Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mozaambiikitti obomboleettii cimaan lubbuu namoota 94 galaafate
Biyya baha Afrikaa kan taate Mozaambiik keessatti, Obomboleettii cimaan Chiidoo jedhamu tibbana mudachuun hanga yoonaatti lubbuu namoota 94 galaafachuu aanga'oonni naannoo beeksisan.
Inistiitiyuutiin Bulchiinsa Balaa Biyyaalessaa biyyattii akka beeksisetti balaa uumamaa jiru kanaan namoonni 768 miidhamuu fi kanneen 622,000 ol ta'an ammoo sababa balaa kanaan hanga tokko rakkoof saaxilamaniiru.
Obomboleetti cimaan rooba makate kun torban darbe keessa Moozaaambik kan rukute yoo ta'u keessumaa Mudde 15 darbe obomboleettiin sa'aatii tokko keessatti km 260 fi roobni 250 mm ta'u roobee irra caalaa balaa kana geessiseera..
Obomboleettiin walfakkaataan kun Moozaambiikin alattis Maalaawwii fi Zimbaabuweettillee kan ce'e yoo ta'u jalqaba naannoo Galaana Hindii irraa ka'uun Odola Faransaay jala bultu, Maayoot, keessatti miidhaa geessisee ture.
Moozaambiik keessatti obomboleettiin kun bulchiinsa kaabaa kan yeroo hedduu obomboleettiidhaaf saaxilamtuu taate kan rukute yoo ta'u naannawa Cabo Delgado irraa eegalee hanga gara Niyaasaa fi Nampulaatti fulla'e.
Inistiitiyuutiin Bulchiinsa Balaa Biyyaalessaa biyyattii (ENGD) akka jedhetti obomboleettiin kun damee barnootaa fi fayyaa irratti dhiibbaa uumeera.
Bu'uuraaleen misoomaa manneen barnootaa haalaan miidhamaniiru. Kanaanis barattoota 109,793 ol ta'an irratti dhiibbaa uumera.
Buufataalee fayyaa gara 52 ta'an miidhamuu isaanii dhaabbatichi ibseera. Kunis tajaajila fayyaa barbaachisaa ta'e argachuuf daran balaa qaba.
Kutaawwan qulqullinaa gara 52 ta'an miidhamuu isaanii dhaabbatichi ibsee, kunis tajaajila fayyaa barbaachisaa ta'e daran balaadhaaf saaxilee jira.
Hogganaan paartii Mozaambik bulchu, Daani'eel Chaapoo, miidiyaa biyya keessaatti akka himanitti, mootummaan obomboleettii kanaaf deebii kennuuf sadarkaa hundatti deeggarsa taasisaa jira.
Chaapoon Dilbata darbe naannolee balaa guddaa irra gahe keessaa tokko kan ta'e Cabo Delgado daawwachuun, naannolee miidhaan irra gahe aanaalee Mekuufi, Naampulaa, Membaa fi Niyaasaa keessatti namoota deebisanii dandamachiisuuf dhaabbata bulchiinsa balaa biyyaalessaa waliin hojjechaa akka jiran dubbataniiru.
Maayoot keessatti obomboleettiin akkanaa waggoota 90 keessatti naannoo odolawwan kana rukutuun namoota kuma kudhaniitti lakkaa'aman miidhuun miidhaa hamaa geessisise ture.
Yeroo sanatti lubbuun namoota 35 darbuu Ministeerri Biyya Keessaa kan yaadachiise.
Bulchaan Maayoot kanaan dura miidiyaalee biyya keessaatti akka himanitti, miidhaa gahe guutummaatti yoo madaalame lakkoofsi namoota du'anii baay'ee dabaluu akka danda'u ibsuun, ''kumaatamaan lakkaa'amuu akka danda'u hin shakkisiisu'' jechuun himaniiru
Uummata naannoo sanaa deeggaruufis qondaaltonni 1,300 ol bobbaafamaniiru.
Haa ta'uu malee, jiraattotni ammallee bu'uuraaleen misoomaa akka ibsaa fi bishaaniifaa akka hin deebineef himu.
Ministeerichi akka jedhetti riqichi dhiyeessi adda cite deebi'ee suphamuun nyaatni fi bishaan raabsamaa akka jiru eerera.
Obomboleettii cimaan akkasii roobaa fi lolaa cimaa geessisuun mancaatii guddaa waan qaqabsiisuuf biyyattiin "bu'uuraalee misoomaa jijjiirama qilleensaaf saaxilamoo ta'anii fi dhiibbaa gara fuula duraa furuuf karoora dandamachiisu qabaachuu akka barbaachisu" ibsamaa jira.
Qaamni haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, IPCC, kanaan dura namoonni rooba obomboleettii tiroopikaalaa waliin walqabatee mudatu dabaluu fi saaxilamummaa namootaa dabaluu fi of eggannoon barbaachisu akka taasifamu hubachiiseera.