Kooriyaa Kibbaa: Leenjisaan garee faallaa walii-wallaalchisuuf uffata taphatootasaa wal jijjiire

Shaakala gareen Kooriyaa Kibbaa Niizinii Noovgrooditti tapaha Waancaa Adunyaaf garee H keessaa swidin waliin qabaniif of qopheessaa jiran.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kooriyaan Kibbaa Waancaa Adunyaarratti yeroo salgaffaaf walitti aansuun taphachuufi

Leenjisaan garee kubbaa miillaa Kooriyaa Kibbaa, tapha michummaa gareensaanii taasisan irratti garee faallaa waliiwallalchisuuf jecha taphatootnisaa uffata taphaa lakkoofsa garaagaraa qabu akka uffatan godhe.Taphataa sarara duraa Tootenaam Haangi Miin Saan fi dursaa taphatootaa Kii Suungi Yuweeng qofatu lakkofsasaanii duraanii uffate.

Achitti lenjisaan Swiidin erga filataan taphatootaa tokko bakka leenjii cufaa garee kooriyaa Kibbaa kana deemuun basaaseera jedhamee dhiifama gaafateera.

Gareen lamaan har'a kan taphatan taha.

Kan nuyi cufnee hojjenuufii garee masaanuu keenyatti waan hundaa agarsiisuu fi himuu waan hin qabneefi, sababnisaas akka adda nu baafachuu hin dandeenyetti walii taphatoota keenyaa walaalchisuufi jedhe Taayi Yoong.

"Taphatoota keenya muraasa beekuu danda'u. Haa tahu malee biyyootni Lixaa namoota Eeshiyaa addaan baafachuun waan itti cimuuf nuyis akkas isaan goone jedhe.

"leenjistootni hundinuu waan yeroo hundaa gareen faallasaanii isaan basaasan itti fakkachuu danda'a.''

"Akkan yaadutti kun waanuma jirudha ,nuyis hamma danda'ame odeeffannoo garee faallaa argachuuf yaalii taasifna waan taheef jedhe leenjisichi.

Ibsa miidiyaa taphaan dura kennameen,leenjisaan Swiidin Jaanee Andersan ,filataan taphatootaa Laasee Jaakobsan dhoksaadhaan qophii kooriyaanotaa Oostiriyaa keessatti ilaaluu hime.

Jaanee Andersan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kun Jaanee Andersaniif akka leenjisaatti tapha guddaa jalqaasaati.erga bara 1994 Toomii siivonsonii as leenjisaa Swiidin yeroo jalqabaaf gareesaa,ramaddii keessaa dabarsu tahuufis yaalaa jira.

"haala shaakalasaanii dhagahee ture,akka bakka cufaatti shaakalaa jiran hin hubanne ture,fageenyarra dhaabatee ilalaa ture jedhe Andersan.

"haala kamiyyuu keessatti garee faalla kamittiyyuu kabaja agarsiisuun gaariidha.Yoo namni kana gara haala biraatti hiikatu jiraate garuu baay'ee gaabbina.

"kun akka hallayyaa keessaa gaara hojjechuutti ilaalama.''

Ramaddii cimaa gareesaanii Jarmanii fi Meksiikoon argaman keessaa darbuuf morkiin har'a gaggeesan baayee murteessa taha.Dursaan taphatootaa sarara ittisaara taphatu Andirees Graankivist gareensaanii qophii tahuu himeera.