Aanga’oonni Tigraay mootummaa Federaalaa waliin bakka Gamtaan Afrikaa jirutti mari'achuuf murteessan

Bulchinsi Yeroo Naannoo Tigraay mootummaa federaalaa waliin bakka qaamooleen wabii Waliigaltee Piritooriyaa argamaniitti mari’achuuf murteessu beeksiise.

Kaabineen bulchiinsa Yeroo naanniichaa tibbana akka jedheetti, waliigalteen waraana waggaa lamaaf naannichatti gaggeeffamaa ture dhaabuuf Afrikaa Kibbaatti Sadaasa 02, 2022 mallattaa’ee guutummaan hojiirra oolfamaa hin jiru.

‘‘Miseensoonni kaabinee waliigaltee Piritoriyaatti mallattaa’ee haala waliigala ta’een hojiirra oolchuuf kan barbaachisu hunda raawwachuuf mirkanneessaniiru'' jedha Biiroon Kominikeshinii Naannoo Tigraayi.

Dabalataanis, “Mootummaan naannichaas gaaffii ummata naannichaa gutummaan deebisuudhaaf adeemsa marii qaamoolee lamaan jidduu gara adeemsa marii paanaalii Gamtaa Afriikaatti geessuu barbaada’’ jedheera biirichi.

Torban lamaan dura aanga’oonni naannoo Tigraay raawwii hojiiwwan baatiiwwan 10 darbanii fi sadarkaa hojiirra oolmaa waliigaltee Piritoriyaa mootummaan federaalaatiin raawwatamaa jiruu gamagamanii ture.

Dhimmi TPLF kan sadarkaa biyyaaleessatti hanga ammaatti beekamtii seeraa boordii filannoo irraa hin argatinis tibba marichaatti kanneen ka'an keessaayi.

Ibsa bulchiinsi yeroo naannichaa dhiheenya kana baaseen, gama lamaaniinuu hojiirra oolmaa waliigaltee Piritooriyaa fi dhimmoota kaan irratti waldhabdeen akka jiru agarsiisa.

Anaga’oonni Tigraay dhimma hanqina nyaataafi hoongee naannicha keessatti mul’atuuf furmaanni atattammaa kennamu dhabuusaatti mootummaa federaalaa qeequ.

Dureewwan naannichaa haala hojiirra oolmaa waliigaltee Piritooriyaa irratti walgahii dhiheenya aanga’oonni mootummaa federaalaa waliin taasisaniin gammadoo hin fakkaatan.

Gama Tigraayiin daangaan naannichaa bakka waraanaan dura tureetti haa deebii’u gaaffii jedhu mootummaan federaalaa qabatamaan hojiirra hin oolchine.

Dhimmi daangaalee waldhabdee kanneen lixaa fi kibba Tigraayiitti argaman muraasni tibba waraana cimaa naannichatti gaggeeffame erga humnoota naannoo Amaaraatiin to’atamaniin booda ammaleen furmaata hin argatiin jiru.

Fedhiin namoota bakka jireenyaasaanii irraa buqqaafamuun dahannoowwan keessatti argaman guutuunis aanga’oota Tigraayiitti qormaata ta’aa jira.

‘‘Osoo daangaalee Tigraay kan heera mootummaan beekaman guutummaatti eegamaniifi kabajamanii, nageenyi waliitti fufiinsaan ni mirkanaa’aa ture,’’ jedhan miseensi kaabinee bulchinsa yeroo naannichaa.

“Yoo humnootiin Amaaraa fi waraanni Ertiraa kanneen daangaa Tigraay keessa jiran gutummaan naanicha keessaa bahan, ummanni keenya bakka jireenyaa isaarraa buqqaafame gara qe’eesaatti deebii’ee jireenya idilee jiraachuu eegala.

Ertiraan kan mootummaa federaalaa maddii hiriiruudhan waraana wagga lamaaf naannichatti gaggeeffame ture keessatti qooda fudhataa turte loltootashee naannicha keessaa baasuu himti.

Kaabiineen naannichaas looltoonni Ertiraa daangaa naannichaa keessa jiraachu haa himan malee addatti eessa fa’i akka jiran hin eerre.

Kaabineen bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay ibsa tibbana baaseen ‘‘duula himannaa humnoota nageenyaa naannichaa irratti gaggeeffame’’ jedhe balaaleeffateera.

Itti dabalunis, ‘‘Manni Maree Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay himannaa humnoota isaarratti ka’an kanaan booda obsaan bira hin taru,’’ jechuun akeekkachise. Haata’u malee duulli irratti gaggeeffame maal akka ta’e ilaalchiisuun bal’inaan kan ibse hin jiru.

Haata’u malee, paartiiwwan siyaasaa mormiitootaa fi kanneen mirga namoomaaf falman hedduun TPLF fi humnoota naannichaa ummata baraaruu dadhabuu akkasumas nageenyaafi daangaa naannichaa kabachiisuu dadhaban jedhamuun qeeqamu.