Godina Guraagetti waa'ee taatee maatii tokko keessaa namoota torba galaafatee poolisiin maal jedhe?

Namoota Namoota magaalaa keessa deemaa jiran

Madda suuraa, Addis Standard

Taatee maatii tokko keessaa lubbuu namoota torbaa galaafate kana gareen qorannoo hundaa'ee qoratamaa akka jiru poolisiin BBCtti himeera.

Taateen poolisiin 'gaddisiisaa' jechuun ibse kun Naannoo Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa, Godina Guraagee Bahaa Aanaa Masqaan keessatti ALI Sadaasa 6, 2018 uumame.

Guyyichatti galgala keessaa naannoo sa'aa 1:00 yemmuu ta'u Obbo Haayilee Abarraa, haati warraa isaaniifi ijoolleensaanii jaha waliin ta'uun irbaata sooratan.

Haa ta'u malee irbaata erga sooratanii booda miseensonni maatii kanaa hundisaanii dhukkubsachuu eegalan.

"Irbaata akka nyaataniin battalatti dhukkuba cimaaf saaxilaman. Jiraattonni naannoos walgargaaranii gara mana yaalaa geessan" jedhan Komishinii Poolisii Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaatti Hogganaa Kutaa Miidiyaa kan ta'an Komaandar Taajuu Nagaash.

Miseensonni kun gariin isaanii gara Hospitaala Buttaajiraatti yemmuu ergaman, kaan immoo magaalaa Finfinneetti kan argamu Hospitaala Ispeshaalayizdii Waliigalaa Minilik 2ffaatti geeffaman.

Haa ta'u malee maatii namoota 8 qabu kana keessaa namoonni 7 dabaree dabareen lubbuunsaanii darbe.

Daa'imman umriinsaanii waggaa 1fi ji'a 7 fi waggaa 17 gidduu jiru jahan irbaata summii akka qabu shakkame erga sooratanii booda dabaree dabareen guyyoota sadi kessatti lubbuun darbuu ragaan poolisii agarsiisa.

Abbaa ijoollee kanaa kan ta'anfi ga'eessa umrii wagga 46 kan ta'an Obbo Haayilee Abarraa immoo ALI Sadaasa 10, 2018 halkan lubbuunsaanii darbe.

"Abbaan warraa du'eera, ijoolleen jahanis lubbuun hinjiran. Haa ta'u malee hanga yeroo gabaasa kana itti tamsaasnetti haati warraa lubbuun jiraachuusaanii mirkaneessineerra" jedhan Komaandar Taajuun.

Haati warra Aadde Daammanach Danbal jedhaman kun Hospitaala Miniliikitti kutaa yaala dhibee cimaa keessatti yaalamaa akka jiran Komaandar Taajuun himaniiru.

'Shakkamtoota 10 to'ataman'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Miseensonni maatii kanaa nyaata summii qabu soorachuun lubbuunsaanii akka darbe shakkamus namni odeeffannoo qabatamaa poolisiif laate hinjiru.

Kanaafis haati warraa maatii kanaa yeroo ammaa yaalarra jiran lubbuun yoo hafan sababni taatee gaddisiisaa kana duuba jiru maal akka ta'e baruuf carraa kan uumu akka ta'u poolisiin himeera.

"Isheen yoo lubbuun hafte odeeffannoon fooyyeen waa'ee dhimmichaa akeeku ni argama jedhamee eegama" jechuun Komaandar Taajuun BBC'tti himaniiru.

Dabaluunis "Bu'aan qorannoo Hospitaala Minilik eegamaa jira. 'Nyaanni ittin summaa'an maali? Maal soorataniiti?' kan jedhu yeroo hospitaalichi bu'aa qorannoosaa poolisiif kennutti kan beekamu ta'a" jedhan.

Gama biraatiin poolisiin aanaa Masqaan miidhama maatii kanaan walqabatee shakkamtoota 10 to'annoo jala oolchuun qorannoon taasifamaa jiraachuun himameera.

"Poolsiin godinaafi aanaa abbootii alangaa waliin ta'uun gareen qorannoo hundaa'ee qoratamaa jira" kan jedhan Komaandar Taajuun, " Kuni dhimma ulafataa waan ta'eef bal'inaan qoratamaa jira" jedhaniiru.