Neyimaar: 'Awurooppaatti hedduu milkaa'eera, amma Sa'uudiitti seenaa hojjechuun barbaada'

Bara 2017 kilaba Baarseloonaa irraa Paawondii miiliyoona 200n PSG kan seene taphataa colleen lammii Biraaziil Neyimaar, amma Yuuroo miiliyoona 90n Al-Hilaal seeneera.

Taphataan umrii ganna 31 kun erga waliigaltee raawwatee booda yaada kenneen, ''Awurooppaa keessatti hedduu milkaa'eera, yeroo gaariin dabarse. Garuu yeroo hundaa taphataa addunyaa ta'uun fedha. Qormaataa fi carraa haaraa akkasumas bakka haaraaf of saaxiluun barbaada,'' jedhe.

Leenjisaan PSG Luwiis Enriik wayita garee taphattootaa bara taphaa kana waliin turu gurmeeffatu Neyimaar keessa hin turre.

Tapha Ligue 1 jalqabaa Sambata Looreent waliin taphatan keessatti hin hiriirre ture.

Chaampiyoonaan Firaansi PSG'n taphattoota collee ta'an, keessattuu kilaba warra Ispeen maqaa 'Galacticos' jedhamu ofiif kennan irraa gatii guddaan fiduun kan beekamu yoo ta'u, dhiheenya kana taphattoonni kunneen kilabicha gadhiisanii dhumaniiru.

Taphataa colleen addunyaa Liyoneel Meesiin ganna kana erga PSG gadhiisee kilabichi taphattoonni 'Galacticos' deemuusaaniitti hin gaabbine.

Neyimaar gadhiisuunis adeemsa kilabichi warra Galctico dhiisuuf taasisaa jiru kan cimseedha.

Neyimaaris kilabicha keessaa ba'ee addunyaa haaraatti makamuusaatti gammaduu ibseera.

''Seenaa ispoortii haaraa galmeessuun barbaada. Yeroo kanatti Sa'uudii Piroo Liig taphattoota dandeettii qabaniin kan guutameedha. Amma bakki sirriin asi,'' jedhe.

''Waa'ee liigii kanaa waa hedduu dhagaheera, baradheera. Taphattoota Biraaziil hedduu waggootaaf Sa'uudii Piroo Liigii keessa taphatan hordofeen kana murteesse. Kanaafuu bakki kun anaaf bakka akkaan naaf ta'uudha.''

Taphataan sarara fuulduraa (jifataan) kun kilaba Firaansi- PSG keessa osoo turee waggaatti yuuroo miiliyoona 25 argata, Al-Hilaal ammoo yuurooo miiliyoona 150 akka kaffaluuf barameera.

Waggaa lamaaf kilaba Sa'uudiif kan mallatteesse Neyimaar mindaan inni Al-Hilaalitti argatu kan Firaansitti argatu dachaa ja'a ta'a.

Dura taa'aan Al-Hilaal Fahad bin Saad, Neyimaar 'nama jabaa addunyaa' fi 'jifataa eenyuyyuu dhaabuu hin dandeenyedha,'' jechuun sirna simannaa taphataa kanaarratti jajan.

Taphataan Biraaziil kun PSG'f taphoota 173 taphatee waancaa 13 waliin argateera.

''Taphataa akka Neyimaar gadhiisuun ni ulfaata. Yeroo inni jalqaba PSG seene miira tre yoomuu hin dagadhu. Waggoota ja'a darban keessatti kilabii keenyaaf guddoo gumaache,'' jedhan Pireezidantiin PSG Naasir Al- Kaliifii.

Neyimar erga taphataan dhimmi isaa akkaan falmisiisaa ture, Kiliyaan Mbaappeen garecha waliin itti fufuuf leenjii waliin eegalee guyyaa lama booda PSG keessaa ba'e.

Al-Hilaal taphataa collee addunyaa umrii waggaa 24 lammii Firaansi ta'e, Kiliyaan Mbaappee fudhachuufis fedhii guddaa agarsiisee ture.

Ji'a darbe keessa Al-Hilaal taphataa kana fudhachuuf paawondii miiliyoona 259 erga dhiheessee booda, PSG'n kilabicha akka taphataa kana waliin dubbatu eeyyamee ture.

Neyimaar gara Al- Hilaal imaluun warri Sa'uudii kubbaa miilaan addunyaarratti dorgomaa ta'uuf hagam kutatanii akka ka'an mul'isa.

Sa'uudii Piroo Liigiin waggoota itti aanan addunyaarratti kubbaa miilaan dorgomaa ta'uuf karoora guddaa qabaachuusaa agarsiisa.

Neyimaar dura taphattoonni ciccimoon kanneen akka Kariim Benzeemaa, N'Golo Kante, Jordaan Hendarsan, Ruben Neves, Saadiyoo Maanee fi Roobartoo Farmiinoo gara Sa'uudii imalaniiru.

Taphataan colleen addunyaa fi Poorchugaal, umrii waggaa 38, Kiristaanoo Roonaadoo Amajjii darbe ture Maanchistar Yunaayitid irraa Al- Naasir kan seene.

Neyimaar gara Al-Hilaal imaluun garee taphattoota ciccimoo, kanneen akka taphataa Chelsii irraa garas imale Kaaliduu Kolibaalii, taphataa duraanii Laaziyoo Sergej Milinkovic-Savic, of keessaa qabutti makameera.

Adoolessa darbe wayita taphataan Maanchistar Siitii Riyaad Mahreez Al-Ahlii galu, leenjisaan Siitii Peep Gaardiyoolaan ''humni maallaqaa Sa'uudii gabaa jijjiiraa jira,'' jedhee ture.

Ji'oota dura wayita Kiristaanoo Ronaaldoo deemu, taphattoonni ciccimoon kun marti gara Sa'uudii deemanii taphatu jedhee kan yaade hin turre jedha Gaardiyoolaan.

''Fuulduratti ammoo kana caala. Kilaboonni kan beekuu qaban kanadha. Hagam akkasiin akka itti fufan hin beeku. Garuu akka itti fufan irraa hubanna.''