Piriimiyeer Liigiin jijjiirraa taphattootaa ganna kanaan maallaqa riikardii ta'e baase

Jijjiirraa taphattootaa ganna kanaa Jimaata, halkan edaa goolabameen kilabootni Piriimiyeer Liigii baasii riikardii haaraa ta'e paawundii biiliyoona 2.36 ta'een taphattoota mallatteesifataniiru.

Eda galgala yeroon jijjiirraa wayita goolabamu kilabootni piriimiyeer Liigii 20 ida'amaan baasiin baasan kun kan bara darbee riikardii ta'ee galmaahe paawundii biiliyoona 1.92 turerra caalmaa paawundii miiliyoona 440 agarsiiseera jedha dhaabbatni tajaajila faayinaansiin beekamu Deloitte.

Kilabootni piriimiyeer Liigii guyyaa isa dhumaa, jechuunis Jimaata qofa paawundii miiliyoona 255 baasan. Kunis isa bara darbe guyyaa dhumaatti baasii godhame paawundii miiliyoona 120 ture dachaa oliin caala.

Mallaqni jijjiirraa taphattootaa ganna kanaan bahe seenaa jijjiirraa taphattootaa keessatti daldala guddaa galmaahe isa lammataa ta'eera.

Inni hanga ammaatti daldala guddaa ta'ee qabame jijjiirraa taphattootaa bona darbeeti. Kilabootni bona darbe paawundii biiliyoona 2.73 baasaniiru. Jijjirraan bonaa kun Amajjii dhufu eegala.

Waayee jijjiirraa kanaa qabxiilee ijoon:

  • Liigiiwwan biyyoota Awurooppaa jajjaboo shan jedhaman keessatti hirmaannaan piriimiyeer Liigii dhibbeentaa 48.
  • Kilabootni Piriimiyeer Liigii jijjiirraa kana keessa taphattoota gurguran ykn ergisaan kennan irraa paawundii miiliyoona 550 argataniiru. Bara 2022 yeroo walfakkaataa kan argatan paawundii miiliyoona 210 qofa ture.
  • Laa Liigaa malee liigiin biyyoota gurguddoo afurii hanga maallaqaa jijjiirraa taphattootaarratti bahuu ol siqsaniiru.
  • Liigiiwwan awuurooppaa gurguddoo shanan keessa hamma argatan caala kan bitan Piriimiyeer Liigiifi Liigi waan qofa;
  • Piriimiyeer Liigii keessatti jijjiirraawwan 13 baasiin paawundii miiliyoona 50 itti baheera. Kunis ida'ama jijjiirraa taphattootaa ganna lamaan darbanii ni caala.

Dhaabbatni daldala Ispoortii Deloitte jedhamu waliin michooma qabu Tim Bridge jedhamu akka gabaasetti kilabootni Piriimiyeer Liigii 14 ta'an ganna kana waan ganna lamaan darban baasan caala bittaa taphattootaaf baasaniiru, kunimmoo miirri dorgommii dabaluu agarsiisa'' jedheera.

Kilabootni dorgommiiwwan awurooppaa irratti hirmaachuufis haata'u liigicha keessa turuuf taphattoota jajjaboo fudhachuuf dhiibbaan jiru kun ittuma fufa jedheera dhaabbatni kun.

Guyyaa xumuraatti jijjiirraawwan raawwataman

Jijjiirraa isa guddaa guyyaa xumuraatti raawwataman keessaa tokko Maanchister Siitiin taphataa sarara gidduu Wooviz Maatuus Nuneez paawundii miiliyoona 55'n mallatteessifachuudha. Shaampiyonaan bara darbe Siitiin paawndii miiliyoona 40'n jifataa isaa Paalmer Cheelsiitti gurgureera.

Maanchistar Yunaayitiid guyyaa xumuraatti jijjiirraawwan hedduu milqeesse. Inni ijoon garuu taphataa sarara gidduu lammii Morokoo Soofiyaan Amrabaat Fiyoorentiinaarraa ergisaan fudhachuu isaati. Serjiyoo Reguuloonis Totenhaam irraa ergisaan mallatteessifateera.

Jijjiirraawwan guyyaa dhumaa gurguddoon;

  • Ryan Gravenberch £34.3m Baayeer Miiyuunik irraa Liivarpuulitti
  • Ansu Fati ergisaan Baarseloonaa irraa Biraayitanitti
  • Brennan Johnson £45m Notiingihaam Foorest irraa gara Biraayitan
  • Alex Iwobi £22m Evertan irraa gara Fuulhaamitti
  • Clement Lenglet Barseloonaa irraa ergisaan gara Astoon Viilaa
  • Albert Sambi Lokonga ergisaa Arsenaal irraa gara Luton
  • Mason Greewood ergisaan Maanchistar Yunaayitiid irraa gara Getaafe
  • Rob Holding £4m Arsenaal irraa gara Kiristaal Paalaas

Jijjiirraawwan qaqqaalii

Ganna kana jijjiirraawwan gatii qaalii paawundiin miiliyoona 100 ol itti bahan lama galmaahaniiru.

Chelsiin taphataa sarara gidduu Biraayitan Moosees Kaayiseedoo paawundii miiliyoona 115 gahuun bitateera.

Arsenaalis sarara gidduu isaa jabeessuuf Deeklaan Raayisiin paawundii miiliyona 100 ol ta'uun mallatteesifateera.

Ganna kana gabaa jijjiirraa taphattootaa kan ho'ise taphattoota sarara gidduuti.

Liivarpuul sarara gidduu isaa akka haaraatti gurmeessuuf taphattoota haaraa afur ganna kana bitate.

Liigiwwan Awurooppaa kaan keessattis gatiin qaalii kan itti bahe taphattoota sarara gidduu bitachuutti.