Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Firaanki Laampaardi moo Ole Guna Soolshaayertu irra aana?
Tapha guddaa jalqabii Piriimerligii Ingiliziin Maanchister Yuunaayitid Chelsii waliin sa'a 12:30 irratti taphata.
Tapha kana irratti Lesister Siitii irraa paawondii miliyoona 80'n Manchister Yuunayiditi kan makame Haarii Maguwer ni hiriira jedhamee eegama.
Roomeluu Lukaakuu jijjiran kan dhabe Yuunayitid bakka isaa taphataa haaraa fiduu dhabuun yaaddoo taha kan jedhan jiru.
Poogbaan miidhama dugdaan booda ni deebi'a jedhama. Gama Chelsiin ammoo Ngolo Kaanteen hiriiruun hin baramne.
Looftas Chiik, Antoniyoo Rudigerii fi Hudsoan Odooy miidhamaan taha Kanaan ala tahaniiru. Joose Moriinoon kileboota lamaan leenjisaa turan har'a erga leenjisummaa isaanii irraa ari'atamanii gara Old Tiraaforditti deebi'uun taphicha Bein sport irratti kan xiinxalan taha.
Chelsiin bara kana taphataa cimaa Eden Haazardiin dhabeera. Bakka isaa ji'a Amajii darbe kan mallatteesse Kiristaan Puulisich ni hiriira jedhamee eegama. Chelsiin sababa adabbiin taphattota haaraa hin mallateesifne.
Frink Laampaardii fi Ole Gunaar soolshaayer kileboota isaaniif waggoota dheeraaf taphachuun seenaa galmeesisaniiru.
Har'a immoo lameen leenjisaa tahuun wal dorgomu. Maanchister Siitiin tapha Raahem Isterliingi galchii sadii jalqabaa bara kanaa[hatrick] irratti lakkofsiseen galchii 5 fi 0'n West Haamiin mo'atee eegaleera. Liiverluulis akkasuma 4FI 0'n Noorwichiin mo'ataniiru.
Galchii meeqa lakkofsisuu akka qabnu kileboota lamaantu nutti agarsiisee nuyis jalqabne kan jedhe taphataan sarara duraa Tootenaahm Haarii Keen ammoo galchii lama Astonviillaa irratti lakkofsisuun 3fi 1'n mo'ataniiru.
Bara kana Laampaardii fi Soolshaayer akkamiin xumuruu danda'u? Tilmaama keessan nuuf barreessaa.