'Osoo mucaan kiyya ni dhufa jedhee eege naaf wayya ture'- Gadda haadholii Tigraay

Madda suuraa, Getty Images
Tigraayitti waraana wagga lamaaf gaggeeffamerratti humnoota Tigraay waliin hiriiruun wayita lolaa turaniitti miseensoota waraanaa lubbuusaanii dhabaniif guyyoota sadan darbaniif naannichatti sirni gaddaa gaggeeffameefiira.
Sirna gaddaa Onkolooleessa 14-16, 2023tti bulchiinsa yeroo Tigraayiin labsamerrattis aanga’oonni naannichaa olaanoon bakka argamanitti sirni yaadannoo namoota lolarratti du’anii gaggeeffameera.
Sababii sirna gaddaa naannoo Tigraay guutuutti labsameetiin wal qabatees sochiiwwan idilee guyyoota sadii dhaabbateera. Magaalli guddoon naannichaa Maqaleenis gabi jettee namoota sirna gaddaa irratti hirmaachuuf socho’an qofaatu mul’ata ture.
Sirni walfakkaatu kunis naannichatti eddoowwan garaa garaatti gaggeeffamuu jiraattoonni Shiree Inda Sillaaseefi Aksuum BBCn dubbise dubbataniiru.
Sababii waraana waliigaltee nagaa TPLF fi mootummaa Federaalaa jidduutti waggaa har’aa taasifameetiin, baayyinni namoota du’anii mootummaa Itoophiyaatiinis ta’e gama bulchiinsa yeroo Tigraayitiin odeeffannoon ifatti kenname hin jiru.
Odeeffannoowwan yeroo garaa garaatti bahan, namoota sababii waraanichaatiin du’an ilaalichisee wallakkaa miliyoonaatii hanaga miiliyoona tokko akka gahu kanneen himan jiru.
Hanga ammaattis lakkoofsi mirkannaa’e jiraachuu baatus kumaatamni du’uu tilmaamama.
Pirezidantiin bulchiinsa Yeroo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa lakkoofsi loltoota du’anii harkasaaniitti akka argamu ibsuun, ‘‘lakoofsa namoota du’anii ni ibsina. Ammatti ibsuun barbaachisaa ta’ee waan nutti hin mul’anneef ni tursiifna,’’ jechuun gabaafameera.
Yeroodhaaf baayyinni loltoota du’anii sirnaan beekamuu haa baatu malee guyyoota darban sadii keessatti magaaloota Tigraay keessatti du'a hedduu himameen gaddi uumame cimaa ta’uu jiraattoonni ni dubbatu.
Karaa tokkoonis ta’e karaa biraatiin hundi gadda keessa waan jiruuf, haala kan jajabeessuu umamuu maatiin gaddarratti argaman BBCn Shireerraa dubbise ibsan.
‘‘Eenyutu nu jajjabeessaa?’
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Shiree keessatti bakka tokko tokkotti gadda sadiifi afuriitti himamaa jira kan jedhan jiraataan magaalattii, ‘‘mana tokko keessaa namni sadii kan jalaa du’e jira,’’ jechuun magaalattii keessaa haalli gaddaa cimaan jiraachuu BBCtti himan.
Jiraataan Shiree maqaansaa akka ibsamu hin barbaannee kunis, gaddiichi kutaa magaalattii hunda waliin gahusaa kaasuun, bufata baqattootaa keesattilleen osoo hin hafne gaddi itti himamaa akka jiru ibsu.
Namoonni kaampii buqqaatootaa keessatti dahatanii jiran ammoo gaddiisaanii baayyee cimaadha.
‘‘Ijoolleen keenya kan du’an nuti dahoo keessaa akka baanuuf ture. Garuu dahoo keessa teenyee du'a isaani nutti himame," jechuun dubbatu.
Jiraataan Magaalaa Shiree gadda hiriyootaafi waahillan hojiisaanii dhagahuu dubbatan kunis, gaddichi maatii isaanis baayyee miidhuu himu.
