Mana barumsaa Afriikaa Kibbaatti ijoolee durbaa qullaa sirbisiisuun waldhabde fide

Madda suuraa, DispatchLive
Agarsiisa ''qullaa'' gartuu shamarran mana barumsaa Afriikaa Kibbaa tokkon raawwate, ministirri barnoota biyyatti qorannoon akka gaggeeffamu waamicha akka godhan kan taasise ture.
Vidiyoo wayita ijooleen durbaa Xoosaa marxoo xiqqoo ''inksiyoo'' jedhamu tokko godhatani wayitan arge ''guddoon muffadhe'' jechuun Aanjii Motsheekgaa dubbatan.
''Ulfina dhabuun akana kun aadaa fi dudhaa keenyaa kan falleessudha'' jechuunis ministirri barnoota kun dubbataniiru.
Haa ta'u malee, itti gaafatamaan agarsiisa kanaa, kan na boonseedha - jechuun gartuu kanaaf mormaniiru.
Akka fuula marsariitii Saawuuz Afriikaa Daayiliitti, barsiisaan maqaansaa hindhahamiin kun: ''Aadaa Xhoosaa keenyaatti ni boonna. Inkisiyoottis ni boonna. Dubartootaa fi shamarran Xhoosaanis ni boonna,'' jechuun dubbataniiru.
Xhoosaan, Afriikaa Kibbaa keessatti guddina sabaan sadarkaa lammaaffarratti kan argamuudha.
Vidiyoon agarsiisa dorgommi Mitaataa, Baha Keeptaawoontti godhame fi jalqaba torbe kanarratti mul'ate kun shamarran waltajjirratti harmaa fi ta'aa isaanii qulla wayita sirban kan agarsiisu ture.

Madda suuraa, @DBE_SA
Viidiyoon kun agarsiisa aadaa xhoosaarra kan fudhatameedha, jechuun taaymeLaayiv kan jedhamu marsariitiin Afriikaa kibbaa tokko gabaaseera.
''Gama barsiistootan wayita ilaalamu kun haala fudhatama hinqabneedha. Miidha akkanaaf ijoolee durbaa kan saaxilurra kan wayyu gochu ni danda'u turan,'' jechuunis ministerattiin ibsa isaani keessatti akka dubbatan AFP eereera.
''Aadaa ofiin boonuun gonkumaa dogoggora miti, haa ta'u malee ijooleen kunneen qullaasanii sirbuun garu waan barbaachisaa hinturre.
''Ulfina dhabuun akkanaa kun aadaa fi dudhaa keenyaa kan faalleessuudha.''












