Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Teknooloojii VAR Pirimeer Liigii keessatti: Taphoonni dhumatorbee jalqabaa akkamiin dabran?
Teeknooloojiin VAR Pirimeer Liigii keessa galeera. Akkuma eegamu deeggarsaa fi mormiin isa mudateera.
Taphni baranaa ka eegale Jimaata tahus, gaafa san murteen addaa VAR'n dabre hin turre.
VAR (video assistant referee system) kan jedhamu yogguu tahu - viidiyoo waraabame gargaaramuun murtee murteessaan gidduu dabarsu, keessa deebiin kan ilaaludha.
Qajeelfama VAR Pirimeer Liigii keessatti - kan hojiirra oolu wayita ''dogoggoroota ifa ta'an'' akkasumas ''mudannoowwan olaanaa tahaniifi jala dabran'' mudatan akka tahe akeeka. Isaan kunis gosoota afuriin adda kan bahanidha.
- Goolii- tapha galchiin dura turerratti dogongorri mudateeraa? (badii, taphaan ala,...)
- Rukuttaa peenaaliitii - murteessaan murtee sirrii peenaalitii kennuufi dhorkuurratti dabarsuusaa.
- Kaardii diimaa kallattii - badiin dirree keessatti uumameef murteessaan adabbii sirrii tahe dabarseeraa?
- Eenyummaa dogongoraa - Murteessaan dogongoraan kaardii keelloo ykn diimaa taphataa balleessaa uumeef osoo hin tahin, kan biraaf kenneera taanaan.
Pirimeer Liigiin akkaataa hojiirra oolmaa teeknooloojii kanaa ganna lamaaf itti yaadaa erga turee booda, seera ofii baasuun hojiirra oolchuuf murteesseera.
Torbeen jalqabaa VAR akkam ture?
''Leenjii waggaa lamaan booda VAR waliin tapha eegaluuf namuu baayyee gammadeera,'' kan jedhu Kiriis Fooy, garee hojiirra oolmaa teeknooloojii kanaa oolaantummaan hordofan keessaa tokko.
''Gaarii turee? Erga Raahim Isterliing tapha Maan Siitiin booda akka jedheen, yoo murtee dhugaa dabarsina taanaan, faayidaa gaarii qaba.''
Yaaddoon guddaa gama VAR'n jiru -kan deeggartoota waliin walqabatee jirudha. Pirimeer Liigichi kana hubachuun komunikeeshiniin qindaawaa tahe akka jiraatu mijeesseera.
Ergaan akka dabru barbaadamu iskiriiniiwwan gurguddaa irratti agarsiifamu.
''Miirri gaarii tahee fi gaarii hin taanes istaadiyeema keessa tureera,'' jechuun gabaase gaazexeessaa Gary Rose.
Tapha Maan Siitiin 5 - 0 West Haamiin mo'aterratti VAR gahee guddaa taphateera.
Akka jecha Pirimeer Liigiitti tapha keessa yeroo 70'f VAR'n irra deebiin ilaalamaniiru.
Murteessaan duraanii Dermot Gallagher haalli teknooloojichi hojjete gaarii ture jedheera. ''Akka yaada kootti, wanta gaariidha, jalqabbiinsaas bareedaadha. Murteen sadii wayita haqaman argineerra - murteewwan kunis ija namaatiin ilaalanii murteessuun ulfaataa ture.
Ni fooyya'a, saffisni isaas ni dabala -namoonnis itti baraa adeemu.''
''Wayita ani murteessaa ture sanatti otoo VAR kun jiraate bareeda ture. Dogongoroota hojjedhe gara duubaa deebi'uun ilaalan ture. Akka murteessaatti, sababni si hin barbaachifneef mee maali?'' jechuunis barbaachisummaa teknooloojii kanaa deeggaru.
Taphoota dhumatorbeetti wantoota mudatan
West Ham 0-5 Manchester City
Weest Haam 0-5 Maan Siitii
Tapha kanarratti wayita torba murteen torba VAR'n sakkatt;'amaniiru - murteen lama haqameera.
Barnileey 3-0 Saawuzihaampitan
Murteen jaha ilaalamaniiru, murteen haqaman hin jiran.
Waatifoord 0-3 Biraayiteen
Murteen jaha ilaalamaniiru, murteen haqaman hin jiran.
Barnimaz 1-1 Shiifild Yunaayitid
Murteen jaha ilaalamaniiru, murteen haqaman hin jiran.
Tottenham 3-1 Aston Villa Totanihaam 3-1 Astoon Vilaa
Murteen torbailaalamaniiru, murteen haqaman hin jiran.
Leicester 0-0 Wolves Leesistar 0-0 Woolvis
Murteen tokko haqameera
Maan Yunaayitid 4-0 Cheelsii
Gooliifi rukuttaan peenaalitii hunduu irra deebiin ilaalamaniiru, murteen haqame garuu hinjiru.