Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Phaaphaasin Waldaa Kaatolikii Poop Firaansis DR Koongoofi Sudaan Kibbaa daawwachuufi
Pooppi Firaansis Dimokiraatik Rippaabilik Koongotti har'a Amajjii 31, 2023 daawwannaa guyyaa sadii ni taasisu jedhame.
Ardii Afriikaa keessaa biyyi amantoonni Kaatolikii itti heddummatan Dimokiraatik Rippaabilika Koongooti.
Waggaa 37 dura Poopin Waldaa Kaatolikii duraanii Poop Phaawulos 2ffaan biyyattii daawwatanii turan.
Yeroo sana DR Koongon Zaayer jedhamtee beekamti turte.
Angawoonni biyyattii gaafa Roobii Guraandhala 1, 2023 magaala guddoo biyyattii Kinshaasaa keessatti akka guyyaa ayyaanatti labseera.
Kunis amantoonni Kaatolikii sagantaa kadhannaa Poop Firaansis Buufata Xayyaaraa Ndolotti taasisan irratti akka hirmaataniifi.
Poop Firaansis osoo Kinshaasaa hin imalin dura kadhannaan akka godhamu gaafatanii turan.
Fuula Tiwitara isaanii gubbaatti, "Dimokiraatika Rippaabilika Koongofi Sudaan Kibbaatti daawwannaa taasisuuf bori nan ka'a,'' jechuun barreessan.
" Kanneen na eegaa jiran nagaa jaalala irraa maddeenan gaafadha. Namni hunduu deemsa kana kadhannaan akka utubanan gaafadha," jedhuun barreessan.
Poop Firaansis hanga gaafa Jimaatatti DR Koongoo kan turan yoo ta'u itti aansun gara Sudaan Kibbaa imalu jedhamee eegama.
Sudaan Kibbaa Juubatti gita isaanii Phaaphaasii Waldaa Angilikaanii wajiinis wal argu jedhame.
Dawwaannaa dureen amantii Kaatolikii kun DR Koongootti taasisaniin wal qabatee falmiin ka'aa jira.
Magaala Kinshaasaa keessatti daldaaltonni karaa irratti waa gurguran iddoo daldala isaanii akka buqqisanii kaasan itti himamee ture.
Kunis daawwannaa Poop Firaansis taasisaniif karaa qulleessufi waan hundumaa toora galchuuf jedhameeti.
Kuni ammoo namoota baay'ee mufii keessa galcheera.
Daawwaannaa Poop Firaansis kanaan wal qabatee Waldaa Kaatolikii keessatti luboonni Afrikaa bakka bu'ummaa hin qaban kan jedhu komiin ka'aa jira.
Luboonni Waldaa Kaatolikii Naayijeeriyaa luboonni Afrikaa baay’inaan waldattii keessatti hammatamuu qabu jechuun kaasan.
“Nuti Afrikaanonni teessoo irratti argamuu qabna. Afrikaa keessa amantoota Katolikii miliyoona 236tu jiru- addunyaa irratti waldaa saffisaan guddataa jirtuudha,” jechuun BBCtti himan abbaab amantii Istaan Chuu Iloo.
Kaardinaalonni Afrikaa aangoo guddaa qaban homtuu akka hin jirres kaasun komatan.