Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaatti daa'imman hedduun talaallii gifiraa hin argatan
Daa'imman miiliyoona 20 akka adduunyaatti talaallii dhukkuba gifiraa hin arganne keessaa Naayijeeriyaan miiliyoona 3 qabachuun tokkoffaa dha jedha gabaasni fayyaa haaraa bahe tokko.
Biyyoonni Afriikaa kan biroo lama - Itoophiyaa fi Riippabliikni Diimokiratawaa Koongoo - biyyoota lakkoofsa daa'imman talaallii kana hin arganne baay'inaan qaban keessa jiru.
Gabaasni kun kan dhufe yeroo bonaa weerarri dhukkuba gifiraa ni ka'a jedhamee yaadda'amutti. Naayijeeriyaatti, Sadaasa hanga Bitootessaa'tti yeroon jiru dhukkubni gifiraa baay'inaan yeroo itti mudatu dha.
Bara darbe ji'oota Amajjii fi Fulbaana gidduutti naannoo Baha-Kaaba biyyattiitti, daa'imman 3,000 dhukkuba kanaan qabamaniiru jedhamee shakkama.
Dhaabbileen fayyaa naannichatti argaman walitti bu'iinsa mudachaa tureen kan miidhaman yoo ta'u, namoonni miiliyoona 7 ol gargaarsa fayyaa ni barbaadu.
Qopheessitoonni gabaasa kanaa - 'the measles and Rubella Initiative', Giddugalli to'annoo fi ittisa dhukkubaa Ameerikaa, Yuuniseef akkasumas Dhaabbanni Fayyaa Adduunyaa - weerarri dhukkuba salphaatti daddarbu kanaa, daa'imman dhukkuboota kan akka Daranyoo Sombaa, Garaa kaasaa, Argaa dhabuu fi du'aaf saaxiluu danda'a.
Jalqaba bara kanaarra, Naayijeeriyaatti duulli talaallii daa'imman umurii ji'a 10 hanga waggaa 10 jiran irratti xiyyeeffate taasifamee, daa'imman miiliyoona 4 ol ta'an tajaajila kana argataniiru.