Qopheessaa sagantaa Raadiyoo Afaan Oromoo kan turan Obbo Huseen Badhaasoo eessa jiru?

Obboo Huseen Badhaasoo
    • Barreessaa, Habtaamuu Xibabuu
    • Gahee, Rippoortara BBC Afaan Oromoo

Gaazexeessaa buleessa kan ta’an Obbo Huseen Badhaasoo umurii ijoollummaan hadhaa jiruun ilmaa namaa qabu dhandhaman.

Mudannoo waa’ee jireenyasaanii yoo himan, “nan gabroome, na tuman ijoollummaa kiyyatti” jechuun dubbatan.

“Rakkoon ani dabarse hamaa ture. Waan namatti himuun hin barbaachisne,” jedhu Obbo Huseen.

Gama biraatiin immoo yeroon jiruu qananii ardii Awurooppaa dhiisanii ummata Oromoo sammuu isaanii keessa jiru caalchifatanii gara biyyaatti deebi’anis mudannoo jireenyaa isaanii isa biraati.

Yeroo ammaa hojii gaazexeessummaa waggoota dheeraaf hojjatan irraa soorama bahanii (akka Obbo Huseen jedhanitti luboomanii) kitaabilee barreessuu irratti xiyyeeffataniiru.

“Gammachuu fi nagaan qaba. Keessi kiyya nagaadha. Mucattii tokkotu bara baay’ee najalaa dhibamte malee. Sana ammoo waanin godhu hinqabu,” jechuunis haala amma irra jiran ibsu.

Wayitan Obbo Huseen Badhaasoof bilbilee BBC’n gaaffiif deebii isaan walin gochuu akka barbaadu itti himu battalatti heeyyamamaa ta’uu isaanii natti himan. Guyyoota muraasa keessatti wal agarree waliin haasa’uufis wal beellamne.

Obboo Husseen Badhaasoo

Abbaa goofaree harrii

Guyyaa beellamaa ganama magaala Finfinnee gara naannoo Maganaanyaa jedhamuun beekamuufi Obbo Huseen Badhaasoo na beellamanitti imale.

Maganaanyaa akkuman gaheenis iddoo isaan natti himan gahuukoo bilbilee itti hime.

“Amma daandii Gamoo Daraartuu cinaa jirurra gara Haayaa Araat gaduma koottu. Rifeensikoo goofaree harriidha. Suufii gurraachan uffadhe. Daandii gubbaa dhaabbadheen si eega,” naan jedhan.

Anis fooddaa konkolaataa keessaan fakkii namaa sammuukoo keessatti kaase barbaadaa daandii natti himan qabadhee qajeele.

Hanga ta’e ergan imalee booda akkuma jedhan goofaree harrii filatanii, suufii gurraacha uffatanii daandii gubbaa dhaabbatanii na eegan. Nagaa wal gaafannee walin haasa’aa gara iddoo gaafii fi deebii itti goonutti qajeelle.

Yeroo ijoollummaa 'hadhooftuu'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

“Ani biyya Arsii magaalaa Asallaarraa gara Dhihaatti kan argamtu aanaa Xiyyoo baadiyyaa Cabeettii jedhamtuttin dhaladhe,” jedhu Obbo Huseen.

Abbaan Obbo Huseen Badhaasoo abbaa lafaa (Balabbaata) turan. Haa ta’u malee, yeroon ijoollummaa isaanii harki caalu hamtuu akka turte Obbo Huseen miira gaddaan dubbatu.

“Abbaan kiyya baalaabbaata turan. Seenaa kiyya baay’ee himuun natti hin tolu; nan aara, na boochisas. Guddinnikoo gaarii hinturre,” jedhu.

“Abbaan haadha kiyyaa du’anii haati tiyya mana firaa na keessee deemte. Nan gabroome, na tuman ijoollummaa kiyyatti,” jechuun yeroon mana firaatti dabarsan hammeenyaan kan guutame akka ture Obbo Huseen himu.

“Rakkoon ani dabarse hamaa ture. Waan namatti himuun hin barbaachisne. Garuu yoo rakkatte, yoo miidhamte, yoo cunqurfamte, yoo gadi qabamte, yoo beelofte, yoo daarte si jabeessa malee kuftee achitti hin haftu,” jedhan.

