Volkaanoo Baalii: Daaraan Tulluu Aguung buufanni xiyyaara guyyaa lammaffaaf akka cufamu taasise

Madda suuraa, AFP/Getty Images
Daaraa Tulluu Aguung irraa ol aaru irraa kan ka'e, angaawwonni Indoonezhiyaa guyyaa lammaffaaf dirrre xiyyaara Baalii cufaniiru.
Bakka volkaanoon torban darbe itti dhohe irraa aarrii yookaan daaraan guuraachi hanga kiiloo meetira 3 ol ka'e mul'ataa jira.
Dhoohiinsi guddaa cimaa ta'e jiraachuu danda'a sodaa jedhuurraa ka'uunis qondaaltonni akkeekachiisa cimaa ta'e Wiixata dabarsaniiru.
Akkasumas namoonni 100,000 ol ta'an naannoo sana gadi lakkiisanii akka bahanis ajajamaniiru.

Madda suuraa, AFP/getty
Daaraan volkaanoo kunis motoora xiyyaaraa barbaddeessuu ykn sirriiyyu akka kufu taasuisuu danda'a. Akkasumas sirna qobbanneesaa fi bob'aa cufuu danda'a. Dandeettiin nama xiyyaara baleessuus rakisaa ta'u danda'a.
Jalqaba Ministeeri Geejjibaa Wiixata ganama iirratti sa'aatii 24'f buufata xiyyaara Nguuraah Raay cufuun. Imalli xiyyaaraa 400 ol ta'aniinis akka haqamuu fi namoonni 59,000 imala irra akka hafan taasisanii turan.
Gaafa Kibxataa ammoo, dhorkaan kun hanga Roobii ganamaatti akka itti fufuus beeksisaniiru.








