Aanga'oonni Sudaan Kibbaa aangoo waliif qooduuf

Pirezedaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiiiriifi dursaan garaa mormituu Reyiik Maachaara aangoo waliin qoodachuuf waliigalteera ga'aniiru.
Akka waldhabdeen humnoota Sudaan Kibbaa kana lamaan gidduutti ture kun akka dhaabbatuuf hojii jarrsummaa hojjetaa kan turan Ministirri Dhimma Allaa Sudaan Al-Dirdiirii Mohaammed Ahimad akka jedhanitti, aanga'oonni kun yeroo muraasa keessatti yaada aangoo waliif qooduu ni murteessu jedhamee eegama.
Pirezedaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiiiriifi dursaan garaa mormituu Reyiik Maachaara guutummaatti walii galtee waraana dhaabuu ji'a darbe mallatteessaniiru, ta'us garuu erga waliigaltee sanaatiis walitti bu'insi mullateera.
Yaadni aangoo waliif qooduu kan amma dhiyaate kun dubartii tokko dabalatee garee warra mormituudhaaf aangoo mootummaa caalaa bal'isuudhaan gara gitoota shaniitti ol-guddateera.
Erga walwaraansi biyya sanatti bara 2013 jalqabamee, namoonni miliyoona afurii ol ta'an buqqa'aniiru.








