Haleellaa Israa'el karoora malee Raafaatti raawwattu 'balaa hamaa dha' jette US

Madda suuraa, GETTY IMAGES
Ameerikaan isa Israa'el karoora rogaa malee kibba Gaazaatti haleellaa raawwatuuf jettu ''balaa hamaa dha'' jechuun akeekkachiifte.
Waayit Haawus karoora oppireeshinii ijoo baqattoota Raafaa jiraniif otoo hin dhimmamiin raawwatamu hin deeggaru jedhe.
Ibsi kuni kan kenname erga hogganaan Israa'el waraanni isaanii oppireeshinii Raafaadhaaf itti himamuu dubbachuun booda dha.
Lammiileen Gaazaa walakkaa ol tahan yeroo ammaa magaalaa daangaa Masriirra jirtu kana keessa jiraatu.
Kanneen miiliyoona 1.5 tahan haala namoomaa hamaa keessatti lubbuu oolfachaa jiru.
Kamisa kalee Israa'el iddoowan garii Raafaa qilleensarraa haleelteetti akkasumas taankonni Israa'el dhukaasa banuunis himameera.
Imaad nama ganna 55 fi abbaa ijoollee jahaa yoo tahu qe'ee isaarraa buqqa'uun Raafaa jira. Waan isa sodaachisu iddoo baqaa otoo hin qabaatiin haleellaan lafoo yoo jalqabe akka tahe Rooyitars gabaaseera.
''Duuba keenya dallaa daangaatu jira fuuldura keenya ammoo galaana Meeditaraaniyaaniitu jira, ''eessa dhaqna'' jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Iddoon bal'aa kaabaa fi gidduugala Gaazaa haleellaa Israa'el Onkololeessa 7 irraa qabee walitti fufinsaan raawwatteen barbadaa'eera.
Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan haasaa Kamisa taasisaniin Raafaa eeruu baatanillee tarkaanfiin Israa'el Gaazaa keessatti fudhataa jirtu, ''akka malee'' taheeraa jedhan.
Kanaan dura dubbii himaan Mana Maree Biyyaalessaa UN Joon Kiirbii waraanni Israa'el, ''eessattiyyuu yeroo oppireeshinii geggeessu lubbuu namoota nagaa tiksuudhaaf itti gaafatamummaa adda tahe qaba,'' jedhan.
''Oppireeshiniin waraanaa amma geggeefamu namoota nagaaf balaa dha, dhimma nuti deeggarru miti,'' jechuun Ameerikaan akka Israa'el Raafaatti haleellaa raawwachuuf jirtu waan akeeku hamma yoo hin argannee jedhanii turan.
Dubbii himaa ittaanaa Ministeera Haajaa Alaa Ameerikaa Vedaant Paateel waanuma wal-fakkaataa''haleellaa karoora sirrii malee adeemsifamu hin deeggarruu,'' jedhu dubbatan.
Raafaatti yoo haleellaa raawwatte baqattoonni achi jiran eessa deemu jechuun gaaffii BBC irraa dhiyaateefi deebii yoo kennan, ''kuni gaaffii sirrii Israa'el deebisuu qabdu dha,'' jedhaniiru.
Ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinken Teel Aviiv Israa'el irraa haasaa taasisaniin,''oppireeshiniin waraanaa Israa'el geggeessitu kamiyyuu namoota nagaaf hunda dura dursa kennuu qaba, keessumaa warreen Raafaa keessa jiraniif,'' jedhan.
US akka deeggartuu waraanaa Israa'el ijoo taate tokkootti waan tahuu qaburratti dubbachuun waan hin baramne tahus - kan ammaa garuu akeekkachiisa ifa tahe dha.
Ameerikaan waggaa waggaatti doolaara biiliyoona 3.8 deeggarsa waraanaa Israa'eliif ergiti, haala kanaanis biyyi addunyaa deeggarsa hamma kanaa Ameerikaa irraa fudhattu Israa'el qofa dha.
Haleellaa Hamaas Onkololeessa 7 kibba Israa'elitti raawwateen namoonni 1,200 ol ta'an ajjeefamuu qondaalonni Israa'el ni himu.
Tarkaanfii haaloo Israa'el fudhataa jirtuun lammiileen Filisxeem 27,800 tahan ajjeefamuun dabalataan kanneen 67,000 tahan madaa'aniiru.
''Dahoo akka malee baay'atanii, naannoo qulqullinni hin eegamneefi bishaan dhugaatii akkasumas ibsaafi nyaata gahaa malee jiraachaa jiru,'' jechuun Hogganaan olaanaa UN Antooniyoo Guteereessa waa'ee haala Gaazaa keessa jiru ibsu.
''Waan Hamaas raawwate ifatti balaalleffanneerra. Seera idil addunyaa Gaazaa keessatti cabaa jirus akkasuma ni mormina,'' jedhan.
Kibxata darbe Ministirri mummee Israa'el Beenjaamiin Netaanyaahuu loltoonnisaa Raafaatti ''oppireeshinii geggeessuuf akka qophaa'a,'' ajajeera jedhe. Hamaas ''guutummaatti injifachuunis'' waan ji'oota muraasa keessatti tahuu dha jedhan.
**Odeessa kana gulaallii lakoofsaa taasifameera.












