Giiftii Elizaabeet II fi Afrikaa: Suuraadhaan

Giiftii Elizaabeet II, biyyoota Afrikaa 20 ol daawwataniiru, bara bittaa isaanii kan jalqabe yeroo Impaayarri Biriitish goolabamuufi biyyoonni ardii Afrikaa bilisummaa argatani dha. Ergasii biyyoota impaayara biyyattii jala turan kara 'Commonwealth Nation' jedhamuufi giiftittiin hogganamuun hariiroo uummataniiru. Hariiroon Afrikaan maatii moototaa wajjin qabdu takka takka walitti dhiyaataa yeroo kaan immoo wal-xaxaa dha.

Elizaabeet yeroos intala mootii turan yeroo ayyaana dhalootaa ganna 21 mana mootummaa Afrikaa Kibbaa jiru irraa haasaa taasisaniiru. Jireenya isaaniis tajaajila biyyoota 'Commonwealth'f akka kennan himan. ''Lafa bareedaa Afrikaa Kibbaa kana keessa yeroo imallu, ana, maatii koofi obboleettii koo ummanni garaa isaarraa nu simatan, akka isaan wajjin jiraannetti nu fudhatan.

Intala mootii yeroosii Elizaabeetiifi abbaan warraashee Diyuukiin Edanbiraa bara 1952 Keeniyaa hoteela Tiriitoops turan. Suuraan kuni kaafamee guyyaa tokko booda abbaanshee Mootii Jorji VI du'aan boqochuun booda isheen Giiftii taate.

Giiftiin Elizaabeet Naayijeeriyaa al lama kan daawwatte yoo tahu, inni kuni bara 1956 yeroo Naayijeeriyaan kolonii Biriitish jala turte dha. Suuraa irraa kan mul'atan bulchaa Leegoos Obaa Adeenjii Adeel II dha. Bulchiinsota Kaalaabaar,Inuuguu, Joos, Kaaduunaa, Kaanoo fa'i daawwatteetti.

Suuraa kanarratti bara 1961 Giiftiin Elizaabeet pireezidantii jalqabaa Gaanaa akkasumas mallattoo warraaqsa farra kolonii kan Kiwaamee Nikiruumaa wajjin yoo shubbisti. Kunia Gaanaa bilisoomtee waggaa afur booda dha. Welluu 'Welcome Your Majesty' jedhuun shubbisaa turan.

Giiftii Elizaabeetii fi ilmi mootii Fiiliip mootii Haayilessillaasee wajjin suuraa yeroo daawwannaaa bara 1965 Itoophiyaa Finfinneetti ka’an. Mootiin Haayilessillaasee yeroo Xaaliyaaniin Itoophiyaa weerarte bara 1936-1941tti UK’tti baqatanii turan. Deeggarsa Biriitishiin Xaaliyaanin erga mo’amtee booda mootiin biyyatti deebi’aniiru.

Giiftii Elizaabeet fi Pireezidantii Sudaan El Tigaanii El-Maahii bara 1965 buufata xiyyaaraa Sudaan irra yeroo imalan. Sudaanitti Giiftiin wal-dorgommii gaalaafi hidha laga Biluu Naayil irratti ijaaramu daawwataniiru.

Giiftii Elizaabeetiifi Pireezidantii Taanzaaniyaa Juuliyas Nereeree bara 1979 daawwannaa guyyaa sadii yeroo jalqaban. Waggoota 18 dura Dr Nereereen warraaqsa walabummaa hogganuun erga biyyattiin bittaa Biriitish jalaa baatee ministira mummee fi boodarra pireezidantii jalqabaa biyyattii tahaniiru. Pireezidantichi ilaalcha farra-Biriitishiifi farra Awurooppaanotaa qabaachaa dhufan, tahus mootumaan UK akka humna tasgabbeessaa naannichaatti isaan ilaalu ture.

Pirezidaaantiin Zimbaabwee Roobart Mugaabee baankii kabajaa ‘knight’ jedhamu Giiftii Elizaabeet irraa bara 1994tti argatanii turan. Haa tahu malee pireezidantichi ejjennoo dhimma lafaa irratti qabataniifi sarbama mirga namoomaa taasisan jedhamuun UK fi Zimbaabwee gidduu muddamni hammaatee biyyattiin ‘Commonwealth’ keessaa bara 2003 kan baate yoo tahu, bara 2008tti immoo aankiin Obbo Mugaabee jalaa haqameera.

Suuraa Giiftiin Elizaabeet yeroo buufata xiyyaaraa Darbaan gahan bara 1995tti kaafaman. Yeroos daawwannaa idilee guyyaa jahaa irra turan. Roobni waqtii ganna waggaa 10 keessatti hin mul’anne roobnaanis maqaa masoo ‘Motlalepula’ ‘ishee rooba wajjin dhufte’ jedhu argataniiru.

Giiftii Eilzaabeetiifi pireezidantiin gurraacha jalqabaa Afrikaa Kibbaa, Neelsan Maandeellaa, hariiroo dhiyoo akka qaban himama. Giiftiin yeroo xalayaa barreessituufi ‘’hiriyaa kee jaalatamtuu, Elizaabeet R’’ jechaa fi Neelsan jechuun maqaa isa waamti ture. Maandeellaanis sirna maatii moototaa otoo hin eegiin Elizaabet jedhanii isaan waamu ture.

Giiftiin bara 2003tti Naayijeeriyaa yeroo lammataaf daawwataniiru. Biyyattiin yeroo bulchiinsa Saanii Abaachaa himannaa sarbama mirga namoomaan ‘Common wealth’ keessaa bara 1995 kan arii’amte yoo tahu, bara 1999tti deebifamteetti. Pireezidantii biyyattii yeroosii Oliiseeguun Obaasaanjoo Abujaatti wal-gahii ‘Commonwealth’ irra turan.

Giiftittiin daawwannaa ardii Afrikaatti yeroo dhumaaf taasisan bara 2007 yoo tahu kanaanis Pireezidantii Yugaandaa aangoorra turuun waggaa dheeraa lakkoofsisan Yuweerii Museeveenii wajjin Yugaandaatti wal-arganiiru.