Boontuu Saalih: Hojjii gola 'Maadaamiitii' hanga waltajjii teknoolojii addunyaatti

Boontuu Saalih jedhamti. Jireenya baqaatiin namoota jijjiramaan muraasa argitee gara biyyoota Awurooppa fi Ameerikaatti imaluun jireenyashee milkeessuuf barnootashee kutaa 9tti addaan kuttee godaante.

Bara 2015 Harargee Lixaa Bordoddee irraa kaatee biyya Masrii-Kaayiroo deemtullee, Boontuun akka yaaddeetti gara biyyoota Awurooppaa fi Ameerikaatti imaluun waan salphaa hin turre.

Jireenya baqaa salphaa waan hin taaneef hojjettuu mana namaa taatee hojjachuuf dirqamte. Ta’ullee Boontuu hawwiifi kaayyoo milkeessuuf qabattee manaa baateen jireenya sana keessa turuu waan hin filanneef haaluma argameen barachuu akka qabdu murteeffate.

“Obboleessi koo hojiin teknolojii waliin wal qabatu kan digriifi dippiloomallee nama hin gaafannee eessayyu teessee hojjachuu kan dandeessu jira nan jedha. Anis waa’eesaa qorachuun eegalee” jechuun haala ofiin of barsiistee jijjiiramuuf murteeffattee ka'uu yaadattu.

Yeroo sanatti garuu waa’ee kompiitaraa waan beektu hin qabduture. Kompiitaras hin qabdu ture.

"YouTube irra ilaaleen waraqaa irratti fakkii gabatee jechootaa (keyboard) fi kompitaraa kaasee shaakalaa ture," jetti

Mana namaa hojjachaa karaa marsaalee hawaasa adda addaatiin barnoota oonlaayinii barachuun ulfaatadha. Garuu "hojii mana Maadaamii caalaa kan ulfaatu mitii'' jetti Boontuun.

Haala kanaan barnoota bu'ura kompitaraa baratte. Boodarra kompiitara bitachuun karaa Youtube fi miidiyaalee hawaasaa leenjiwwaan gaggabaaboo bilisaan kennaman akka Coursera fi Udacity irratti barnoota ‘Web Programming’ barachuu eegaltee.

"Barnoonni akka kanaa kun ana kan waa'ee komputaraa fi teknoolojii kanaa hin beekne dhiisii kannen yunivarstii seenanii barataniifuu waan salphaa mitii.

Gidduutti natti ulfaatee adda kutees beeka. Inni guddaan garuu boru jireenyi ammaa akka itti hin fufne of amansiisuu dandaa’udha," jetti.

Boontuun barnootichi itti ulfateef adda hin kunne. Yeroo boqonnaa qabduu dheeraa irra deddeebitee qu'achuu fi barachuun barnoota kanarratti akka dabarsite himti.

Boodarra dhaabbata biyya Indiyaa ‘Educba global learning' jedhamutti gama oonlaayinitiin barachuun waraqaa ragaa argatte.

Amma Web developer fi design cimtuu hojii adda adda dhabbilee gurguddoo Itoophiyaa fi biyyoota biroo waliin hojjataa jirti.

Marsariitii hojii adda addaa dhabbilee fi namoota dhuunfaaf hojjataa jirti. Akkasumas, akka hojjattuu yeroo dbalataatti (freelance)ttis qacaramtee hojjataa jirtuun alattis, "pirojeektota mataa kiyyaas qaba," jetti.

'Jireenya koorraa waanti baratamu'

Shamarran Itoophiyaa wayita biyyaa ba’anii mana namaa nyaata qopheessuuf qacaraman waan heddutu isaan muudata.

Kana keessaa ogummaa nyaata qopheessu dhabuu, rakkoo afaanii, kaffaltii gadi aanaa fi darbee darbees kaffaltii dhorkachuun fa'i akka mudatu kaafti Boontuun.

"Yeroon itti gatii humna koo kanan baatii heduudhaaf itti hojjataa ture itti na dhoowwatan illee tureera.

Yeroon itti mana keessatti natti cufanii deemanillee tureera. Kun boruu koo akkan sirritti itti yaadu na godhe malee na hin cabsine," jetti Boontuun haala dabarsite yoo yaadattu.

Milkaa'e fi gara biyyota Awuroppaallee yoo deemte, jireenyi wal fakkaataan akka ishee eeggatu waan shakkiteef barattee seenaa kana jijjiruu akka qabdu akka of amansiifte himti.

Har'a seena sana jijjirtee jireenya gaariirra akka jirtu himti. Hojii dhuunfaa isheetti hojjattuun alattis garee teknoolojii Itoophiyaa kanneen dhabbata teeknolojii guddaa 'E-CyberNest' jedhamuufi kan damee heddu of jalaa qabuu Itoophiyaa keessatti hundeessuf hojjataa jiran keessaa Boontuun tokkodha.

''Gara fuuldurattis kaampaanii mataa kiyyaa qabaadhee gama teknolojiitiin ofii fi ummatakoo tajaajiluu barbaada," jechuun hawwiishee gara fuulduraa himti.

Namni tokko kaayyoosaa bira ga’uudhaaf aarsa kamiyyuu kanfaluu qophaa’aa yoo ta’e milkaa’uu ykn abjuusaa bira ga’uu akka danda’u jireenya ishee kanarraa barachuu fi nama kaaniif illee fakkeenya xiqoo ta'uu akka danda'u eerti.

Addunyaan amma gara tekinolojii waan deemaa jirtuuf keessumaa dargaggoonni damee kanaaf xiyyeeffannoo akka kennan dhaamti.

Boontuun kaleessa beekumsa kompitaraa homaa hin qabne ture. Hara’a garuu dhaabbilee biyyota garaa garaa kana akka Awurooppaa fi Awustraaliyaaf hojjataa jirti.