Heeyitiitti Shakkamtoonni Okisfaam ''ragaa qaamaan'' sodaachisaniiru

Okisfaam

Madda suuraa, Reuters

Okisfaam, 2011'tti qorannoo taasifameen dhiironni sadi Heeyitiitti miidhaa saalaa raawwatan akka ifa hin baaneef ragaa sodaachisuu isaaniitiin himataman ifa baasee jira.

Dhaabbanni walgargaarsaa kun gabaasaa keessoo hojjattooonni isaa miidhaa geessisan ibsu dhiibbaa hawaasarraa irra ga'een maxxansuuf dirqameera.

Gabaasa 2011tiin hojjattoonnisaa dhaabbata gargaarsaa kan biraa keessa akka hin hojjanne dhorkuuf caalaatti hojjatamuu qaba jedhee ture.

Akeekkachiisni kun akkuma jirutti, namoonni miidhaa saalaa geessinaiiru jedhaman kunneen, dhaabbilee gargaarsaa kan biroo keessa hojjachaa akka turanis ni ibsa.

Biyyoota 90 ol keessatti hojjattoota 10,000 ol kan qabu Okisfaam, murtoo kennamerratti, ''hanga danda'ameen ifaaf bilisa ta'uu barbaanna'' jechuun gariin guutuu gabaasichaa baasee jira.

Kutaan gabaasa kanaa muraasni eeynummaa namootaa dhoksuuf jecha haqamee jira, warreen himata ragaa burjaajessuu keessa jiran dabalatee.

Okisfaam gabaasa guutuu hin hanqifamne mootummaa Heeyitiitti Wixata kana dhiheessuun ''balleessa'' raawwatameef dhiifama ni gaafata.

Dhaabbatichi kana dura hojjattoonnisaa Heeyitiitti dubartoota hojii qunnamtii saalaarratti bobba'anitti fayyadamanii jiru jedhamee dhiibbaan idil addunyaa guddaa irra ga'aa ture.

'Arrabsoo fi sodaachisa'

Hojjattoonni Heeyitii turan torba 2011'tti sababa amalatiin walqabatee hojii akka gadi-lakkisan gabaasichi ni mullisa.

Hojjataan tokko yoo ari'amu sadi ammoo hojjattoota qunnamtii saalaa mooraa Okisfaam keessatti fayyadamanii jiru jedhamuun ofiin hojii lakkisani. Umuriin warra hin geenyettis fayyadamaniiru kan jedhu ni jira.

Lama ammoo arrabsoofi sodaachisuudhaan yoo ari'aman, tokko fiilmii 'pornography' koompiitara irratti buusuu isaatiin akkasumas kan biraan ammoo waahilasaaf eegumsa hin goone jedhamuun hojiirraa ari'amanii turan.

Roolaandi Vaan Hoowermeeyiran

Madda suuraa, VRT

Ibsa waa'ee suuraa, Miistar Hoowermeeyiran 2010'tti gara Heeyitii osoo hin deemin dura 2006-2009 Chaad keessa hojjachaa turani

Gabaasa sana keessatti, Heeyitiitti daayirektara Okisfaam kan ta'an Roolaandi Vaan Hoowermeeyiran, hojjattoonni qorannoo taasisan irratti, ''hojjattoota qunnamtii saalaa fayyadamuu amananiiru'' jedhameera.

Torbee darbe garuu Roolaandi Vaan Hoowermeeyiran dalagaa akkasiif kaffalti hin raawwanne jedhani.

Namni kun dalagaa raawwatan garee qorannootti himuuf hayyamamoo ta'uusaaniitiin ''kabajaan'' ofiin hojii akka gadhiisaniif dhaabbatichi hayyamuunsaa beekameera.

Namoota ragaa sodaachisaniiru jedhamuun gabaasa gariin ba'e kana keessatti himataman keessa maqaan isaanii hin eeramne.

Kutaa gabaasichaa ''barnoota argame'' jedhu keessatti, hojjattoota amala qaanessaa akkasii qaban/rakkisoo ta'an to'achuuf hordoffiin cimaan taasifamu akka qabu addeessa.

Sadarkaa hojii gurguddoo

Gabaasni kun akka jedhutti, namoota salphina akkasii keessa seenan hojii kan biraa keessa akka hin seenneef ittisuuf ''malli fooyya'aa'' barbaachisee akka turedha.

Akeekkachiisni dhaabbatichaan kenname akka jirutti, namoonni maqaansaanii eerame kunneen Oksifaam dabalatee dhaabbilee gargaarsaa kan biroo keessatti hojjachaa akka turan himame.

Miistar Roolaandi Vaan Hoowermeeyiran salphina kana boodallee 'Action Against Hunger in Bangladesh' keessatti iddoo hojii guddaarratti akka hirmaatan beekameera.

'Action Against Hunger' gama isaatiin waa'ee nama kanaa beekuuf Okisfaamiiin irra deddeebiin gaafannus, amala gadhee akka qaban ragaa mullisu akka hin arganne beeksiseera.