Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaan maaliif foon halaal irraa galii guddaa argachuu dhabde?
Gabaan foon halaal sadarkaa addunyaatti dolaara tiriliyoona 1.6 ni gaha. Faransaay ummati musliimaa miiliyoonni jaha keessa jiru gabaan foon halaal waggaatti yuuroo biiliyoona 6 gaha.
Itoophiyaa keessa manneen nyaataa Arabaa muraasa keessa yoo ta’an malee indastirichi hammana waan beekamu hin fakkaatu.
Lakkoofsi ummata Musliimaa Itoophiyaa keessaa biyyoota Arabaa tokko tokko ni caala. Embasiiwwan biyyoota Arabaa hedduus Finfinneetti argamu.
Dhiheessiin halaal garuu xiqqaadha.
Foon halaal garuu maali?
Musliimotaaf halaal dhimma foon qofa osoo hin taane ‘calaqqee jireenyaatis’.
Foon qofa osoo hin taane oomisha qorichaa, kan bareedinaafi hoteela dabalatee halaalidhaa jedhamanii gaafatamu.
Manneen qalmaa akkaataa barumsa amantaa Islaamaa hordofan dhiheessitoota foon halaal jedhamanii ibsamu.
‘Turizimiin halaal’ jedhamuus jira. Hoteela dhugaatiin keessatti hin gurguramne akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama.
Takka takka foon ala omishooti jiran ‘halaalidha halaal miti’ yoo jedhan dhagahama.
Oomishi tokko amantaa Islaamaan kan dhorkame (haraama) jedhamerraa yoo hojjetame oomishi suni tarree halaal keessaa baafama.
Fakkeenyaaf amantaa Islaamaan foon booyyee ni dhorkama.
Qorichi, buskutiin yookiin oomishi kaan wanti irraa dalagame foon booyyee yoo ta’e oomishi suni tarree halaal keessaa baafama jechaadha.
Itoophiyaan maaliif buufachuu dhabde?
Xiyyeeffannoon Itoophiyaa amma qamadii irrattidha.
Ogeeyyiin dameen halaal damee maallaqi olaanaan itti argamuu danda’u akka ta’e eeru. Binmaliik Abdoo damee kana beeksisuurratti dalagaa jiru.
Turtii BBC waliin taasisaniin ‘biyya biraa akka Itoophiyaa damee kanarraa fayyadamuuf haala mijataa taaterra jirtu hin beeku’ jechuun dubbatan.
Baatii muraasa dura damee kana beeksisuuf sagantaa Halaal Ekispoo qopheessanii dureeyyiin irratti argamanii turan.
Saganticharratti kan argaman Ministirri Qonnaa Obbo Umar Huseen biyyattiin damee kanarraa fayyadamuu akka dandeessu ibsan.
Itoophiyaan sababoota lamaaf damee kanaaf mijattuudha jechuun ibsu Binmaliik.
Tokko Itoophiyaan giddugala bahaaf dhihoodha. Lammaffaa immoo Itoophiyaan qabeenya horiin soorettiidha.
Ragaa dhiheessuun rakkisaa ta’us irra deddeebiin Itoophiyaan Afrikaarraa lakkoofsa horiin tokkoffaadha jedhamtee faarfamti.
Yoo kuni ta’e damee kanarraa maaliif baay’ee buufachuun dadhabame?
'Jalqaba ilaalchi Araboonni nuuf qaban jijjiiramuu qaba'
Danqaan tokko ilaalchi hawaasi Arabaa Itoophiyaaf qabudha. Ilaalchi kuni seenaa beelaa kana dura ture waliin walqabata.
Hammi dhiheessii amansiisaa ta’u dhabuufi qulqullinni sadarkaa olaanaan dhibuun rakkoo biraati.
‘Omisha foon keenyarratti hammana amantee hin qabani’ jedhu ogeessi BBC’n dubbise Obbo Abirahaam Nagaash.
Obbo Abirahaam Inistitiyutii Misooma Indastirii Fooniifi Aannanitti daarektara indastirii misooma fooniiti.
