Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Liyoonel Mesiin PSG’ttiis waancaa Chaampiyeens Liigii irra-aanuuf akka yaade hime
Taphataan duraanii Baarselonaa dhihoo kilaba Faransaay PSG seene Liyoonel Meesiin kilabii isaa haaraatti waancaa Chaampiyeens Liigii injifachuu dandeenya jedhe.
''Garee waancaa kana irra - aanu qabna jedheen yaada,'' jechuun dubbate.
Lammiin Arjantiinaa ganna 34 kuni Baarselonaa waliin waancaa Chaampiyeens Liigii afur ol kaaseera. Yeroo xumuraaf waancicha kan kaase garuu bara 2015'tti ture.
PSG'n garuu 2020'tti xumurarra gahee Baayer Munikiin isa mo'amen alatti waancicha takkaa fudhatee hin beeku.
''Galmiifi abjuun kiyya waancaa Chaampiyeens Liigii dabalataan yeroo tokkoof injifachuudha,'' jechuun har'a kilabii isaa haaraa erga seene booda ibsa kenneen dubbate.
Mesiin ganna 13'tti Baarselonaa seenuun yeroo dheeraaf waliin turuus seera faayinaansii laaligaan kilabiin isaa taphataa waliin guddoo milkaa'e of bira tursuu waan hin dandenyeefi PSG seene.
Taphataan maqaa guddaa qabu kuni taphoota 778 irratti goolii 672 Baarselonaaf galcheera.
Badhaasa Ballon d'Or si'a jaha fudhachuun namni itti qixxaatu hin jiru. Bara turtii isaa Nuu Kaampitti waancaa garaa garaa 35 ol kaase.
Kilaba jijjiiruun rakkisaa ta'u kan hime Meesiin amma immoo kilaba haaraa waliin imala eegaleera.
''Akkuman as dhufeen baay'een gammade. Dafee shaakala eegaluun barbaada,'' jechuun dubbate. ''Obsa hin qabu, ammallee mo'achuun barbaada.''
Dabalataan, ''Kilabiin kuni waancaa hundaaf morkachuuf qophiidha. Guddachuu, ammallee waancaa biraa argachuun abjukoo waan ta'ef kilaba kanatti dhufe,'' jechuun ripportarootatti hime.
Baarsaa morkachuu
Gareen PSG taphattoota ciccimoo qabuu Mesii dabalachuun waancaa guddaaf isa kaadhimuu danda'a.
Kilabichi Serjiyoo Raamos, Joorjiyoo Waayinaaldam fa'i mallatteessieera. Mesiin tarii kilaba isaa duranii faallaan hiriiruun morkachuu mala.
''Uffata taphattootaa biraan Baarselonaa dhaqanii taphachuun miira addaa nama keessa uuma,'' jechun dubbate.
Tumsa Mesiin fidu
Mesiin gara magaalaa guddoo Faransaay dhufuun isaa jifannaa kilaba PSG akkaan guddisa.
Mesiin PSG'tti taphattoota sarara fuulduraa gatii qaliin mallatteeffaman kanneen akka Neyimaariifi Kiiliyaan Mibaappee waliin taphata.
Pirezidantiin PSG Naasir Al - kelaafi Mesiin gara kilabichaa dhufuun Mibaappee kilabicha keessa tursiisuuf murteessaadha jedhaniiru.
Kontiraatni taphataa Faransaay kan Waancaa Addunyaa 2018 iniifate 2022'tti xumurama.
''Inni kilaba dorgomaa cimaa ta'e barbaade. Akkan yaadutti yeroo ammaa kilaba dorgomaa cimaa ta'e qabna. Sababa kanaaf, turuu malee waan biraa gochuu hin danda'u,'' jechuun Al - Kelaafiin dubbatan.