Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Fedhii walii beekanii miira walii eeguun 'dubbii itillee' tolfachuu
“Dubartoonni hunduu jireenya isaanii keessatti saal-qunnamtii fayyaalessa ta’e itti gammadan argachuun isaaniif mala,” jetti Yunivarsiitii Saayinsii Fayyaa Oregonitti (OHSU) Saayikaatiristiin Wiirtuu Fayyaa Dubartootaa Nikool Siriinoo.
Fedhiin uumamaa kun dubartoota qofaaf osoo hin taane dhiirotaafis waan guutamuu feesisudha.
Haata’u malee, sababoota gara garaan keessumaa dhiibbaa aadaa isaanirratti hammaatuun dhiirota caalaa dubartoonni akka fedhaniifi saatii fedhanitti waan hin taaneef yoo miidhaman mul’ata.
Qorannoon akka mul’isutti saal-qunnamtiin fayyaa dhala-namaatiif baayyee barbaachisaadha. Saal-qunnamtiin ergaawwan narviidhaan (neurotransmitters) sammuurraa kaasee qama namaa keessa akka si’oominaan daddarbaniif gochuuf gargaara.
Kana gochuun saal-qunnamtiin fayyaalessi walumaagala fayyaa keessatti:
Dhiibbaa dhiigaa hir’isuun, sirna qaamni ittiin dhukkuba ofirraa ittisu (immune) foyyeessuun, dhibee onnee xiqqeessee fayyaa onnee foyyeessuun, ofitti amanamummaa cimsuun, dhiphinaafi yaaddoo xiqqeessuun, dhukkuba uumamaa akka namatti furu taasisuun, hirriba foyyeessuuniifi kkf gumaacha guddaa qaba jedhu qorattoonni.
Wal qunnamtii saalaa keessatti waanti murteessaan gammachuu miiraafi qaamaa jaalalleewwan/ abbaa warraafi haati warraa argatanidha jedhu namoonni.
Gammachuu miiraafi qaamaa lachanuu akka barbaadanitti argachuu qaban milkeessuuf ammoo iftoominaan dubbatanii fedhii walii baranii waliif eeguu, iftoominaan waliin haasa’uu, walirratti amantaa qabaachuu, kanneen jedhan warra ijoodha.
Keessumaa qunnamtii saalaa dura haasaan jaalalaa taasifamu qophii xiinsammuu, miiraafi qaamaa barbaachisaadha. Gaa'ela keessatti iftoominaan haasa'anii fedhii walii beekuufi miira waliin eeguun murteessaadha.
Fedhii addaa qaban waliif beekuun addatti itillee irratti dubbii jabduudha jedhu warri fayyaa, saal-qunnamtiifi jaalala qoratan.
[Itillee] jechuun bakka ciisicha michuuwwan jaalalaa ykn haadha warraafi abbaa warraa jechuudha.
Mammaaksa Oromoo keessattis yeroo abbaan warraafi haati warraa waldhabanii akka araaraman barbaadamutti; ‘dhirsaafi niitii itilleeti araarsa’ jechuun jaarsi dafee gidduu hin seenu.
Dubbiin itillee kun ammoo jarri lachan wal hubachuu, tokko isa kaan irratti amantaa qabaachuufi waliif beekuun qajeela.
Fakkeenyaaf, haadha warraafi abbaa warraa qunnamtii saalaa jalqabanii tokko dura xumura. Kaan garuu ammayyuu adeemsa irra jira/ jirti taha. Kun uumamadhas.
Isaan keessaa tokko akka xumureen itti aansee tapha akkamii taphata/tti? Hariiroo jaalalaafi itillee keessatti bakki kun yeroo baayyee bakka rakkoon itti uumamuu maltuudha waan ta'eef dhimma jarri lamaan xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qabudha.
Yeroo hedduu fedhiin dhiirotaa dursee jalqabee dafee yoo xumuramu, kan dubartootaa garuu suuta jalqabee turee xumurama. Amala uumamaa kan garuu mariifi walhubachuun horachuun, walqixxeessuu ykn walitti butuun akka danda'amu himu hayyuun xiinsamuu.
Qorannoon adda addaa akka agarsiisutti dubartootni %5 qofatu fiixee gammachuu isaanii dhumaa irra gaha.
Kana jechuun dubartootni 80% tahan osoo miira isaanii hin xumuriin jalqabanii gidduutti dhaabu jechuudha.
Nama aarsa, walitti nama buusa, amala akka jijjiiratan taasisa.
Kanaafidha qunnamtii saalaa keessatti miira ofii xumuruun qofti gahaa akka hin taane beekuun kan barbaachisuuf.
Qunnamtiin saalaa hojii sammuu, qaamaafi miraa of keessaa qaba. Atileetii fageenya dheeraa fiigu tokko jalqaba qaama ho’ifata, achii ni fiiga, erga xumuree ammoo qilleensa baafachuun deebisee qama isaa tasgabeessa.
