Waa’ee saal-quunnamtii iftoominaan haasa’uun hagam barbaachisaadha?

Itoophiyaan bara 2020tti jecha ‘sex’ ykn saal-quunnamtii jedhuun Google irratti barbaaduun akka addunyaatti sadarkaa tokkoffaa irra turte.

Hawaasa waa’ee saal-quunnamtii iftoominaan haasa’uun akka waan qaaniitti ilaalamu keessatti sadarkaa kana argachuun dhimma kanarratti hanqinni odeeffannoo jiraa laata gaaffii jedhu kaasa.

Gaaffii kana akka ka’umsaatti fudhachuun hawaasa keenya keessatti waa’ee saal-quunnamtii haasa’uun maaliif barbaachisaa akka taa'e iyyaafanneerra.

Dr Naafyaad Geetuu, Yuunivarsiitii Haramaayaatti hakiima waliigalaa fi barsiisaa dha, akkasumas miidiyaa hawaasummaa irratti dhimmoota saal-quunnamtii waliin hidhata qaban barsiisuudhaan hordoftoota kuma 100 ol horateera.

Ogeessichi hawaasa keenya keessatti waa’ee saal-quunnamtii haasa’uu irratti hanqinni guddaan gatii jiruuf fayyaa wal-hormaataa fi saal-quunnamtii keenya irratti dhiibbaa uumeera jedha.

‘’Fakkeenyaaf maatiin ijoollee isaanii wal-quunnamtiin saalaa 'waan baalageedha' jedhanii itti himu,’’ jedha.

Siyaannee Annileeyi ammoo dhimmoota barnoota wal-hormaataa fi saal-quunnamtiin hidhata qabanirratti barnoota digrii sadaffaa barachaa jirti.

Siyaanneenis aadaan waa’ee saal-quunnamtii haasa’uu hawaasa keenyaa boodatti hafee akka jiru ibsiti.

‘’Shamarran waa’ee saal-quunnamtii haasa’uu dhiisii, yeroo jalqaba laguu isaanii arganillee odeeffannoo tokkoyyuu otoo hin qabaatiinidha, baayyeen isaanii laguun maal akka tahe hin beekan’’ jetti.

Ijoolleen odeeffannoo qaama saalaa isaanii ilaallatu dabalatee, yeroo umriin isaan sadarkaa saalfattoorra gahu jijjiirama ofirratti argan maatii isaanii waliin hin haasa’an jetti.

‘’Kanaaf odeeffannoon hiriyyoota isaaaniifi madda sirrii hin taanerraa argatan kan saayinsiin hin deeggaramneefi balaa qabatuu tahuu mala,’’ jechuun ibsiti.

Dr Naafyaad, ‘’namoonni qaama saalaa isaanii yeroo dhukkubsatan ykn dhibeen wal-hormaataa yeroo isaan mudatu, tokkoffaa gara mana yaalaayyuu hin dhufan, lammata yoo yaaliif dhufanillee dubbachuu akka malee gatii qaana’aniif ‘wantoo’ jechaa bira naanna’u,’’ jedha.

Itoophiyaan jecha 'sex' ykn saal-quunnamtii jedhu fayyadamuun Google gochuun waggoota muraasaan as biyya sadarkaa tokkoo hanga afur faa jiran keessa kan galtu maaliif akka tahuu danda'u Dr Naafyaad waan yaadu ibseera.

''Yuutiyuubii koo irratti mataasaa namoonni wal-quunnamtii saalaa jedhanii akka odeeffannoo barbaadan natti agarsiisa, kunimmoo maatii ykn haadha warraa fi abbaa warraa gidduu iftoominni ijaa hin jirreef 'Google' gochuudhaan odeeffannoo dhoksaadhaan argachuu waan yaalaniifi,'' jedha.

Namoonni baay'ee qaamni saalaa akkamiin akka hojjetu, caasaan isaa maal akka tahe kan hin beekne baay'eedha jedha.

Yeroon waa’ee dhimma saal-qunnamtii barsiisuu jalqabe, ‘’safuu cabsite jedhamuun dulli narratti banamus, ‘’ergasii garuu gaaffiin harka 50 ol karaa ergaa gabaabaa na qaqqabu kan dhimma saal-quunnamtii fi qaama saalaa ilaallatu dha,’’ jedha.

Kunimmoo iddoo saayinsiin itti barsiifamu mana barumsaattillee ‘’dhimmi saal-quunnamtii itti kolfameetu akka waan qoosaatti bira darbama malee sirnaan hin barsiifamu,’’ jechuun ibsa.

Saal-quunnamtiin miira eebbifamaadha?

‘’Wal-quunnamtiin saalaa miira eebbifamee namootaaf kennamedha. Keesumaa gaa’ela keessatti hariiroo jaalalaa haadha warraa fi abbaa warraa gidduu jiru jabeessa,’’ jedha.

Saal-quunnamtiin yeroo raawwatamutti hormooniiwwan gammachuu namaa kennan qaama keenya keessatti akka gadhiifamanis hima.

