Hakiima sa'aatii jaha keessatti haadha warraasaa fi ijoolleesaa irraanfate

Dr Piyerdaante Pichiyonii erga bara 2013 keessa balaa konkolaataa isa mudateen sammuu isaarra erga miidhamee booda jireenyasaa waggoota 12 guutummaatti yaadannoo isaa irraa haxaa'ame.

Guyyaa itti aanutti wayita siree hospitaalaa irra ciisee ture irratti of baru bara 2001 waan ta'eef haadha manaasaas ta'e ilmaansaa amma ga'eessota ta'an adda baasuu hin dandeenye.

Kana caalaa nama naasisuu ammoo, gara ogummaa baayyee jaalatutti deebi'uu dadhabuusaati.

Hakimiin namoota itti dhihoo ta'n biratti Piiye jedhamuun beekamus, eenyummaa balaan dura qabu deebiisee argachuuf yaaleera.

Imeelii kumaatamaan lakkaa'aman kan kanaan dura barreesse keessa wayita barbaadeettis eenyummaa dhokataa akka qabu hubate.

Muuxannoon isaa baay'ee adda ture, kanaafuu sagantaa TV Xaaliyaanii tokko waa'ee doktora balaa konkolaataa irra gahee kanaa, dooktara dargaggeessaa rasaasaan rukutamee waggaa 12f waa yaadachuu dadhabeeti fakkeessuun yaada diraamaa gochuun fudhateerra.

Hakiimiin kunis hospitaala magaala Xaaliyaanii Loodiitti kutaa balaa tasaa kan gale Caamsaa 31, 2013 yoo ta'u, of walaalee kan ture keessaa dammaqe.

''Jalqaba kanan arge ibsaa diidha. Innis ifa kutaa balaa tasaa balaa konkoolaataan booda hiriyoonni koo keessa na ciibsan ture.Sa'aatii jahaaf of wallaaleen ture. Ergan of bareen booda ija hiriyoota koo qofaan arge.

"Har'a guyyaansaa maaliidha?' jedhanii na gaafatan. Sakandiiwwan shanii fi jahaaf ergan yaadeen booda 'Har'a Onkololeessa 25, 2001dha' jedheen deebiiseef.''

Achiin booda hiriyaansaa bakka hojii tokko iPad gubbaatti yoo barreessu arge. Innis meeshaa elekiritoniksii bara 2001 hin turreedha.

Yeroo sanatti bilbilli harkaa gichuu kan danda'an bilbilaa fi barreeffama bagaabaa qofaaf tajaajilu turan.

Kan isa caalu kan dhufe isaan booda ture. ''Haadha warraakee arguu barbaaddaa?' jedhee na gaafate.''

''Eeyyeen haadha warrakoo arguun barbaada' jedheen deebiiseef. Sammuukoo keessa kan ture, haadha warraakoo kanan eegee yoo gara kutaa hosipitaalichaa seentu, mucaa waggaa 12 taatee arguuf ture.

''Haata'u malee, gara kutaakoo kan seente haadha warraakoo osoo hin taane dubartii ishee fakkaattu turte. Fuulasheerra sarara baayyeetu jira.''

Piiyer ijoolleensaa guddatanii nama guddaa ta'u fudhachuu hin dandenye ture.

''Eenyuudha isin jedheen gaafadhe. Ijoolleenkoo eessa deeman? Sababiinsaa isaan ijoollee koo ta'usaanii fudhachuu hin dandeenyee turre.''

Isaan booda garuu haatiwwarraa isaas kan naasise ture. Sammuu keessa baayyee fayyaa kan turan ''haatiisaa'' waggaa sadiin dura du'ushee itti himte.

''Yeroon ka'uutti akka nama waggaa 53 ta'e natti dhagahame. Garuu waggaa 65 ta'ukoo boodarran hubadhe.''

Eenyummaa hamaa

Waaggaa 12 yaadannoo isaa keessaa badee deebiisuuf odeeffannoowwan garaa garaa wayita barbaaduutti Piiyeer yeroo sanatti nama gammadaa akka hin turre hubate.

''Hiriyyonnikoo, waahillan hojiikoo, haatii warraakoo nama akkamii turan jedheen gaafadhe. Nama gaarii immoo badaan ture?''

"Waahillanoo kutaa balaa tasaa sana keessatti itti gaaftamaa godhanii yoo na mudan ana jala namoota 230 akka hojjatan natti himan.''