Akkaataa horiin itti kunuunfamu, akkaataa qabiinsa bakkee qalmaa, qabiinsa qulqullinaa, akkasumas dhiheessii soorata horii irratti shakkii qabu.
Fakkeennyaaf biyyoonni Arabaa tokko tokko seenaa jireenya horii qalmaaf dhihaatu baruu fedhu. Kana obbo Abirahaan ‘traceability’ jechuun ibsu.
‘Re’een tokko eessatti dhalatee, maal soorate, maal talaalame, bakkee qalmaa kamitti waggaa kamitti qalame’ kan jedhu baruu barbaadu jedhan.
Wanti akkanaa qoosaa fakkaata. Haa ta’u malee, daldala alaa irratti danqaa tokko kan ta’e kuni guutamuu dhabuu isaati.
Gaaffiin kuni Obbo Abirahaamiif agarsiisa Dubaay jiruurratti isaan qunnameera.
‘Awustiraaliyaaf foon kiiloo tokkoon dolaara 5 kanfalaa foon keenyaaf gatii cabsite?’ jedhanii nama foon bitu gaafatan. Irattimmoo ‘foon dhiheessine orgaanikiidha jedhanii’ falman jedhu.
Arabi suni ‘foon re’ichaa orgaanikii ta’u isaaf waraqaa ragaa naaf dhiheessuu dandeessaa?’ jedhee deebise jechuun dubbatu.
Danqaawwan biroo
Binmaliik danqaan ijoo Itoophiyaan waraqaa ragaa sadarkaa idil-addunyaa qabu dhabuu isheeti jedhu.
Biraazil, Arjantiinaa, Awustiraaliyaafi Niw Zilaand gara biyyoota Arabaa foon erguun galii guddaa argatu.
‘Biraazil waggaatti foon toonii kuma 350 ol biyyoota Arabaaf dhiheessiti’ jechuun gaabbu.
Gaabbiin isaanii Biraazil biyya biyyoota Arabaarraa fagoo taatee osoo jirtuu hammana fayyadamuu isheeti.
Itoophiyaan bara 2014 foon gara biyyoota giddugala bahatti kan ergite toonii kuma 22 qofadha.
Kuni qabeenya Itoophiyaan qabdu waliin yeroo walbira qabamu baay’ee xiqqaadha.
Rakkoon biroo immoo akkaataa qabiinsa horiiti.
Lakkoofsi horii qalmaa hedduu jira jechuun hedduu erguun danda’ama jechuu miti.
Obbo Abirahaan fedhiin biyyootaafi ulaagaan dhiheessan murteessaadha jedhu.
‘Foon giddugala bahatti ergamu keessaa 80% foon re’eeti. Kunis fedhiin foon re’eef qaban olaanaa waan ta’eefi.’
Isarrattimmoo foon ergamu kan re’ee dhiiraa ta’uu qaba. Dhaltuu erguun hin danda’amu. Sababi tokko foon re’ee dhaltuu dafee waan coomuufi.
Umriin re’een foon isaa ergamu ji‘a saddeet hanga waggaa lamaa ta’uu qaba. Kanuma keessammoo hundatu ergama miti, filameeti ergama.
Kan ergaman kan qaama qaban ta’uu qabu.
Obbo Abrahaamis ta’e Obbo Binmaliik Itoophiyaa keessa horiin agarsiistuu qabeenyaati malee kan qabeenya itti horatan miti jechuun ibsu.
‘Horsiisee bulaan horii hammanaan qaba jedha malee horii akkamiin qaba kan jedhu baay’ee isa hin yaaddessu’ jechuun himu.
'Titiisa tokko bakka qalmaatti agarraan dhiisanii adeemu'
Qormaati biraa sadarkaa qulqullina bakkeewwan qalmaati. Waggaatti hammi qaluu danda’an toonii kuma 200 dha.
Bakkeewwan qalmaa halaal 18 jiraatanis humna guutuun kan hojjetan 11 qofaadha. Kunneenis hamma dalaguu danda’an keessaa 20% qofa dalagu.
