Sudaan Kibbaa: Hoggantooti wal waraanaa turan Finfinneetti wal arguufi

Madda suuraa, Getty Images
Hoggantootni lolatti jiran Sudaan Kibbaa lamman , wal waraansa biyya isaani dhiiga hedduu dhangalaase dhaabuuf, wagga lamaan boda kallattiin wal arganii mari'achuuf Finfinnee galanii jiru.
Marii hoggantoota nannoo Afriikaa Bahaan qopheefameef, Piresedaant Saalva Kiirifi hogganaan mormituu Riik Machaar Itoophiyaatti argamu.
Hoggantoonni nannoo adeemsa gara fulduraaf, motumman qindoominaa kan Obbo Machaar iddoo isaa durii pireezidantii itti anaatti deebi'ee, dhabbileen mit-motummaa, dubartootifi dhabileen amantaas qooda keessatti qabaatan akka dhaabatu yaada dhiyeesaniiru.
Morkatoonni lamman Hagayya 2015 tti waligaltee nagaa mallatteesanii turan , garuu lollii biyyiitti keessatti ka'e namoota kumaatama ajjesuun namoota kitilaan lakkaa'aman qe'ee isaani irraa buqqaasera
Yeroo dhumaa morkaatonnii kun kan wal argan Adooleessa 2016'tti ture, mariin isaaniis looltoota isaani jidduutti lolaa haareessuun xumurame.
Hogganaan mormituu Riik Machaar hanga torbee kanaatti Afrikaa Kibbaatti baqatee, addabbii mana ofiitti hidhamuu jala ture.
Hasaan haraan kun waligaltee nagaa Hagayya 2015 mallatteessan hin milkaa'iin hanga har'aa ture haaressuu irratti xiyyeefatta.
"IGAD carraaqqii irra deddeebiin taasiseen, hanga tokko waraana biyyattii keessa jiru xiqqeessuun danda'ameera. Walitti bu'iinsiifi qe'ee irraa buqqa'uun xiqqaachaa jira. Ammammoo hoggantoonni lamaan Finfinnee galaniiru. Kun nagaa buusuuf carraa guddaa uuma," jedhu dubbi himaan ministeera haaja alaa Itoophiyaa Obbo Mallas Alam.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimad hoggantoota lamaaniif waamicha nagaa buusuu akka taasisanis Obbo Mallas himaniiru.
Jalqaba ji'a kanaatti manni maree nageenya biyyoota gamtoomanii, yoo waraanni kun itti fufee, qoqobbii mootummaa Sudaan Kibbaa irratti fiduuf akeekkachiisee ture.
Wal waraansi Mudde 2013 jalqabe kun rakkoo godaansaa hammaataa ardii Afrikaatti fideera. Dhaabileen gargaarsaa hongeen ammas Sudaan Kibba mudatuu akka danda'u akeekkachiisaniiru.












