Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mormitoota Paarlaamaa Iraaq seenanii minjaala afyaa'iirra ciisuun mormii dhaggeessifatan
Mormitoonni dhibbaan lakkaa’aman magaalaa guddoo Iraaq Baagidaad, iddoo eegumsa cimaa qabu cabsanii seenuun gamoo paarlaamaa biyyattiitti duudan.
Mormitoonni kunneen deeggartoota hoggannaa amantii Muqtaada al-Saadir yoo ta’an, morkataan isaa Mohaammad al-Sudaanii kaadhimamaa Minisitira Muummee ta’ee dhiyaachuu morman.
Gartuun siyaasaa Aab Saadar filannoo waliigalaa biyyattiin Onkoloolessa darbe gaggeesite injifateera, garuu filannoon booda waliigalteen dhabamuurra kan ka’e aangoo hin qabatiin hafan.
Poolisiin biyyattii gaazii imimmaanessitu itti dhukaasu fi bishaan mormitootatti biifuu ibse.
Wayita mormitoonni gamoo paarlaamaatti ol seenan garuu homtuu gamoo sana keessa hin turre.
Mormitoonni kun Baagdaad keessatti iddoo egumsa olaanaa qabu seenan. Naannichatti imbasiiwwan biyyoota garaa garaa dabalatee, gamoowwan biroo hedduu barbaadamaniitu argama.
Maddeen nageenyaa AFPtti akka himianitti, jalqabaarratti qaamoleen nageenyaa mormitoota gamoo paarlaamaa seenuuf deeman dhaabanii turan. taatullee, ’’paarlamaa haleeluu jalqaban,’’jedhan.
Mormitoonni gamoo paarlaamaa seenan ni sirbu, ni dhiichisu, akkasumallee minjaalaarra ciisu. Ministirri Muummee yeroo ammaa Musxafaa al-Kaadhimi garuu gamicha keessaa akka bahan gaafataniiru.
Hokkorri biyyattii keessattii dhalate kun wal diddaa gartuuwwan siyaasaa Iraaq gidduutti ganna salgan darban dhalachuun mootummaa haaraa akka hin hin hundeessine gufuu ta’e hordofuun ture.
Aab Saadir hoggannaa amantii Islaamaa warreen Shiyaa yoo ta’u, Ameerikaan biyya Iraaq weeraruu mormaa ture.
Aab Saadir paartiin isaa filannoo Onkolooleessa darbe biyyattiin filatte injifadheera jedhe.
Aab Saadir morkattoota isaanii waliin hojjachuu diduu hordofee gartuu siyaasaa tokkoo hundeessuun hin danda’mne.
Deegartoonni Aab Saadir fi inni Mohaammad al-Sudaanii Ministeera Muummee biyyattii ta’uuf kaadhimamaa ta’ee dhiyaachuu mormeera.
Aab Mohaammad Iraan waliin hidhata qaba jechuun Aab Saadir fi deeggartoonni isaa kan amanan.
Mormii guddichi Iraaqitti bara 2019 kan mudate yoo ta’u, hawaasni biyyattii malaammaltummaa, hoji dhabdummaa fi tajaajila hawaasummaa kennamurratti mormii qaban ibsataa turan.
Yeroo sanatti namoonni dhibbaan lakkaa’aman ajjeeffamuu isaanii dhaabbannii Hiyuuman Raayits Wooch himee ture.