Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Atileet Gudaaf Tsaggaay fiigicha mana keessaa m1500n rikordii Ganzabee Dibaabaa cabsite
Atileet Gudaaf Tsaggaay fiigicha mana keessaa Liivinitti gaggeeffameen fageenya m1500n rikardii haaraa galmeessite.
Fiigicha fageenya gidduugaleessaa mana keessaa 'World Athletics Indoor Tour Gold' jedhamu Kibxata Faransaayitti fiigameen atileetiin Itoophiyaa Gudaaf rikardii duraan ture irraa sekondii lamaan dursuun daqiiqaa 3:53.09'n galuun rikardii haaraa galmeessite.
Marsaan sadii yeroo hafu Gudaaf Tsegaayyi shaampiyoonaa yeroo lamaa fiigicha mana keessaa Awurooppaa kan turte Laawuraa Muuyir sekondii afuriin caaluun itti fufte.
Gudaaf fageenya m1000 tahu daqiiqaa 2:37.36 tahun xumurtee sana boodas saffisa ishee hin xiqqeesine.
Marsaan lama yeroo ishee hafus sa'aan fiigde 2:52.9 kan agarsiisu tahus sekondii 30 hafte keessatti saffisa dabaluun rikardii haaraa kana galmeesite.
Gudaaf rikardii bara 2014 Karlisiruhetti Ganzabee Dibaabaan qabamee ture kan fooyyesite.
Muuyir sadarkaa lammaffaan kan xumurte yoo tahu, sa'aatiin ishee galmeesite 3:59.58 Biriiteniif rikardiidha. Miiltoonishee Melisaa Koorteenii Biriyaanti daqiiqaa 4:04.79 galuun 3ffaan xumurte.
''Rikardii fiigicha mana keessaa addunyaa galmeessuu koon baay'ee gammadeera,'' jette Gudaaf.
Shaakala cimsee waanan hojjedheef rikardii fiigicha mana keessaa cabsuuf kaayyeffadheen ture jette.
Kan malees atileetotni lama rikardii addunyaa fiigicha mana keessaa kana cabsuuf xiqqoon hafee, osoo hin milkaa'in hafaniiru.
Atileetiin Itoophiyaa Geetinet Waalee fageenya 3000m daqiiqaa 7:24.98 galuun sadarkaa 1ffaan yoo xumuru, seenaa fiigicha mana keessaa addunyaa irratti saffisa isa 2ffaa tahee galmaa'eera.
Atileetiin USA Giraanti Hoolooway fiigicha gufachiisaa 60m fagaatu sekondii 7.32 keessatti galuun 0.02 jedhee rikardii osoo hin cabsiin hafe.
Atileet Geetinet Waalee ganna 20 yoo tahu rikardii atileet Daani'eel Komen yeroo dheeraaf ture 7:24.90 cabsuu danda'a jedhamee eegama.
Dorgommii mana keessaa fageenya 3000m kanaan atileet Salamoon Baareggaa sadarkaa lammaffaan yoo xumuru, Lameechaa Girmaa 3ffaan xumure.