Poolisiin daa'ima gatamee argame harma hoosisuun lubbuu baraaran badhaafaman

Madda suuraa, FB Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaa
"Innillee na baree jira. Anillee gaafan argu garaan baay'ee na naha, Ilmoo kootiin gargar baasee ilaaluu hindanda'u" Saajinii Olaantuu Na'imaa Jamaal
Poolisiin daa'ima gatamee argame harmasaanii hoosisuun lubbuu baraaran maatiin daa'imichaa yoo hinargamne ofitti fudhatanii guddisuuf murteessuu himan.
Godina Harargee Bahaa Waajjira Poolisii Aanaa Qarsaatti Itti Gaafatamtuu Dhimma Dubartootaafi Daa'immanii kan ta'an Saajinii Olaantuu Na'imaa Jamaal, torbee tokko dura ture daa'ima hawaasni lafaa argee gara waajjira poolisii geesse harma hoosisuun lubbuu kan baraaran.
"Yeroo fidanitti daa'imni kun baay'ee laaffatee ture. 'Nurratti yoo du'e seerri nundhiisu' jedhaniiti nubira kan fidan" jechuun haala yeroo daa'imichi gara waajjira poolisii geeffamu ture poolisiin tun BBC'tti himanii ture.
Kana malees daa'immni ji'a afur akka ta'u tilmaamame haala rakkisaa keessa akka ture eerun, "baay'ee kan beela'e, afaan isaatis baay'ee kan goge fi boo'ichallee kan dhaabe ta'uusaa argine" jedhanii ture.
Itti aansuunis lubbuu daa'imichaa oolchuuf balbala waajjirichaa cufatanii harmasaanii hoosisuu dubbatan.
Gochaa namoomaa Saajinii Olaantuu Na'imaa kanas fayyadamtoonni miidiyaalee hawaasaa heddu dinqisiifachaafi leellisaa turan. Kunneen badhaasnifi guddinni gulantaa akka kennamuuf yaada kennanis baay'ee turan.
Badhaasaafi beekamtii
Waajjirii Dhimma Dubartootafi Daa'immanii Godina Harargee Bahaafi bulchiinsi godinichaa waliin ta'uun beekamtiifi badhaasa akka kennaniif Saajinii Olaantuu Na'imaan BBC'tti himaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Bullukoofi Baankii Siinqeen immoo birrii 50,000 badhaafame. Beekamtiin naaf kennamuusaatti gammachuu guddaatu natti dhagahame" jedhan.
Gama biraatiin maatiin daa'ima kanaa hanga ammaatti akka hinargamnefi ammallee barbaadamaa akka jiran himaniiru.
Haa ta'u malee maatiin daa'imichaa yoo hin argamne daa'immicha ofitti fudhachuuf yaada akka qabanis himaniiru.
"Maatiin dhabamnaan ofitti fudhachuun dirqama. Saniin durattimmoo maatii barbaadaa jirra. Yoo maatiin hinjiraanne ofittin fudhadha" jedhan.
Hariiroon daa'imicha waliin qabanis cimaa ta'uu kan himan Saajinii Olaantuu Na'imaan, "Innillee na baree jira. Anillee gaafan argu garaan baay'ee na naha, baay'een jaaladha. Ilmoo kootiin gargar baasee ilaaluu hindanda'u" jedhan.
Waa'ee daa'imichaa
Daa'imni miseensi poolisii harma hoosisuun lubbuu baraaran ALI Onkololeessa 28, 2018, Godina Harargee Bahaa Waajjira Poolisii Aanaa Qarsaa keessatti gatamee argame.
Guyyichatti naannoo sa'aa 6:00 yemmuu ta'u hawaasni Ganda Qufaanziq daa'ima ji'a afurii beelaan dadhabefi imimmaansaa goge gara waajjira poolisii aanichaa geessan.
