Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Quraanni waggaa 200 dura harkaan katabame Afrikaa Kibbaatti Masjiida diigame keessaa baraarame
Quraanni – bara 200 ol dura Imaama lammii Indooneshiyaa kolonii Dachiin Afrikaa Kibbaatti ari’atameen harkaan bareechamee barreeffame – kabaja Musliimoota Keep Taawonidha.
Muslimoonni kun Quraana kana masjida kutaa seena-qabeessa magaalitti Bo Kaap jedhamu keessatti kunuunsaan eegu.
Bara 1980’n keessa hojii ijaarsa haroomsaarra namoota turaniin baaxii Masjiida Awuwaal keessatti Quraanni kun waraqaan maramee argame.
Qorattoonni akka amananitti Imaam Abdullaa ibin Qaadii Abdu Salaam, maqaa masoo Tuwaan Guruu jedhamuun beekamu, yeroo hidhamaa siyaasaa ta’ee bidiruun gara Keep Taawonitti ergamaa jiru waan yaadatu irraa Quraana kana barreesse.
Tuwaan Guruu sochii warraaqsa kolonii Dachii mormanitti waan makameef adabbiin bara 1780 keessa Indooneeshiyaa oddola Tidoree irraa gara Afrikaa Kibbaatti ergame.
“Hojjettooni ijaarsaa sun saanduqa barreeffamoota amantaa Tuwaan Guruun barreesse biroos argataniiru,” jechuun miseensi koree masjiidichaa Qaasim Abdullaa BBC’tti himeera.
Quraanni qola hin qabneefi waraqaa lakkoofsi fuulaa adda hin baafamne irratti barreefame kun, fuulli tokko tokko qarqarrii isaa xiqqoo dullumoorraan kan hafe haala gaariin argame.
Barreefamni afaan Arabaan qalama diimaafi gurrachaan harkaan barreefame kun sirritti dubbifamuu kan danda’u yoo ta’u, yeroo argames, ammas haala baayyee garii ta’een argama.
Hawaasa Musliimaa naannichaaf qormaata guddaa kan ta’eeru, mi’a gatii qabeessa kunuunsuuf yaalii taasisan keessatti fuula Quraanaa keyyatoota 6,000 ol ta’an tartiiba sirriin kaa’uumuu isaanidha.
Hojii kana kan hojjete hayyoota Quraanaa hedduu waliin ta’u oggeessa Maulana Taha Karaan, jedhamu ture.
Quraana kana tartiiba galchanii qola itti kennanii waan hunda xumuruun hojii wagga sadii fudhatedha.
Quraanni kun Masjiida Awuwaal, kan bara 1794tti Tuwaan Guruun hundeeffameefi Afrikaa Kibbaa keessatti masjiida jalqabaa ta’e keessa ol kaa’amee jira.
Quraana seena-qabeessa kana hatuuf yeroo sadii yaaliin erga taasifamee booda, wagga 10 dura Quraanicha sanduuqa abiddaafi rasaasa damdamatu keessa kaa’uuf koreen murtesse.
Seenaa Tuwaan Guruu kan bareesse Shaafiq Moortan, Imaamni kun koppii shanan jiran keessaa isa jalqabaa kan barreesse utuu oddola Rooben irratti hidhamee jiruu akka ta’eefi erga hidhaarra gadhiifamee kan hafe itti fufuu isaa amana.
Rooben Aylaand bakka bara 1960n hanga 1980nitti Nelsan Maandellaan itti hidhamee turedha.
Koppiin warri kaan kan barreeffaman yeroo inni umurii ganna 80 fi 90 keessa turedha jedhamee amanama.
Afaan Arabaa afaan isaa jalqabaa waan hin taaneef akkana milkaa’uun isaa ammoo caalaatti akka waan guddaatti ilaalama.
Akka Obbo Morton jedhutti, Tuwaan Guruu Oddola Rooben irratti yeroo lama hidhame – jalqaba umurii ganna 69tti bara 1780 hanga 1781, sana boodas bara 1786 hanga 1791tti hidhaa ture.
“Quraana kana kan barreesse sababni tokko hamilee garboota naannoo isaa turanii ol kaasufidha jedheen amaneera. Yoo Quraana barreessuu danda’e isarraa namoota barsiisuu akka danda’uuf gaarummaa akka isaan barsiisuu danda’u waan hubate natti fakkaata,” jedha Obbo Morton
Seenaa Islamaa Afrikaa Kibbaa irratti barsiisaa kan ta’eefi seenaa Quraanota Keep Toown harkaan barreeffaman irratti qorannoo bal’aa kan gaggeesse Shayiin Owaas, hidhamtootaafi Garboota Musliimaa yeroo sanattii Kolonii Dachii jala turan biratti Islaamummaan akka hin dagatamneef Tuwaan Guruu kutatee akka ture amana.
“Yeroo isaan Macaafa Qulqulluu barsiisuuf garboota Muslimaa jijjiruuf yaalaa turanitti, Tuwaan Guruun Quraana barreessuun ijoollee barsiisuun akka isaan sammuutti qabataniif gargaaraa ture.”
“ Kun seenaa kutannoofi jabinaa hima. Sadarkaa barnootaa namootni akka hidhamtootaafi garbaatti gara Keep Taawonitti fidamanii qaban kan agarsiisudha.”
Tuwaan Guruun dabaltaan waan yaadatu irraa kitaaba Afaan Arabaa fuula 613 qabuufi mata-duree Ma'rifat wal Iman wal Islam ( Beekumsa Amantaafi Amantii) jedhu waan yaadatu irraa barreesseera.
Kitaabni kun qajeelfama bu’uraa amantaa Islaamummaa yoo ta’u, waggootii 100 oliif Musliimota Keep Tawooniin wa’ee amantii isaanii barsiisuuf kan fayyadamamaa turedha
Hanga ammaatti maatii Rakiip kan hiddda dhalootaa Tuwaan Guruu ta’an bira haala gaariin qabame isa. Fakkaattiin isaa ammoo mana dubbisaa (library) biyyaalessaa Keep Taawon keessa jira.
Quraanoota shan Tuwaan Guruu bareessee keessaa sadii essa akka jiran ni beekama. Isa Masjiida Awuwaal jiruun alatti, lama maatii hidha dhalootaa isaa bira jira.
“Waa’ee amantii isaa waan yaadatu hunda taa’ee barreessee, sanas ammo namoota biroo barsiisuuf fayyadame,” jedha Shayiik Owaasi.
“Quraanni jalqabaa inni barreessee hawaasni Musliimaa yeroosii oolee, hawaasaa kabajamaa amma agaruutti akka guddatuuuf sababa ta’eera.”