Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo garee cimaa Gaarz torbee kanaa keessa: Saalaah, Eriksan, Lukaakuu fi Maatich keessatti argamu
Torban dabarsine kanatti Kiristaal Paalaas, Barnimaz, Evartaniifi Livarpuul milkiin kan isaanii turte. Mohaammad Saalaah goolii afur lakkoofsisuun nu ajaa'aabsiiseera. Tottanhaam, Maan yunaayitid, Saawuzihaampitaniifi Chelsiin ammoo walakkaa xumuraa waancaa FA Cup'f gahaniiru.
Eenyuufaatu irra caalaatti na dinqisiise. Gareen cimaa torbee kanaa an filadhe kunoo...
Galchii eegaa - Misheel Vorm (Tottanhaam)
Tapha Swaansii waliin taphataniirratti Misheel Vorm kubbaa galchii tahuu danda'an deebiseera. Goolii eegaan kunis kilabii kanaaf, filannoo isa lammaffaa ture.
Sarara Ittisaa - Seedrik Sowaares (Saawuzihaampitan), Siizaar Azpiliikeetaa (Cheelsii), Jeems Tomkins (Kiristaal Paalaas), Andii Robartisan (Livarpuul)
Seedrik Sowaares: Saawuzihaampitaniif taphoota 88 irratti hiriiree galchii ishee jalqabaa lakkoofsiseera.
Siizaar Azpiliikeetaa: dursaa kilabichaa kan tahe Azpiliikeetaan, kilabasaa Cheelsii walakkaa xumuraa FA Cup biraatiin gaheera.
Jeems Tomkins: Tapha Haadarsfiild waliin taasisaniin, Jeems goolii tokko lakkoofsisuun alatti, kubbaa goolii tahuu malan 11 mijeessuun kenneera.
Andii Robartisan: tapha Waatfoord waliin taasisanii 5 -0 injifatan irratti Andiin galchiin ishee lammaffaa Saalaaf mijeessee dabarsuun qooda fudhateera.
Sarara gidduu - Luukaa Miliivojeevich (Kiristaal Paalaas), Kiristiyaan Eriksan (Totanihaam), Nemaaniyaa Maatich (Maan Yunaayitid)
Luukaa Miliivojeevich: Kiristaal Paalaasif waqtiin baranaa kun milkaa'uu baatuufillee, Haadrsifiildiin mo'achuun isaanii haamilee isaanii kakaaseera. Galchii ishee ammaa kana dabalatee Luukaan galchiiwwan rukuttaa adabii (penalty) jaha lakkoofsiseera.
Nemaaniyaa Maatich: Maan Yunaayitid tapha Sanbata duraa Biraayitan waliin taphatan irratti, Maatich caalaa taphataan kubbaa miilaan tuqe hin jiru (136).
Kiristiyaan Eriksan: Totanaamonni walakkaa xumuraa waancaa FA Cup'f akka gahaniif Eriksan qooda olaanaa gumaacheera.
Sarara Fuulduraa - Mohaammad Saalaah (Liivarpuul), Romeeluu Lukaakuu (maan Yunaayitid), Seenk Tosuun (Evartan)
Mohaammad Saalaah: Wanti taphataan kun tuqe hundi warqeetti geeddarama. Taphoota 41 irratti gooliiwwan 36 galchuu danda'eera. Tapha kanarrattis galchiiwwan afur lakkoofsiseera.
Seenk Tosuun: Tosuun erga Evartanitti makame booda taphni agarsiisu, hedduu nan gammachiisu ture. Tapha darbe kanarratti Toosuun kubbaa gara gooliitti rukute sadi keessaa lama galchiitti geeddaramaniiru.
Romeeluu Lukaakuu: Wayita Lukaakuu ilaalu, Didiyeer Diroogbaan ilaala. Tapha gareerratti cimina agarsiisaa dhufeera. Kanaafis, leenjisaan isaa Josee Morinhoo galatasaa fudhata.
Filannoon koo kan torbee kanaa isaan kana. Kanaan waliigaltuu?