Qubsuma koo 23: Osoon raajii raawwachu danda'ee namoota hundaaf jaalalaafi haqan fida ture.

Biijayii Birhaan

Madda suuraa, Beejhy Barhany

Biijayi Birihaanan jedhama. Lafti dhalootaa kiyyaa Tigiraay keessatti ta'u amma Ameerikaa magaalaa Niiwu Yoorki keessan jiraadha.

Jalqaba yoon daa'ima waggaa 7 turen gara biyya Isiraa'el deeme. Achiinis leenjii loltummaa fudhadheera.

Achiin booda akka daawwataa ta'een ture gara Niiwu Yoorki kanan dhufe. Isaan boodas bakkeewwan biroos daawwachuuf carraa argadheera.

Magaalaa kanatti waan adda ta'e kanan hubadhe; aadaan namni keenya waliin jiraata. Namni umuriin isaa angafaa ni kabajama. Ameerikaatti garuu fallaa kanaati.

Qofummaan jira; namni umuriin isaa deemes gara bakka maanguddoonni itti kunuunfamanitti ergama.

Magaalaa Niiwuu Yoork keessatti ani abbaa qabeenyaa mana nyaataa Tsiyoon.

Gosa nyaataa lammiilee Itoophiyaafi Ameerikaatiif mijataa ta'uun dhiyeessa.

Mana nyaataa Tsiyoon

Madda suuraa, Beejhy Barhany

Innins nyaata shunkurtiifi hanqaaquu waliin bilcheefamuun hojjetamufi qorxummii Saalemoon yoo ta'u, nyaata jaalatamaa biddeena waliin dhiyaatuudha.

Biyyaakootii kanan baay'ee yaadu, qilleensa qulqulluudha. Keessattuu qilleensa naannoo Aksuum jiru baay'een jaalladha ture; baayyeen yaadas.

Gama seenaatiin biyya kanatti kan natti tolu bakka Tsiyoon jedhu kan ani mana nyaataa koo ittiin moggaaseedha. Sababiin isaas bakka baayyee seena qabeessa ta'edha. Dur Maalkum Eegis; Reedfooksi, Polii Pookar bakka kanarratti hojjatanii turan. Amma bakki kun 'Pimi Shaacikin' jedhama. Bakka seenaa 'Shugaar Hiil' qabatedha.

Namoota Afirikaa biroorraa dhufan waliin hojjenna; akaakuuwwan nyaata adda addaa waliin qopheessina. Kanaan alattis ammo, namoota baay'ee waliin walbaruu danda'eera.

በሽንኩርትና በእንቁላል የሚቁላላው ሳለሞን ዓሣ በእንጀራ ሲቀርብ ተወዳጅ ምግብ ነው።

Madda suuraa, Beejhy Barhany

Osoon raajii hojjechuu danda'a ta'e, nama hundumaaf tokkummaafi haqan fidaaf ture. Sababiin isaas namoon hedduun kan dhaban isa waan ta'eef.

Niiwuu Yoorki keessatti wanta adda ta'en Itoophiyaa akkan yaadadhu na godhan yoo jiraate, saba bifa adda ta'e qabnu ta'u keenyadha. Bifa 'Harlem' ta'e jechuudha.

Namni Roomaa qoosaan beeku tokko gaaffii gaazexeessaani, eessaa dhufte jedhee gaafateef, biyya Harleem Eventi Itoophiyaa125 irraan dhufe jedhuun deebiseef.

Kanan gara kana dhufa nama umurii waggaa 22 ta'een. Ijoollee waanan tureef yeroo sanatti baayyee natti ulfaate ture. Akkasumas maatii baay'een yaada ture.

Haa ta'u malee, kun hunduu darbeera. Milkaa'inarra ga'uudhaaf qormaata akkasii darbuun dirqama. Amma ammoo waggoota 22 Niiwuu Yoorki keessa jiraadheera.

Utuu gara duubaatti deebii'ee ilaaluun kan naaf danda'amu ta'e, yeroo waraanni Aduwaa gaggeeffamu arguun na gammachiisa ture.