Qunnamtiin saalaas akkanuma, qunnamtii saalaa jalqabuu dura yeroo qunnamtii saalaafi booda erga xumuranii lamaan isaanii haasaa jaalalaafi kaaniin miira tasgabbeessuu barbaada.
Bakka kanatti walitti dhufeenyi hirribaafi saal-qunnamtiis ilaalamuu qaba jedhu ogeessonni fayyaa.
Hirriba gaariifi gahaa qabaachuun saal-qunnamtii fayyaalessa qabaachiif fayyada; saal-qunnamtii fayyaalessa qabaachiinis hirriba gaarii argachuuf ni gargaara.
Haata’u malee, hormooniiwwan wayita saal-qunnamtii qama namaa keessaa burqan yeroo deebiyanii ititanitti qaamni dhala-namaa waanboqotuuf hirribni dafee nama fudhata.
Kun ammoo yeroo hedduu dhiironni dubartoota dura fedhiin saal-qunamtii dhufeefii durasanii waan xumuraniif wayita isheen miira ho’aarra jirtutti hirribi fudhachuun ni mul’ata.
'Miirakoo fannisee ofii korrisa'
“Abbaan warraakoo akkuma qunnamtii saalaa jalqabneen ana dursee fixata. Daqiiqaa booda miirakoo fannisee hirriba keessa galee korrisuu jalqaba,” jette dubartiin Sariinaa sagalee jijjirachuu gootee miidiyaa biyya keessaa dhimma maatii irratti mari’achiisaa ture irratti.
[Sariinaan] maqaa ishee isa sirrii miti.
“Achi ofirraa na dhiibee hirriba isaa keessa gala, inni ciisee korrisa, ani miirrikoo akkuma fannifamettan baaxii manaa keessa ilaalaa yaadaan bada, rakkoodha,’’ jechuun itti fuftee rakkoo keessa isheetti ukkaamameeru ibsite.
Rakkoo gola namoota hedduu jirudha. Garuu eenyu baasee dubbataree?
Sagantaadhuma maatii raadiyoon darbaa ture kana irratti dubartin lammataa bilbilaan galuun “abbaan warraakoo konkolaachisaadha, guyyaa guutuu dadhabaa oola.
Guyyoota muraasa bubbulee manatti gala. Baay’ee isa yaadee gaafan argadhu daqiiqaa tokko keessatti xumuree hirriba du’a fakkaatu keessa gala. Maalan godha?’’ jechuun furmaanni yoo jiraateef gaafatti.
Kan sadaffaa, “Kan koo ammoo yeroon ani isa barbaadee tutuqu, isa waliin taphachuu barbaadu na hin jeeqiin baay’ee dadhabeera jechuun na ifata,” jette.
Akkuma beekamu aadaafi safuu uummata keenya irraa kan ka’e namni keenya waa’ee qunnamtii saalaa ifatti baasee hin dubbatu.
Garuu rakkoo guddaa otuma tahee jiruu waan biraan qabee dubbii gochuu danda’a.
Ogeessi seeraa dhimma maatii irratti wal dhabdee jiru ilaalchisee affeerame tokko ammoo mana murtiitti waan biraan wal himatu malee rakkoon as keessa jira jedhan.
Maddi rakkoo saal-qunnamtiirra tahee osoo jiruu wal himannaan dhimma biraa taha jedhe.
Irra caalaan gaa’ela diigamuu ragaan hamma kana jedhamee himamuu baatus rakkoo saal-qunnamtii walaiin wal qabata jedhan.
Kun rakkoo bultoo keessa jiru mitiiree? Waan kana keessummeessaa sagantaa raadiyoo maatii kun ogeessa xiinsamuu tahe tokko waliin dubbateera.
Hiriyaan jaalala ho’aa walaiif qabu, wal mararsiifatu, garuu akkuma qunnamtii saalaa jalqabanii inni dafee xumureen diina walaii tahu,” jechuun ibse.
Tarii dhimmi kun diigamuu bultoo namoota hedduuf sababa ta’uu ni mala.
Tapha qunnamtii boodaa
Walqunnamtii saalaa fayyaalessaafi gammachuu qabu argachuuf sadarkaalee walqunnamtii saalaa keessa jiran hubachuun barbaachisaa akka ta’e ogeessonni fayyaa maatiifi xiinsammuu ni ibsu.
Kun amala jaalallee kee jalqaba saal-qunnamtiitii hanga xumura isaatti qabdu/qabu baruuf gargaara jedhu.
Kun ammoo mufannaa ykn aariifi dheekkamsa sana booda mudachuu danda’u oolchuun lachanuu jaalala guutuu akka argatan gargaara.
Sababni isaa jaalalleewwan lamaan ykn abbaan waraafi haati warraa wal hin gammachiifne taanaan battalatti ta’uu baatus bulee oolee amala badaa gaa’ela keessatti dhalatuuf sababa ni ta’a.
