Haphinni Ozoonii gara fuulduraatti bakkatti deebi'uu danda'a - UN

Suura ozonii

Madda suuraa, RAPEEPONG PUTTAKUMWONG

Tarkaanfin dhalli namaa haphina ozoonii mudate iddootti deebisuuf taasisaa jiru abdii kan namatti horeefi waggoota kurnan dhufanitti ozoonin iddootti deeb'uu akka danda'u Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) beeksise.

Bara 1987 walii galteen idil-adunyaa keemikaalota gulantaa ozoonii miidhuu danda'an fayidaarra akka hin oolle ittisuu erga taasifamee as milkaa'ini jira jedhe UN.

Gulaantaa ozonii jechuun qaama atimosferii haphii ta'ee carallaan ifa aduu akkuma dhufetti dachee irra akka hin qubanneef of keessatti kan hambisuudha.

Ozoonin kun haphataa gaafa deemu carallaan ifa aduu baay'en lafarra qubachuun dhala namaafi lubbu qabeeyyii biroo irratti miidhaa uuma.

Carallaan ifaa (ultraviolent rays) qaccee sanyii namaa irratti dhiibbaa uumun yeroo dheeraa keessatti kaansarii gogaa fa'iif nama saaxiluu danda'a.

Gulantaan ozoonii (ozone layer) haphachuu kan eegale bara 1970 keessa jedhama.

Haphina ozoonii kanaaf ammoo keemikaalli kiloorofilorokarbanii jedhamu gahee guddaa qaba. Keemikaalli kun ammoo meeshalee manaa kanneen akka xaasaa keemikala biifuu, firiijii, foomii fi meeshaa qilleensa qilleensa mana keessatti galchu (air conditioners) fa'aa keessaa madduun ozoonii nyaatee kan haphisuudha.

Gulantaan ozoonii haphatee qawwaa godhachuu isaa saayintistoonni bara 1985tti argatan.

Waggaa lama booda bara 1987tti biyyoonni 46 keemikaalaa ozoonii irratti dhiibbaa geessiisu hambisuudhaf Monteeriyaalitti walii galan.

Boodarra walii galteen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaninis hoojjira oolee walii galtee idil addunyaa ta'e. Keemikaalonni ozoonii haphisuuf sababa ta'aniifi akka badan jedhame amma dhibbeentaa 99 badeera jedhame.

Qaawwan ozonii Antarkitiki Ozoon jedhamu hanga bara 2000tti ittuma bal'ataa deemee, boodarra garuu jijjiirama agarsiisun iddootti deebi'uu eegale jedha gabaasni UN kun.

Gabaasni kun qindoomina UN, US fi Gamtaa Awurooppaa (EU)tiin kan qophaa'e yoo ta'u walii galteen Monteeriyaal jijjiirama agarsiisera jedhame.

Imaammanni amma jiru hojiirra oolan gulantaan ozoonii akka bara 1980 duraatti deebi'uu akka danda'u ibsa gabaasni UN.

Sababa carallaa aduutif haphinii ozonii fayyaa namaa irraan miidhaa geessisa. Haa ta’u garuu, jijjiirama haala qilleensaa irratti dhiibbaa hagana mara hin qabu.

Haphina ozoonii hir’isuun jijjiirama haala qilleensaa irrattis dhiibaa gaarii ta’e fidee jraachuu hima gabaasni kun; sabani isaa ammoo keemikaalonni dhorkaman kunneen hoo’ina dabaluu irratti dhiibbaa guddaa kanneen qabaataniidha.