, ibsaa addaan kuteera.

Balaa mudate hordofuun tuuristoonni biyya alaa 1,000 ta'an oddoola ollaa kirkirri lafaa itti mudatee kan taate Oddoola Gili gadi dhiisanii ba'aa jiru.

Balaan kirkira lafaa inni guddichi erga dilbata kaleessaa mudatee as sochiiwwan lafaa sasalphoon 130 ta'an mudataniiru.

Balaan danbalii galaanaa humnaa oliitiin ni mudata jedhamee akeekkachiisni kennamee ture sa'atii muraasa booda ka'eera.

Balaan ammaan tana mudate kun erga torbee darbe Oddoola Lombok keessatti balaan walfakkaataan mudatee namoonni 16 ajjeefamanii as isa hammaataadha.

Balaa kirkira lafaatiin namoonni miidhaman hospitaalatti yaalamaa jiru

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Balaa kirkira lafaatiin namoonni miidhaman hospitaalatti yaalamaa jiru

Namoonni miidhaman hospitaalota magaalaa Lombok fi Hospitaala Denpasar jedhamu kan kutaa biyyaa Bali keessatti argamutti yaalamaa jiru.

Lakkoobsi namoota du'anii dabaluu hin hafu jedhu lubbuu baraartonni. Hanga ammaatti namoonni 10,000 baraaramuus ibsaniiru.

Danaa Indoneeshiyaa fi argama Oddoolaawwan Bali fi Lombok akkasumas bakka kirkirri lafaa itti mudate