Laavaan qorraa jiraattota naannoo volkaanoo 37 ajjeese

Odola lixa Indooneeziyaa Sumaatraa iddoo volkaanoon hammaatutti lolaafi laavaan(humbuluqa) qorraa irra yaa'ee namoonni 37 lubbuun darbe.

Roobni cimaan Sanbata darbe roobe tuullaa daaraa fi kattaa Gaara Maaraapii iddoo volkaanoon socho'aa Sumaatiraa jiru irraa gadi haraa ture.

Humbuluqni qorraan kuni bulchiinsota lama irra yaa'ee lubbuu namootaa dabarsuun dabalataan manneen 100, masjiidotaaafi qabeenya uummataa mancaaseera.

Namoonni 18 achi buuteen isaanii waan hin beekamneef lakkoofsi namoota lubbuu dhabanii dabaluu danda'a jedhan qondaaloti.

Kanneen balaa kanarraa hafan laavaan(humbuluqni) miya volkaanoo qabate rooba keessa mana isaaniitti yaaa'uu himan.

''Sagalee waan qaqawweessa fakkaatuufi bishaan danfu fakkaatun dhagahe. Sagalee kattaa gurguddaa kan Gaara Maaraappii irraa konkolaachaa jiru fakkaata,'' jechuun Riinaa Deviinaan duabartiin ganna 43 bulchiinsa Agaam irraa AFP'tti himte.

''Dukkana homaa hin mul'anne waan tureef ibsaa bilbilakoon fayyadame. Karaan dhoqqee ture, yaa Waaqi nutti araarami jechaaman ture,'' jetti Aadde Deviinaan.

Haati ijoollee sadii kuni manni ollaashee ''kattaa guddaa daakame,'' jechuun yoo ibsitu ollotashee afur dhabuus dubbatti.

Dilbata sa'atii booda lubbuu baraartonni reeffa 19 iddoo akkaan miidhamte Kaanduwang keessaa yoo baasan, ollaa Taanaah Dataar irraa immoo reeffa sagal baasuu himan.

Beerlianaa Reeskiyaakaa jiraataa Agaam yoo tahu ollaa gargaaruun waan keessa darbe hima.

''Namoonnii boo'an turan, sababiinsaas achi buutee miseensota maatii isaanii hin beekan. Kaan immoo reeffa isaanii kan argatan fa'itu jira,'' jechuun miidiyaa Indooneeziyaatti himeera.

Lolaan kuni balaa uumamaa, gariin sochii dhala namaatiin dhufe dha jedhu ogeessi kunuunsa naannoo BBC'n Indooneziyaa irraa dubbise.

''Lolaafi dhoqqeen laavaa kuni sababa qabeenyi uumamaa naannoo manca'aa jiruuf mudachuun isaa itti fufa,'' jedhan Dhaabbata Kunuunsa Naanoo Indooneziyaa damee Lixa Sumaatraatti hooganaa kan tahan Wengkii Purwaantoo.

''Sababa kanaan balaan hamaa wagga waggaan mudata. Inumaa hammisaa wagga waggaan dabaluu mala. Balaan tokko mudatee inni kaan mudachuuf yeroo dheeraa hin fudhatu,'' jedhan.

Ji'oota jahan darban keessatti Gaarri Maaraapi balaa wal-fakkaataa baayyee keessummeesseera.

Mudde darbe namoonni lafoo deemaa turan 23 volkaanoo mudateen yoo du'an, Guraadhala keessa ammoo lolaan tasaa manneen baayyee Tanaah Dataar keessatti mancaaseera.

Baatii darbe ammoo aarrii volkaanoo ol gara samiitti km2 dheeratu balalii xayyaaraa danqaa ture. Karaanis cufamee namoonni 11,000 ol tahan naannichaa akka bahan itti himamee ture.

Maaraappii jechuun afaan naannichaa Minaang jedhamuun ''Tulluu aaraa'' jechuu dha.