Akkaataa isaan itti eeran nama jeequ qabu turan. "Maqaan masookoo 'Prince of Bastards' kan jedhu ture."

Piyeer, bakka hojiisaatti Dok jedhamuunis beekama,isaan dura akka takkaa akka nama badaatti of yaadee sababii hin beekneef kana amanuun akka hin dandenye dubbata.

"'Ati baay'ee baay'ee ilaalcha gaarii hin qabdu jedhanii natti himan. Baay'ee hojjataa cimaadha... garuu namoota biroo wajjin garmalee gara jabbeessan ture' naan jedhan."

Barbaacha eenyummaa dhugaa

Piiyer waggoota badan kanneen keessatti wantoonni hedduun jijiraamu yoo hubatan, eenyummaa sirrii isaanii baruudhaaf yaalii gochuu eegalan.

''Imeeliiwn walii barreessee hundan dubbise. Kuma 76 ol turan. Eenyuu akkan ture baruudhaaf osoon yaaluu, imeeliiwwna muraasa keessatti eenyu akkan ta'e hubadhe. Amanuun qaba nama garii hin turre. Nama hamaa, dursaa badaan ture.'

Wayita imeeliiwwan keessa deebii'an dubbisaniitti kan waahillan isaa itti himan sirrii ta'u hubate. ''Imeeliiwwan hundi yoon dubbisu baayyee baayyeen gadde.''

Piiyer nama gaarii ta'uf murteesse. ''Guyyaa guyyaanis yaadannoo barreessuuf murteesse. Waan natti dhagahameen barreessuun eegale. Guyyaa keessatti barbaachisaa kan turan ykn kan hin fayyadne dabalateen barreesse.

''Nama sirrii hin taanee yeroo sirrii hin taane keessatti argamedha ani.Yeroon koo sna hin turre. Addunyaan hubachuu hin dandeenyee keessan ture. Nama alagaan ture. Qofummaatu natti dhagahame. Eenyumtuu akka na hin hubannee natti dhagahame.

Piiyeer baayyee miira mukaa'uu keessa galan.

''Yeroo dheeraaf qofummaan natti dhagahame. Sababiinsaa haatiikoo ajjeefame. Akka waan ijooleenkoo du'aaniitti natti dhagahame. Kanaafuu maaliifan jiraadha? Yeroo sana of balleessuu yaade. Sababiinsaas kun addunyaakoo natti hin fakkaatu ture.''

Haata'u malee Piyeer haala itti of jajjabeessuufi yaada badaa of keessaa balleessu argate.

Haadha warraakoo deebiisee jaaladhe

Piiyeer osoo balaan konkolaataa isa hin mudatiin dura, guyyaatti sa'aatii 15 fi 16'f hojiin dabarsa ture.

Haatii warraasaa akka jettuutti erga itti gaafatamaa kutaa balaa tasaa erga ta'een booda yeroon manatti dabarsu baayyee xiqqaataa dhufe.

''Abbaa warrakoo 'jaalallee qabaachuu fi dhiisuu ykn jaalallee tokkoo ol qabaachuufi dhiisuu kee baruu hin dandeenye.... Sababiinsaas baayye kan hojiikee jaallattu turte.''

Piiyeer manasaa keessatti jaalala deebiisee haaroomsuu barbaade. Yeroo itti of walaalee dammaqe booda haadha warraasaa yoo argu akka haaraatti jaalala eegale.

''Haatii warraakoo gara kutaan keessa cisaa turee yooseentu duubanaan arge. Achiinsii nan jaaladheen. Miira baayyee gammachiisaa ta'etu natti dhagahame.''

Akka dubartii yaadatu hin turre. Akka waan dubartii biraa taate itti dhagahame.

Innis, ''ana qofaa ta'u hin oollee namni haadha warraakoo haadha warraakoo waliin wal make. Sababiinsaas nama biraa turte. Kanaaf ishee waliin irra deebiin jaalalli na qabe'' jedha.

Piiyeer jireenyisaa gara fuulduraa kan waan gaariidhaan guutame akka ta'e amana.

''Dhuunfaan imala jireenyaa koo hara fuulduraatti baayyeen boona...haasaa gochuuf, yaadannoowwan gammachisoo kaa'uufan yaala. Kun humnakoo addati.''