Gama biraatiin Obbo Huseen abbaa isaaniif gaangee qabanii gara magaalaa Asallaatti deddeebi’uu eegalan.

Imala abbaa isaanii waliin gara magaalaa Asallaatti taasisan kanaanis wanti tokko qalbii isaanii hawwachuu eegale.

Wanti kun qalbii ijoollummaa isaanii kan hawwate qofa osoo hintaanee daandii jiruu jiraataniif bu’uura kan ta’edha.

Obbo Huseen barattoota manneen barnootaa magaalaa Asallaa keessatti baratan arganii akka isaanii ta’uu fedhan. Fedhiin isaanii kunis yeroo ijoollummaa isaaniin murtee cimaa akka murteessan isaan taasise.

“Oolee buleetuma fedhii warrakoo malee badee Asallaatti galee mana barumsaa seene” jechuun himu.

“Gosa Arsii Usula jedhantu naannoo Asallaa gaara Cilaaloo daarii gubbaa jira. Guyyaa (Asallaatti) barachaa ooleen galgala warra sanatti gala ture” jedhu.

“Ganama yeroon mana barumsaa deemu waa nyaachuun hinjiru. Laaqanas guyyaa nyaachuun hinjiru. Galgala yeroon galu warri manaa marqaa nyaata. Marqa qorii tokko nama afur yookiin shantu nyaata. Anillee galgala isan nyaadha” jedhan.

Barataa qaroos turan

Barataa qaroo…

“Abbaan of hin jaju gaalli of hin hudhu,” jedhu Obbo Huseen Badhaasoo waa’ee barnootaa yemmuu haasa’an.

Magaalaa Asallaatti barnootarra yemmuu turanitti barataa qaroo akka turan kan himan Obbo Huseen, achitti hanga kutaa 11ffaatti baratan.

Kutaa 11ffaa akkuma xummuraniinis barattoota ciccimoo biroo waliin filamanii gara Yunivarsiitii Finfinneetti barnootaaf ergaman.

“Yeroo kana anaaf hiyyummaan, beela’uun gargar baane. Hiyyummaan narraa baate. Sun madaadha” jedhu.

“Sababni manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa hunda keessaa filamnee dhufneef immoo barsiisota mana barumsaa gulantaa lammeessoo akka taanufidha” jedhu.

Haa ta’u malee, gara Yunivarsiitii Finfinnee erga deemanii booda rakkoon biraan isaan mudachuu kan himan Obbo Huseen, muummee barnootaa isaan barachuu fedhanitti ramadamuu dhabuu isaanii himu.

“Ani yeroo sana barnoota Seenaa barachuu barbaada ture. Haata’u malee ‘warri Itoophiyaaf yaaddan fi jaalattan Amaariffa baradhaa’ jedhanii na dirqisiisanii Amaariffuma baradhe,” jedhan.

“Dhugaa yoo dubbanne kaayyoon guddaan Amaariffa guddisuuf. Amaariffi akka guddatu, akka babal’atu, akka namanni baay’een beeku gochuudha,” jedhu.

Gaaffiin Afaan Oromoo ka'uu jalqabe…

Bara 1960n keessa Obbo Huseen Badhaasoo Yunivarsiitii Finfinneetti barnoota muummee Afaan Amaaraatti eegalan barachuu itti fufuun xummurarra gahaniiru.

“Waggaa afraffaa fixuuf yemmuun jiru Haayila Sillaaseen [Mootii Itoophiyaa yeroosii] aangoorraa yaa bu’u kan jedhu sochiin jalqabame. Sochiin kun jabaates biyya hunda waliin gahe.

''Kanuma keessas Oromoo keessatti sochiin ‘(raadiyoo Itoophiyaatti) qophiin Afaan Oromoo yaa banamu jedhu jalqabame,” jedhan.

Haaluma kanaan barnoota isaanii akkuma xummuranin Raadiyoo Itoophiyaa kan yeroo sana naannoo addabaabayii Abuna Pheexirositti argamutti gaazexeessaa ta’anii qacaramuun hojii eegalan.

“Oduu dubbisuu, qophiilee adda addaa qopheessuu, waa’ee aadaa, ispoortiillee nan qopheessan ture. Amma takka lama jedhee dubbachuu baadhus qophii achitti qophaa’u baay’eesaan qopheessaan ture,” jedhu.

