Roobni arfaasaa hanga cabbii buusuutti ga'e kutaalee Itoophiyaatti maaf hammaate?

Daandiiwwan Finfinnee cabbiin uwwifaman

Madda suuraa, Social Media

Roobni arfaasaa kutaalee Itoophiyaa garaa garaatti cimeera, iddoowwan gogiinsi mudatetti roobni yandoo fi lolaan mudateera.

Sababa lolaatiin iddoo kaanitti lubbuun namaas darbeera.

Waqtii afraasaa kana naannoo Oromiyaa, Somaalee fi Kibbaa akkasumas Dirree Dhawaa fi Finfinneetti roobni cimaan mudateera.

Kutaalee biyyattii kunneen keessatti roobni hamma eegamuu ol ta'e iddoowwan 48 keessatti mudachuu Inistitiyuutiin Meetiwoorooloojii Biyyaalessaa BBC'f ibseera.

Dhaabbata kanatti Daarektara Itti-Aanaa damee raagaa fi akeekkachiisa duraa Asaamminaw Tashoome (PhD) guyyoota kurnan darban keessatti roobni idileen alaa hammaa ol roobuu ibsan.

Sababa rooba hamaa kanaan magaalaa Finfinneetti lubbuun namoota afurii darbeera.

Ji'oota arfaasaa- Guraandhalaa hanga Caamsaa turu keessatti hanga ammaatti roobni miili meetira 30 hanga 150 roobuu himan qondaalli raaga haala qilleensaa kun.

Kana jechuun maal jechuudha? Dr Asaamminaw akkaataa saayinsii meetiwoorooloojiin hammi roobaa bakka saditti qoodama jedhu.

Miili meetira 1 hanga 10tti rooba salphaa, 10 hanga 29 gddugaleessa, miili meetira 30 ol yoo ta'e ammoo rooba cimaa jedhamuun beekama jedhan.

Guyyoota 10 darban keessatti roobni roobe kan yeroo kaaniin yoo walbira qabu, ''rooba idilee akkaan kan caale ture,'' jedhu ogeessi kun.

Rooba arfaasaa fi iddoowwan hongeen miidhaman

Roobni Itoophiyaa keessatti eegalee jiru kun kutaalee biyyattii dhibbeentaa 55 ta'aniif rooba arfaasaa isa sirriidha, kanneen hafaniif ammoo kanuma akkanumaan roobee darbuudha.

Kutaaleen biyyattii waqtii arfaasaa rooba argachuu qaban kanneen hongeen miidhaman, ALI bara 2013 irraa eegalee waqtiiwwan roobaa idilee ta'an shaniif walitti aansuun osoo rooba ga'aa hin argatin turan jedhu Dr Asaamminaw.

Naannoo Somaalee, Sidaamaa, Kibbaa fi Kibba Lixa Itoophiyaa akkasumas Oromiyaa keessaa Gujii fi Booranatti arfaasaan waqtii roobaati.

Iddoowwan kunneenitti xumura ji'a Guraandhalaa irraa eegalee roobni salphaa fi giddugaleessaa roobaa tureera.

Inumaa bakka tokko tokkoti roobni cimaan roobeera jedhan ogeessi kun.

Naannoo Somaalee - Fiiq, Qabrii Dahaar fi Godeetti roobni hamaan miili meetira 150 ta'e galmaa'eera jedhan.

Keessattuu guyyoota sadan darban roobni roobe akkaan cimaa ta'uu himan.

Haala walfakkaatuun Booreetti ammoo roobni hammi isaa miili meetira 30 hanga 80 ta'u guyyoota sadan darban keessatti walitti aansuun roobeera jedhan.

Akka ogeessi meetiwooroolooji kun jedhanitti Mooyaleetti ammoo roobni miili meetira 43 fi 32 ta'e guyyoota lamaan darban walitti aansee roobeera.

Meeggaatti roobni miili meetira 35, Yaa'abal'ootti ammoo miili meetira 65 ta'u roobeera.

