Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mohaammad Saalaa barana gara Al-Ittihad ni godaanaa?
Torbanoota darban Mohaammad Saalaa Liivarpuuliin gadhiisee gara Saawdii Piroo Liigiitti ni godaanaa hamii jedhu bakka bu'aan isaa fudhatama dhabsiisee ture.
Tibba kana ammoo Al-Ittihad jifataa Liivarpuuliif baroota darban jaha walitti aansee adamsaa goolii tokkoffaa ta'e kana fudhachuuf oduun jedhu dhagaahamaa jira.
Aljaziiraan chaanaalii beIN Sports waabeffachuun gabaasa Kamisa baaseen jifataan Masrii kun Al-Ittihad'tti makamuuf waliigaleera jedhe.
Itti dabaluun Liivarpuul hanga ammaa gaaffii ifa ta'ee kilaba Saawdii kanarraa hin dhiyaanneef.
Miidiyaaleen Ispoortii hedduun guyyoota muraasa darban Saalaan gara Saawdiitti godaanuufi jedhanii haa gabaasan malee leenjisaan Liivapuul Yaargan Kiloop ''Saalaan hin gurguramu'' jedhaniiru.
Kiloop Jimaata har'aa tapha Piriimer Liigii Niiwkaastiil waliin Dilbata qaban ilaalchisee miidiyaaleef ibsa wayita kennan ''Saalaan garee kana keessatti murteessaadha, fuuldurattis akkasuma'' jedhan.
Al-Ittihad taphataa ganna 31 bara 2017 gara Liivarpuul makame kana kan ofii gochuuf fedha guddaa qabaachuun bal'innaan gabaasamaa wayita jirutti Kiloop yaada deeggartoota tasgabbeessuuf kana kan dubbatan.
Saalaan bara darbe ture kontiraata isaa waggoota dhufan sadiif Anfiild isa tursu kan mallatteesse.
Bakka bu'aan Mohaammad Saalaa Raamiiy Abbaas torban sadii dura X gubbaatti Saalaan bara dhuftu Liivarpuul akka turu beeksise.
''Osoo bara kana Liivarpuul gadhiisa ta'ee bara darbe kontiraata isaa hin dheeressu ture. Saalaan LFC waliin murannoon jira'' jedhe.
Kiloop waan miidiyaan hafarsu irratti ''gama koon waaniin jedhuu hin qabu, inni taphataa Liivarpuulidha'' jedhan.
Dhibbeentaa dhibbaan Liivarpuul waliin akka jiru Kiloop mirkaneessaniiru.
Barruun Ispoortii, The Athletic, Al-Ittihad Liivarpuuliif gaaffii dhiyeessee deebii ''inni hin gurguramu'' jedhu argachuu gabaaseera.
Liivarpuul waliin kontiraata qabu bara darbe kan dheeresse Saalaan torbanitti mindaa doolaara 441,740 argata.
Barruun The Guardian Football ammoo Al-Ittihad jijjiirraa Saalaaf yuuroo miiliyoona 180 dhiyeesseera gabaasa jedhu baaseera.
Saalaan kilaba Saawdii kanatti makamuuf gaaffii kilabichi dhiyeesse simateera jedhamuu irratti wanti haaraan dhagaahame hin jiru.
Akkuma gabaafamaa jiru Saalaan fedha kilaba kana gadhiisuu qabaannaan Liivarpuul akka isa gadhiisu dhiibbaa godhu malee salphaa akka hin taane ogeeyyiin kubbaa xiinxalan ni dubbatu.
Al-Ittihad amma dura injifataa Ballon d'or bara darbee Kariim Benzeemaa Riyaal Madriid irraa, Ngolo Kaantee ammoo Chelsiii irraa mallatteessifateera.
Akka gaabsaaleen bahan himanitti Benzeemaan bulchiinsa kilabichaa waliin akka gaarii hin jiru kanaafis tarii gadhiisuu danda'a.