Maaraatoonii Niiw Yoork: Leellisaa Deessisaa fi Shuraa Qixxaataan 1ffaa fi 2ffaa galaniiru

Leellisaa fi Shuraa

Madda suuraa, Getty Images

Dorgommii Maaraatoonii Niiw Yoorkiin dhiirotaan Leellisaa Deessisaa yoo mo'atu, dubartootaan ammoo Meerii Keetanii Keeniyaarraa mo'atteetti.

Leellisaa Deessisaa dorgommii kana sa'aatii 2:05.59 taheen wayita galu, Shuraa Qixxaataan ammoo sekoondii lamaan booda galeera.

Dubartootaan ammoo lammiin Keeniyaa Meerii Keetaanii sa'aatii 2:22.48 taheen wayita xumurtu, lammiidhuma Keeniyaa kan taate Viiviyaan Cheeruyoot lammaffaa, akkasumas lammiin Ameerikaa Shalaan Filaanagaan sadaffaa tahuun xumuraniiru.

Dargaggeessa ganna 28 kan tahe Leellisaan, dorgommii Maaraatoonii Bostan si'a lama kan injifate yommuu tahu, rekoordii maaraatoonii Niiw Yoork kana cabsuuf sekoondii 54 qofa harkifate.

Leellisaa Deessisaa kanaan dura wayita Maaraatoonii Bostan kan 2013 wayita mo'atee turetti, xumura fiigicha kanaarratti boombiin dhohee lubbuu namoota sadii galaafachuunsaa ni yaadatama.

line
Leellisaa

Madda suuraa, Getty Images

Shuraa Qixxaataa

Madda suuraa, Getty Images