Haala kanaan naannoleen hongeen miidhamanii turan ''rooba roobeen yoo xiqqaate yeroof rakkoon isaanii ni furama,'' jedhan Dr Asaamminaw.

Bishaan horiin dhugan akkasumas kan dhalli namaa dhugu rooba irraa walitti qabachuun akkasumas nyaata beeyladootaa yeroo gabaabaa keessatti ga'u oomishuuf kun carraa guddaadha jedhan.

Naannoo Kibbaa, Goidna Goofaatti rooba hamaa roobeen lubbuu namaa fi qabeenyarra miidhaan ga'eera

Madda suuraa, GOFA ZONE COMMUNICATION

Ibsa waa'ee suuraa, Naannoo Kibbaa, Goidna Goofaatti rooba hamaa roobeen lubbuu namaa fi qabeenyarra miidhaan ga'eera
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kutaalee biyyattii arfaasaan waqtii roobaa jalqabaa fi lammaffaa ta'e hedduu keessatti roobni salphaa hanga cimaatti roobe lubbuu namaa fi qabeenyaarraan miidhaa geessiseera.

Magaalaa Finfinneetti lolaa sababa rooba cimaan uumameen lubbuu namaa fi qabeenyarra miidhaan ga'eera.

Komishinii Sodaa balaa fi abiddaa Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti ogeessi quunnamtii uummataa Obbo Nigaatuu Maammoo Sambata xiqqaa darbe (Bitootessa 18, 2023) kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftootti lolaan mana tokkotti seenuun namoota afur ajjeesuu ibsan.

Sababa rooba arfaasaatiin magaalattii keessatti lubbuun namaa darbee hin beeku kan jedhan ogeessi kun, kan baranaa kan yeroo kamuu caalaa hamaadha jedhan.

Naannoo Kibbaa Godina Goofaa Aanaa Maloo Koozaa jedhamu keessatti roobi Wiixata darbe (Bitootessa 20, 2023) roobeen lubbuun nama tokkoo darbuu Waajjirri Kominikeeshinii aanichaa feesbuukii isaarratti barreesseera.

Balaa lolaa uumameen nama biraa tokkorras miidhaan qaamaa ga'eera, akkasumas loon lama du'aniiru.

Kana malees balaa lolaa rooba hamaa kanaan mudateen manneen barnootaa, keellaawwan fayyaa, waajjiraaleen gandaa akkasumas midhaan ala jiru akkaan miidhamaniiru jedha ibsi waajjira kominikeeshinii godinichaa.

Oomoo Kibbaa Aanaa Naatsamaay jedhamutti rooba waggoota afur booda roobeen lolaa hamaan mudachuus ibseera.

Roobni arfaasaa baranaa maaliif hammaate?

Akka Dr Asaamminaw jedhanitti haalli qilleensaa galaana, qilleensa naannoo fi lafaa, rooba irratti kallattiin dhiibbaa qaba.

Dhimmicha naannoowwan gogiinsaan miidhamanii fi iddoowwan arfaasaan waqtii roobaa jalqabaa ta’een walqabsiisanii wayita ibsan, waqtiiwwan roobaa darban keessatti jijjiirama uumamaa ture kaasan.

Yeroo roobaa shanan darban keessatti bahaa fi giddu galeessa Paasifikii fi lixi Galaana Hindii kan yeroo idileen gadi qabbanaa’anii turan jedhan.

Keessattuu Muddee darbe haalli kun akkaan cimaa ture. Kana jechuun roobni Itoophiyaa keessatti eegamu akka hin roobne kan godhu ture.

Haata'u malee waqtii kana galaanonni gara idileetti deebi'uun akka roobni roobuuf haala mijataa uumeera.

Gama biraatiin Galaana Arabaa fi Galaana Diimaa keessatti ho’inni mul’ateera. Sababa kanaan qilleensi jiidhaa cimaan Itoophiyaa seene.

Kanarraa ka'uun naannoleen kunneen rooba "gaarii" argachuu danda'aniiru jechuun Dr Asaamminaw Tashoome sababa roobni arfaasaa bara kanaa cimee itti fufeef ibsaniiru.