Suuraalee filatamoo Afrikaa: Sadaasa 10-16, 2017
Suuraalee babbareedoo Afrikaa keessa filataman

Madda suuraa, AFP
Modeeliin Gaanaa Naanaa Akuwaa-Addoo afaa diimaa irratti badhaasa 'All Africa Music Awards' gaafa Dilbataa Leegos qophaa'erratti suura ka'uuf yeroo dhaabatte .

Madda suuraa, Empics
Afrikaa Kibbaa, Piritooriyaatti gaddatu jira. Gareen walabaa qophiicha akka qopheessuu dandeessu erga qorate booda gaafa Roobii lammiileen Afrikaa Kibbaa Waancaa Addunyaa Raagbii kan bara 2023 qopheessuu xiqqumaaf Faransaayin jalaa fudhatame.

Madda suuraa, Atakilti H/Sillassie
Kilaboonni naannoo Tigraay Maqalee fi Walwaaloo Addigraat yeroo duraaf pirimeelriigii Itoophiyaa irratti yeroo wal argan rakkoon nageenyaa uumama jedhame sodaatame ture. Haa ta'u malee, deeggartoonni kilaboota lamaaniifi jiraattonni magaalaa Maqalee bakka argamanitti bareede raawwateera.

Madda suuraa, AFP
Gara Kaaba Afrikaa yeroo imallu immoo Morookoo, magaalaa Maaraakeeshitti gammachuutu goobane. Kuni egaa Piritooriyaan adda. Morookoon gaafa Sambataa Ayivoorii Koost injifattee Waancaa Addunyaa Ruusiyaan ji'a muraasa booda qopheessituuf waan darbanif gammachuu addaatu ture.

Madda suuraa, EPA
Dubartiin kuni filannoo Ikkuwaatoriyaal Giinii torban kana taasifame irratti sagalee ishee kennite.

Madda suuraa, AFP
Loltoonni Keeniyaa mana murtii olaanaa biyyatti turan lama rooba jalaa dheessuuf dibaabee qabatani mul'atu. Abbootiin seeraa keesa jiran immoo filannoo Onkololeessa 26 kan yeroo lammataaf taasifame irratti murtii kennuuf dhimmicha ilaalaa jiru.

Madda suuraa, AFP
Kibbatti gadi-buune immoo daldaltuun wantoota adda addaa daandii magaalaa guddoo Zimbaabwee Haraaree irratti gurguru agartu. Guyyaa tokko booda ture loltuun magaalatti kan to'ate. Hoggantoonni waraanaa miseensota paartii 'Zanu-PF' balleessan akka adda baasan himanis aangoo ummatatti deebisuuf jedhu.

Madda suuraa, Reuters
Guyyoota muraasa dura, gaafa Sambataa Kaartuum Sudaanitti, daldaltoonni maamiltoota hawwachuufi meeshaalee gurguruuf eegaa jiru.

Madda suuraa, Ronald Grant
Ogeessi suuraa god-hambaa meeshaalee faayaa Gibxii magaalaa Kaayirootti gaafa Roobi kaase dha. God-hambaan kuni waggaa baranaa jalqabarra baname.

Madda suuraa, AFP
Suura gaafa Kibxataa Abijaan, Ayivoorii Koostitti ka'e seenaa, aartii akkasumas ispoortii walitti fideera. Namni tokko suura Ernestoo Chee Guveeraa fi Mu'aammar Gaadaafii keenyaa daandii qarqara jiruurratti ka'e yeroo bishkilitii oofaa bira darbu mul'ata.

Madda suuraa, EPA
Agarsiisni 'new Zeitz Museum of Contemporary Art Africa (Zeitz MOCAA)' Afrikaa Kibbaa magaalaa Keptaawon bakka Viktooriyaa fi Alfireed Waatarfirontitti qophaa'e marti waa'ee aartiidha. Dubartoonni kunneen hojii artistii Naayjeeriyaa Taayiyee Idaahor gaafa Roobii seensi tola ta'e dhaqani daawwatan ka'edha.
Suurawwan kana AFP, EPA, PA, akkasumas 'Reuters' irraa walitit fidne.













