Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waldhabdee Zimbaabwee: Roobart Mugaabeen fuuldura ofii irratti mari'ataa jiru
Ministiroonni Afrikaa Kibbaa pirezidantii Zimbaabwee aangoorraa kaafamanii fi waraana waan hunda to'ate gidduutti marii cimaa taasisuuf Haraaree argamaniiru.
Hiree fuuldura Zimbaabwee akkasumas pirezidantii biyyattii waggoota 37'f bulchee fi yeroo mana keessa hidhaman irratti walii galteerra gahuuf yaalaa akka jiran kan dhagahame.
Gama kaanin, hogganaan paartii mormituu Morgaan Shaangaraayi Roobart Mugaabeen ammuma aangoo irraa bu'uun filannoo dimookiraatawaaf haala mijeesuu qabu jechuun kan dubbatan.
Dhaabbanni naannoo Afrikaa Kibbaa Hawaasa Misooma Afrikaa Kibbaa (sadc) jedhamu dhimma kana irratti marii arifachiisaa taa'uuf jedhu.
Maddeen akka jedhanitti garuu Mugaabeen aangoorraa bu'uu hin feene.
Roobart Mugaabeen pirezidantii biyyattii akka ta'anitti of ilaalaa jiruu kan jedhame.
Haaluma wal fakkaatun, dursaan Gamtaa Afrikaa pirezidantiin Giinii Alfaa Kondee Gamtaan Afrikaa yaalii waraanaan aangoo qabachuu kamiyyuu 'tasa hin fudhatu'' jedhaniiru.
Waraanni kaampii isaatti deebi'e heerri biyyittii kabajamuu qaba jechuun kan dubbatan.
Waraanni maaliif kana godhe?
Roobart Mugaabeen bulchiinsa namoota adii muraasaan hogganamu bara 1980 erga aangoo irraa buusan booda biyyattii olaantummaan bulchaa turani.
Haa ta'u malee, walmorkii eenyuu isaan haa bakka bu'u jedhu irratti dhaaba siyaasaa isaanii gidduutti garaagarummaan uumame.
Haati warraa isaanii Girees Mugaabee fi pirezidantiin itti-aanaa aangoorraa kaafaman Emarsan Minaangaagwaa teessuma Mugaabee fudhachuuf walmorkiirra turan.
Mugaabeen torban darbe haadha warraa isaaniif caalsifatani loltuu dagabaasuu (koloniyaalizimii) lolaniifi pirezidantii itti-aanaa turan aangoorraa kaasan.
Kuni hoggantoota waraanaaf ragaa gahaa ta'eeti gaafa Roobii biyyattii kan to'atan.
Kanaafuu, Haraareetti amma maaltu ta'aa jira?
Magaalli guddoo to'annaa cimaa jala jirti.
Obbo Mugaabeen mana keessa to'annaa waraanaa jala jiru. Phaaphaasiin Kaatolikii yeroo dheeraaf Mugaabee beekan, Abbaa Fideliis Mukonoorii, hiree fuuldura Mugaabee irratti waraana waliin mari'ataa jiru.
Ministirri Humna Ittisaa Afrikaa Kibbaa Nosiviwee Maafisaa-Nikaakula fi Ministirri nageenyaa mootummaa Bongaanii Bongoo Hawaasa Misooma Afrikaa Kibbaa (sadc) yeroo ammaa Afrikaan Kibbaa dursitu bakka bu'uun Roobart Mugaabee waliin haasawaa jiru.
Dhimmoonni gurguddoo gaheen obbo Minaangaagwaan qabaatuu fi nageenya maatii Mugaabee irratti xiyyeeffata jedhameera.