Hanguma hojii gaazexeessummaan muuxannoo horachaa adeeman dandeettiin isaaniis dabalaa dhufuu kan himan Obbo Huseen, Finfinneerraa ergamuun Raadiyoo Hararitti hogganaa ta’uun yeroo gabaabaaf akka hojjetanis himu.

Qophii Afaan Oromoo Raadiyoorraa

Sagantaan raadiyoo 'Afaan Oromoo Raadiyoorraa' jedhamuufi guddina Afaan Oromoo irratti xiyyeeffate Obbo Huseen Badhaasoo beekamtii fi jaalala dhaggeeffattootaa akka horatan kan taasise ture.

Qophiin raadiyoo kun ALI Caamsaa 14, 1985 Raadiyoo Itoophiyaa irratti tamsa’uu akka eegale Obbo Huseen kitaabasaanii ‘Afaan Oromoo Raadiyoorraa’ jedhu bara faranjootaa 2020 maxxansiisan irratti katabaniiru.

“Qophii Afaan Oromoo raadiyoorraa jedhu anumatu jalqabe. Namni jalqabi naan jedhe hinjiru. Qophiin akkanaa yoo jalqabame afaan kana ni gabbisa yaada jedhuun ofumaaf jalqabe,” jedhan.

“Afaan Oromoo afaan jechootaan dureessa ta’ullee akka afaan hiyyeessaa jechootaan gabaabduufi durummaa hinqabnetti ilaalamuu hinqabu kan jedhu sammuukoo keessa waan tureef ofumaaf jalqabe” jechuunis himu.

Obbo Huseen Badhaasoo yaada isaanii kana cimsuuf kitaaba isaanii Afaan Oromoo Raadiyoorraa jedhu irratti jecha afaan Ingiliizii ‘Good’ jedhu akka fakkeenyaatti fudhachuun ibsan.

“Jechi Ingiliffaa ka “Good” jedhu Afaan Oromootiin, maqaa heddu qaba. Isaanillee, baroodha, bayeessa (bayeecha), misha’a, dansa, faaya, gaarii, gameessa, bareeda, qooqa’a… ka jedhaman fa’a” jechuun kataban.

Sagantaan raadiyoo Obbo Huseen eegalan kun dhageettii guddaa kan horate, dhaggeeffattootni Afaan Oromoo walirraa akka baratan kan taasise fi Obbo Huseen caalmaatti ummataan kan wal barsiise ture.

Dhaggeeffattootni heddun xalayaa barreessuun qophicharratti hirmaachaa akka turanis Obbo Huseen himu.

Qophiin ‘Afaan Oromoo Raadiyoorraa’ jedhamu kun waggoota torbatti kan siiquuf qilleensarra erga turee booda tasa adda akka citu taasifamuu dubbatu.

“Gaafa cufan oluma ka’anii cufan; natti hin himne. Sagantaan tokko yeroo cufamu ‘sababni isaa kana, rakkoon isaa kana, yookiin immoo yeroo baay’ee dhagahamee ummatni gurra waan dhowwateefi’ jedhanii cufu. Isa garuu galgala darbee ganama irra deebi’ama ture callisanii cufan” jedhu.

“Qophii kana ummatni baay’ee jaalate. Haa ta’u malee warri waan kana hin jaalatin jiru. Kana waan ta’eef gaafa cufan oluma ka’anii cufan” jedhan.

Kitaaloolee sadii barreessan

Kitaabilee sadeen

Obbo Huseen Badhaasoo hojii gaazexeessummaan cinatti kitaabilee aadaa fi seenaa ummata Oromoo irratti xiyyeeffatan katabuun gumaachaniiru.

Kitaabni isaanii inni jalqabaafi bara 2000 maxxanfame mataduree ‘Seera fuudhaa heeruma Oromoo Arsii’ jedhu kan qabu yemmuu ta’u, sababoota kitaaba kana itti barreessan keessaa inni tokko “dhaloota dhufu akka ummata aadaafi seenaa hinqabnee harka qullaa eegurra, waan tokko barreeffamaan maaliif kennee hin eegne yaada jedhu” akka ta’e Obbo Huseen barreessaniiru.

