Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Miseensonni parlaamaa Seneegal dubartii ulfaa rukuttan jedhaman hidhaman
Miseensonni Parlaamaa Seneegal lama waldhabdee parlaamaa biyyattii keessatti mudateen dubartii ulfaa rukuttan jedhamanii to’annaa jala oolan.
Dubartiin ulfaa isaan rukutan jedhamanii hidhaman kun akkuma isaanii miseensa parlaamaa biyattiiti.
Namooni lamaan to’annoo seeraa jala oolfaman kunneen paartii mormituu bakka bu’uun kanneen parlaamaa seenaniidha.
Taaten kun kan raawwate jalqaba ji’a Muddee kana keessa yoo ta’u parlaamaa Seneegal keessatti wal-dhabdee miseensota parlaamaa gidduutti uumameeni.
Mata duree wal-dhabdichaa kan ture ammoo waa’ee bajataa irratti. Miseensota gidduutti osuma falmiin gaggeeffamaa jiruu afaan keessa wal bahuun gara harkaan wal qabachuutti cehe.
Miseensonni parlaamaa kun yeroo wal-haleelan miidiyaan isaan waraabaa ture. Viidiyoon osoo miseensonni parlaamaa wal-reebanii agarsiisu miidiyaa hawaasaa gubbaatti qoodamee ajab! nama jeechisiisee ture.
Dubartiin kun Amy Ndiaye Gniby jedhamti. Falmiirra osoo jiranii jalqaba dubbii miira namaa tuqu ykn dubbii qoosaa miseensa parlaamaa kan biraa Mosaata Samb jedhamutti dubbatte.
Viidiyicha irraa akka mul'atutti Mosaataa Saamb bakka taa'uu ka'ee dhufee kabale. Gidduudhan miseensonni parlaamaa warri kaan fiiganii dhufanii itti ori'uun qabanii isa deebisan.
Isheenis bakka isheetii kaatee gara fuulduraatti deemun teessoo fuutee itti darabatte. Yeroo gidduutti miseensi parlaamaa kan biraa Mamadou Niang jedhamu ol utaalee garaa isheetti ijjatee osoo kuffisuu viidiyicha irraa mul'ata.
Isheenis achumaan kufte. Innis, gatantaree osoo kufuu mul'ata.
Miseensonni parlaamaa lachuu, Samb fi Mr Niang, to'annaa jala erga oolanii jiru.
Himanni osoo beekanii miidhaa geessisan jedhus irratti banamee jira. Abukaton isaanii garuu, "Mirgi himatamuu dhabuu isaanii osoo hin kabajamin hidhamanii himanni irratti baname" jechuun Rooyitaritti hime.
Miseensonni parlaamaa Seneegal dubartii ulfaa rukutan kun lamaan Wiixata dhufu Mudde 19 mana murtiitti dhiyaatu jedhame.