Mootiin Sa'uudii qondaala waraana biraa muudan

Madda suuraa, Getty Images
Sa'uudii Arabiyaan halkan tokkotti Ajajaa waraanaa biyyattii dabalatee aanga'oota waraanaa olaanoo aangoorraa kaaste.
Mootichi Sa'uudii Salmaan hoogganoota waraana lafoo fi qilleensarraa duraanii kaasuun kanneen biroo bakka buusaniiru.
Oduun waa'ee har'iamuu aanga'oota waraanaa gameeyyii Sa'uudii Arabiyaa kana kan gabaase barruun mootummaa Sa'uudii Arabiyaa ,Sa'udi Press Agency, jedhamu sababa isaan ittiin kaafaman garuu hin keenye.
Oduun kun kan dhagahame wayita waraanni Yaman ,kan Sa'uudiin qindeessitee fiinxaaleyyiidhaanin lola jettu, waggaa sadaffaansaa xumuratti dhiyaatettidha.
Raafamaa fi buqqaasuu humna waraanaa Sa'uudii booda kan jiran mootii biyyattii fi Ministera Ittisaa kan ta'an Bin Salmaanidha.

Madda suuraa, Reuters
Mootichi Sa'uudii hojii akkanaa aadeffataniiru. Waggaa darbes duula malaammaltummaa fi kachachala aangoo hambisuuf jecha namoota rakkoo qaban jedhamanii shakkaman kanneen akka mootolee, ministirootaa, daldaltootaa fi dureeyyii akkasumas namoota maqaansaanii biyyattii keessatti beekaman hedduu hoteela Riitzi Kaarlitonitti hidhanii turan.