Aadaan fuudhaaf heerumaa ummata Arsii dur ture baduu kan himan Obbo Huseen, “fuuni hin hafne, waluma fuudha namni. Fuuni gaaf sanii garuu kabaja guddaa qaba” jedhan.

Kitaabni inni biraan Obbo Huseenin barreeffame, ‘Haxiifi Balabbaatota Arsii Baalee-Diida’a’ kan jedhudha. Kitaabni kun bara faranjootaa 2017 kan maxxanfame yemmuu ta’u fuula 620 qaba.

“Haxii jechuun gosa keessatti nama mootummaan muude osoo hintaanee hayyuufi beekaa gosaati. Kan yeroo rakkoon tokko dhalate furudha. Yoo namni harka namaaatti du’e kan taa’ee murtii kennu, kan araarsudha. Dubbiin inni dubbatus kan nama amansiisu” jedhan.

Obbo Huseen kitaaba isaanii kanaan waa’ee Sirna Gadaa akkasumas taateelee seenaa ijoo ummata Arsii katabaniiru. Itti aansuun Sadaasa bara 2020 kitaaba isaanii sadaffaa ‘Afaan Oromoo Raadiyorraa’ jedhu maxxansiisan.

Kitaabni kun immoo qophii raadiyoo Afaan Oromoo Raadiyoorraa jechuun hojjetaa turan gara kitaabaatti jijjiiranii kan maxxansanidha.

Kitaabni ‘Afaan Oromoo Raadiyoorraa’ itti fayyadama afaanii fi jechootaa ummata Oromoo iddoowwan garagaraa jiraatu irratti kan xiyyeeffatedha.

“Qophii Afaan Oromoo Raadiyoorraa jedhuuf ummatni xalayaa naaf kataban. Yoo isaan naaf kataban animmoo deebisee ummata dhageesisa. San qofa miti, kitaabatti nuf yaa bahu jedhe ummatni” jedhan.

Kabaja yaada ummataaf qabanirraa kan ka’es qophiilee isaanii kan waggoota afurii (1993-1996 ALA) gara kitaabaatti jijjiiruun maxxansanii ummataaf gumaachuu Obbo Huseen himu.

“Kaayyoon guddaan kitaaba ‘Afaan Oromoo Raadiyorraa’ Afaan Oromoo afaan deega jechaa hinqabne fi afaan jechaan dureessaa ta’uusaa agarsiisudha” jedhan.

Yeroo ammaas qophiilee isaanii hafan gara kitaabaatti jijjiiraa kan jiranfi kitaabilee lama maxxansaaf qopheessaa akka jiran himaniiru.

Jireenya maatii

Jireenya maatii waliin

Obbo Huseen Badhaasoo abbaa ijoollee sadii yemmuu ta’an haadha warraafi intala isaanii ishee tokko waliin magaala Finfinnee keessa jiraatu.

Waa’ee intala isaanii dhibamtee irra deddeebiin miira gaddaan kan dubbatan Obbo Huseen, “isheen yunivarsiitiitti Baahirdaaritti waggaa sadaffaa yemmuu barattu rakkoon irra gahe najalaa dhukkubsattee mana jirti” jedhan.

Gama biraatiin wayita Raadiyoo Itoophiyaa keessa hojjechaa turanitti leenjii gaazexeessummaaf gara biyya Jarmanii magaala Barlin imalanii turuu kan himan Obbo Huseen, jaalala 'hojii fi ummata oromoof qabanirraa' kan ka’e gara biyyaa deebi’uu himu.

Kana malees “warri na wajjin baratan hunda isaanii ta’uu baatus piroofeesaroota. Ani kaayyoo ummata kana waan tokko gargaaruun qaba jedhutti waanin goreef barumsa sana dhabeera. Wanti na hafe kana; garuummoo hin gaabbu” jedhu.

“Yeroo kiyya akkanumaan hin dabarsine. Afaan Oromoo jechootaan dureessa ta’uusaa kitaabaan baasee agarsiisuunkoo waan biraa ani dhabe san bakka naaf bu’a.

Afaan Oromoo afaan tuffatamaa akka hintaane ta’uu isaa duuka bu’ee waan hojjedheef wanni itti gaabbu hinjiru” jedhu.