“Rakkoon dhiirota hedduu akkuma saal-qunnamtii xumuraniin dhimma jaalallee isaanii hin dhaqan.
“[Keessumaa aadaa keenya keessatti dubartoonni fedhiima dhiirotaa eeguu malee kan ofii isaanii waan hin himanneef] dhiironni dafanii gara boqachuufi hirribaatti ariifatu,” jedha ga’eessi wagga 32 Iyyaasuun.
“Dhiirotni tapha saal qunnamtii duraa ni beeku. Jalqabuu barbaadu waan taheef miira sana fiduuf haasaa duraa sana ni taphatu.
Garuu erga dhimma isaanii bahatanii haasaa isa booda barbaachisu ykn hubannoo dhabuun ykn miira isaanii qofa xumuruun garagalanii hin ilaalan.”
Akka qorannoon mul’isutti, qunnamtii saalaa sadarkaa sadaffaa keessatti xumurama. [Orgams] miira dubartootaa isa dhumaa irraan gahuun saalqunnamtii tokko milkaa’aa taasisa.
Dhiirotni yeroo qunnamtii saalaa raawwatan gammachuu guddaa irra gahu; dubartootni ammoo miira itti fufee dhufu wan qabaniif haasaan itti aanee jiru baay’ee murteessa.
Dhiirotni aluma takkoo yoo miira isaanii xumuran dubartootni ammoo marsaa tokko keessatti irra deddebiin miira isaanii xumuruu danda’u. Kanaafidha yeroo akkamii irratti isa dhumaarra akka geese beekuun kan si dhiirota barbaachisuuf.
Akka qorannoon himutti taanaan, sadarkaa arfaffaa keessatti qaamni saalaa dhiirotaa ni kufa [ni ka’u]. Umurii irratti hundaa’us dhiirotni bara dargaggummaa isaaniitti deebisanii qaama isaanii kaasuuf daqiiqaa 30 barbaadu, bara dullumaa jala ammoo sa’a 24 fudhachuu danda’a jedhu qorattootni fayyaa.
Kanaafidha haasaa saal qunnamtii boodaa beekuu fi fayyadamuun rakkoo kana furuuf oola kan jedhamuuf.
Haasaan saalqunnamtii boodaa miira dubartii ka’ee hin deebiyiin jiru sana qabbaneessuuf oola.
Kitaabni After Play jedhu haasaan saal-qunnamtii booda lamaan isaanii godhan miira, sammuufi qaamaan jireenya isaanii guutuu taasisa jedha.
Hariiroo cimdiiwwanii akka malee cimsa, gaa’elli isaanii akka jabaatu gargaara.
Dubbiin jirtu dhiirotni erga maaliif miira akkasii keessa galu kan jedhu hubachuudha jedha barreessaan ‘After Play’ James Halpern fi Mark A Sherman.
Kan jalqabaa dadhabbii yoo tahu, kan lammataa ammoo hubannoo dhabuudha jedha.
Furtuu jaalala ho’aa ‘Key to Intemacy’ bara 1979 barraa’e irratti dhiirotaafi dubartoota 264 irratti qorannoo gaggeessan.
Akka qorannoo kanaatti dubartootni irra caalaan isaanii erga saal-qunnamtii raawwatanii sa’a tokko booda hirriba rafu. Kaan ammoo haasaa saal-qunnamtii boodaan tasumaa gammadoo akka hin taane himan.
Gaarummaan isaa dubartootni erga rafanii ka’anii ammas miira haasaa saalqunnamtii duraatti waan galaniif haala duraan ture sana tasgabeessa jedhe.
Dhiirotni yoo miiltoo isaanii dursanii fixanis akka ishee jaalatan agarsiisuu fi isheenis miira ishee xumuruu akka qabdu hubachuun taphoota jaalalaan waliin turtii taasisuu qabu jedhe.
Haati warraa fi abbaan warraa akkaataa itti qaamni isaanii hojjechuu danda’u yoo hubatan lolli kutaa cisichaa ni xiqqaata jedha kitaabni ‘After Play’ kun. Qunnamtii saalaa ala haasaan jaalalaa hedduun waan jiruuf jechuudha.
Lamaan isaanii wal hubachuun erga qaamni abbaa warraa ykn jaalallii ishee deebi’ee ka’ee ykn boqoannaa argatees deebisanii jalqabuu danda’u. Dubbiin yoo achumaan jalaa callisedha waan taheef.
Wal qunnamtiin saalaa dorgommii miti. Yoom jalqabeen daqiiqaa meeqa keessatti fixa kan jedhu yaaduun isnirra hin jiraatu. Gochaa tokkoo tokkoo isheetti gammaduu qabdu malee waa’ee yeroo dabarsitan ykn eenyutu caala kan jedhu yaaduun isin irra hin jiraatu jechuun gorsa.