Kanarrattimmoo qulqullina isaanii irratti kanneen bitan gaaffii kaasu.
‘Yeroo baay’ee Araboonni qorannoof dhufanii bakkeewwan qalmaa deemuun waan arganiin gammachuu hin qabani’ jedhu Obbo Binmaliik.
Obbo Abirahaamis fakkeenya walafakkaataa qabu.
‘Wagga waggaan Dubaayiifi biyyoota biroo irraa haala jiru daawwachuuf dhufu. Bakkee qalmaatti sibiila dandane yookiin titiisa arguun yakkadha. Lammata hin fudhatani.’
Wanti erginu maaliif xiqqaate?
Al-ergiin akka xiqqaatuf sababoota hedduutu eerama.
Sababni ijoon tokko tasgabbii dhabiinsa naannoo horsisee bultootaatti irra deddeebiin mul’atudha.
Obbo Abirihaam akka jedhanitti, walitti bu’iinsa qofaa otoo hin taane gogiinsaan miidhamuunis jira.
Kana malees, loowwan qalmaaf gara bakkee qalmaa wayita geeffaman baayyee reebamu. Loon reebaman foon isaanii ni gurraacha’a.
Akkasumalle horiin konkolaataan fe’amanii karaa daangaa biyyattii seeraan ala biyyaa baafamu jedhan Obbo Abirahaam.
Dolaara biiliyoona tokko argachuuf maal goonu?
Itoophiyaan bara darbe foon gara Baha giddugaleessaatti ergitee galin argatte Doolaara Ameerikaa miliyooona 100 fi miliyoona 20 gadi.
Akka Biraazilitti al-ergi keenya toonii 350,000’n yoo geenye doolara biliyoonatti argachuun garuu ni danda’ama.
Kanaaf maal gochuu dandeenya?
Kana milkeessuuf waa’e halaal beekuun, waraqaa ragaa argachuudha.
Waraqaan ragaa kun adeemsa barbaachisa eeggatee foon qophaa’e ta’uu mirkaneessa.
Haalli horsiisa loonii ammayyaa’uu akka qabu, fayyaan isaanii sirnaan akka eegamuu qabu, odeeffannoo waa’ee loon kanaa sirnaan galmaa’u akka qabullee Obbo Abirahaam himaniru.
Rakkoon biraa sirraatuu qabu caasaa faddaalaati. Gabaa amma jirurratti faddalaan akka hedduummate eeruun.
Galii Doolara Ameerikaa biliyoona tokko argachuuf kutannoon hojjachuu barbaachisa jedhan Binmaalik fi Obbo Abirihaam.
Ammatti Araboonni foon kiloo tokkoof giddugaleessaan Doolaara jaha kaffalu.
Ammatti kan foon ergamaa jiru toonii 20,000 yoo ta’u, galiin argame Doolara Ameerikaa miliyoona 100 fi miliyoona 20 ta’a. Qeeraawwan kunneen humna qaban keessa %20 hojjatan.
Haala kanaan foon halaal toonii 200,000 yoo ergame Doolaara Ameerikaa biliyoona tokkoo argachuun ni danda’ama.
Imbaasiiwwan Finfinnee foon biyya alaatii galfatan
Obboo Abirihaam, biyyoota oomisha keenya bitan amantaa nurraa qaban guddisuun caalatti barbaachisadha jedhan.
Hojii amantaa biyyootaa oomisha keenya bitanii guddisu Finfinnee keessaa eegalamu qaba jechuunis himu.
Biinmaalik akka himanitti, hojjattoonni imbaasiiwwanii kanneen foon biyyoota alaarra galfatan jiraachu eeran.
Imbaasiwwan 120 oliifi teessoon Gamtaa Afrikaa Itoophiyaatti argama.
Imbaaasiwwan kaan foon halaal jedhamu kana biyyasaaniirraa gara Finfinneetti fidatu.
Biinmaalik hojjattoonni imbaasii ‘’foon kun eessaa dhufe? Foon booyyee waliin wal tuqeera?’’ jedhanii akka gaafatan ibse.