Hawaasni daa'imicha qabatanii gara waajjira poolisii deemanis daa'imicha lafaa arguusaaniifi lubbuunsaa osoo hindarbin dura gara waajjirichaa akka fidan miseensota poolisiitti himan.
"Yeroo sanatti lubbuusaa baraaruuf tarkaanfiin jalqabaa natti mul'ate harmakoo hoosisuu ture. Kanaafis daa'imicha irraa fuudhee gara waajjiraa olseenee balbala cufadheen harmakoo hoosise" jedhan Saajinii Olaantuu Na'imaan.
Ergasii daa'imichi lubbuu horachuufi buufata fayyaa geessuun haalli fayyaa daa'imichaa akka sakatta'amu gochuus himanii turan.
Gama biraatiin daa'imichi yeroo ammaatti haala gaariirratti akka argamu kan himan Saajinii Olaantuu Na'imaan, qaamolee mootummaan deeggarsi taasifamaafii akka jiru himan.
Daa'ima gatuu ija seeraatiin
Gochaan daa'imman reefu dhalatan gatuu taatee yeroo garagaraatti iddoowwan adda addaatti mul'atudha.
Gochaan kun yakka ta'uu kan himan Saajinii Olaantuu Na'imaa Jamaal, gochaan kun baay'inaan dubartoota gaa'ela osoo hingodhatin dahaniin akka raawwatamu himu.
"Sababni inni lammaffaan immoo gaa'ela gaa'elarratti raawwatamudha. Yeroo gaa'elarratti gaa'ela raawwatan iddoo biraatii dhufanii daa'ima gatanii deemuutu jira" jedhan.
Gama biraatiin Wajjira Abbaa Alangaa Godina Baaletti Abbaa Adeemsaa Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa kan ta'an Abbaa Alangaa Kadir Abdaa, "dubartoonni tokko tokko osoo gaa'ela hin ijaarratin tasa yemmuu ulfaa'anfi daa'imni yemmuu dhalatu gochi akkasii ni uumama" jedhan.
Kunis barmaatii hawaasaa 'dubartiin tokko akkamiin osoo gaa'ela osoo hingodhatin daa'ima deessi' jedhu ka'umsa kan godhate ta'uu himan.
Dabalataan rakkoon diinagdees sababa isa biraa akka ta'e Abbaa Alangaa Kadir Abdaa himaniiru.
Gama biraatiin itti gafaatamummaa seeraa daa'ima gatuun qabu kan gaafanne Abbaan Alangaa Kadir, "Waa'een daa'ima gatuu kuni kallattiidhaan seerarratti tumamee jiraachuu baatus yakkoota lubbuu namaa yookiin immoo qaama namaa balaaf saaxiluu jedhuun seera yakkaa keenya keessatti tumamanii jiru" jedhan.
Haaluma kanaan Seera Yakkaa Itoophiyaa bara 1996 bahe Keewwata 574 jalatti namoota saaxilamummaa adda addaa keessa jiran kan akka dubartoota, daa'immanfi namoota eegumsafi kunuunsi barbaachisurratti yakki balaaf saaxiluu yoo raawwatame adabbii akka cimsu tumamuusaa himan.
"Daa'imni alatti gatamuun sababa garagaraatiin miidhaa hanga lubbuun darbuutti saaxilamuu danda'a waan ta'eef gochi kun Seera Yakkaa keenya keessatti ifatti yakka ta'ee tumamee jira jechuu dandeenya" jedhan.
Haaluma kanaan gochaan daa'ima gatuun balaaf saaxiluu hidhaa cimaan akka nama adabsiisu himan.
"Haati tokko daa'imashee, daa'ima amma dhalate kunuunsuu, guddisuufi deeggarsa barbaachisu gochuuf dirqama seeraa osoo qabduu kana cinatti gochuun daa'ima gatuun adabbii cimaa hanga waggaa torbaa kan adabsiisudha" jechuun Abbaa Alangaa Kadir Abdaa himaniiru.