Haatahu malee yeroo baay'ee biyya keenyatti ‘’haati warraa fi abbaan warraa illee dubbii kana iftoominaan walitti hin haasa’an,’’ jedha.

Siyaanneenis gama isheetiin dhimmi wal-quunnamtii saalaa ifatti yeroo ijoollee barsiifnullee ‘’balaa baatee akka dhufu malee, kan namoonni gammachuu irraa argatan akka tahetti hin himamu,’’ jetti.

Dr Naafyaad qaamota saalaa keenya kutaa qaamaa isa kaanin addatti itti qaana’un akka jiru himuun, ‘’qaamni saalaa akkuma gurraa fi funyaaniitti ilaallee yeroo rakkoon mudatu hin dubbannu taanaan, yaalii hin deemnu taanaan furmaata hin argannu,’’ jedha.

Safuun immoo kan cabu haati warraa fi abbaan warraa waa’ee wal-quunnamtii saalaa osoo hin haasa’in hafani yoo wal-lolaniifi ‘’gara wal hiikuutti yeroo deemani dha,’’ jedha.

Ogeessichi, ‘’haati warraa fi abbaan warraa gama saal-qunnamtiin wal-hin gammachiisan yoo tahe, xiin-sammuu fi jireenya hawaasummaa isaanii ni miidhaa,’’ jedha.

Kanaaf gaa’ela keessatti fedhii ofii walii hubachuun barbaachisaadha jedha, kunimmoo haasa'uun akka dhufu dhubbata.

‘’Dhiirri tokko jireenya saal-quunnamtiisaatiin gammadaadha taanaan, isheen dubaraas gammadduu akka taate gaafachuu qaba, isheenis akkasuma,’’ jedha.

Saal-quunnamtiin ijoollee godhachuufi ykn gaa’ela keessa gatii jiraniif waan raawwachuu qabu tahuu hin qabu jedha hakimtichi.

‘’Maaltu akka isaan gammachiisu yoo wal-gaafatan, rakkoon yoo jiraates walitti himuu shaakaluu qabuu jedha.

Maal jennee haa barsiifnu?

Dr Naafyaadiifi Siyaanneen maatiin ijoollee isaanii saal-quunnamtii ‘waan baalagee’ jedhanii itti himuun sirrii akka hin taane waliigalu.

Siyaanneen, ‘’maatiin ijoollee waggaa sadii irraa qabee qaamota saalaa isaanii barsiisuurraa jalqabuu dabalatee, sadarkaa sadarkaadhaan akkamiin of eeggachuu akka qaban itti himuu qabuu,’’ jetti.

Gama biraan ijoollee umrii saalfattoo irra yeroo gahan barnoota isaaniif dursa kennuu akka qaban himuun barbaachisaa tahus, ‘’saal-quunnamtii raawwachuun, yeroo itti gaafatamummaa fudhachuu danda’aniin dura yoo tahe ulfaa fi HIV dhukkubooti saal-quunnamtiin darbaniif gatii saaxilamaniif maatiifi manni barnootaa sirnaan barsiisuu qabu malee duchaadhumatti bira hin gahiinaa jechuu hin qaban,’’ jetti.

Maatiin, keessumaa haatiifi abbaan guddina miira saal-quunnamtiifi qaamota saalaa ijoollee hordofuufi barsiisuurratti qooda guddaa qabu jedha Dr Naafyaad.

‘’Yeroo tokko ijoolleen cidhaan tokko qofa qabaatanii akka dhalachuu danda’an miidiyaa hawaasaa irratti barsiisnaan, maatiin baay'ee ijoolleen isaanii rakkoo kana akka qaban arganii naa bilbilaa turan,’’ jedha.

Gama biraan dargaggoonni bara miidiyaa hawaasaa kanatti waa’ee saal-quunnamtii pornography(viidyoo saal-quunnamtii) ilaaluun barachuu yaalu, ‘’kunimmoo araada viidiyoo kana ilaalutti akka kufan gochuurra darbee, waan qabatamaan hin jirre gatii daawwataniif xiin-sammuun isaanii akka miidhamu godha, akkasumas hariiroo jaalallee isaanii waliin qabanirratti dhiibbaa qaqqabsiisa,’’ jedha.

Mana barumsaatti barnooti waa’ee qaama saalaa fi saal-quunnamtii ilaallatu akka qoosaatti bira darbamuu akka hin qabnes hima.

‘’Barnoota idilee keessatti hammatamee barsiifamuu qaba, kanamalees ogeessota gorsa saal-quunnamtii kennan addatti barsiisuufi qabna,’’ jedha.

Siyaanneenis maatiin ‘’ijoolleen yeroo gaaffii dhimma qaama saalaa ykn saal-quunnamtiin wal-qabatu gaafatan qaanessuurra dhugaasaa itti himuun balaa irraa eguu danda’u qabu,’’ jetti.

Hunda caalaa garuu waa’ee saal-quunnamtii haasa’uuf saalfii cabsuu qabna jedha Dr Naafyaad.

Haadh warraa fi abbaa warraa gidduu, hiriyoota, manneen barnootaattillee iftoominaan haasa’uun qaama furmaataati jedha.