‘‘Gama kootiin Adiyaabootti ijoollee eessuumakoo afur, gama haadha kootiin ammo kan du’an torba gahaniiru,’’ jechuun mardoon bakka hundatti himanu baayyee ta’ufi, ‘‘kan naannoo baadiyyaattis du’e lakkoofsa hin qabu’’ jedhu.
Namoonni miseensi maatiisaanii sababa waraanaatiin du’uun itti himame baayyee waan ta’ef, bakka hundatti hunduu gaddarra jira jechuun ni danda’ama jechuun, ‘‘eenyutu eenyuun jajjabeessa? Akkasumaan mana tokkoo kan itti aanutti deemuudhaan gadda taa’udha’’ malee jechuun ummanni miira gadda cimaa keessa jiraachuu dubbatu.

“Ijoollee wagga 15 fi 16 osoo hin hafne kan du’an. Haati ijoollee kanneenii baayyyee nama gaddisiisu. Maatiiwwan haala akkasiitiin gadda cimaa keessatti argaman ‘Waaqni isin haa jabeessu’ jechuudhaaf fuulasaanii ilaaluun mataansaa ni cima.
Tokko tokkos natti osoo hin himiin mucaankoo ni gala jedhee osoo eeggadhee naaf wayya ture jedhu,’’ jedhan.
Yeroo ammaatti maatiiwwan gadda mucaasaanii dhagahuudhaaf qophaa’anii kanneen eeggataa turan, tasa dhufuunsaanii kan dubbatan jiraataan Shiree, tibba gaddaa kanaatti maatiiwwan tokko tokko dararama waraanichi uumeen alatti, ijoolleensaanii tasa ni dhufu jedhanii akka eegan akka isaan taasise dubbattu.
‘‘Maatiiwwan du’uun ijoolleessaanii itti himame tokko tokkos tarii tibba waraanichaatti Ertiraa, Xolaay, Awaash ykn eddo biraatti boojiirra jiraachuu mala ta’a jechuun eeggataa jiru. Gadda natti himtanis mucaankoo hin duune kan jedhanis jiru.’’
Waraana wagga lamaa keessatti haalli ummanni keessa darbe rakkisaafi gaddi ijoolleessaanii maatii baayyee miidheera kan jedhan jiraataan Shiree, baayyeen isaanii ‘‘gaddi deebisee gadda dhala’’ jechuun jajjabaachuuf yaalaa jiru jedha.
Haata’u malee, waranaawwan kanaan dura turaniin lakkoofsa namoota ajjeeffamanii yaadachuun, gaddi tibbanaa baayyee ta’u dubbata.
‘‘Kan ammaa cimaadha! Nan yaadadha 19 80mota keessa gaddi himamu baayyee gadaanaadha. Bara waraana Itiyoo-Ertiraattis akkasuma. Amma garuu nama sodaachisa, argamee hin beekamu.
Du’aatii akkas baayyate kanaaf madda ta‘a jedhanii kan tilmaaman ammoo, teeknoolojiiwwan meeshaalee waraanaa wayita lolaatti faayidaarra oolfaman kan akka diroonii dhiibbaa qaqqabsiisan ta’uu mala jedhanii yaadu.
‘Hunduu gadda mataasaa qabatee dhufa’
Aksuumittis haalli jiru kan walfakkaatu ta’uu jiraataan BBCn magaala Aksuum irra dubbise ni himu.
Namoonni wagga 15 kaasee jiran du’aniiru. Gaddi mana namoota hundaa seeneera. Magaalas ta’e baaddiyaa maatiin gaddaafi dhiphina keessatti argamu.
‘‘…Badiin hanganaa nu mudateera tilmaama jedhu hin qabnu turre. Amma garuu gadda dubbachuuf nama rakkisutu nu mudate. Anis duuti ilmakoo natti himamee gaddarrattiin argama. Naannichatti haala baayyee nama dhiphisuti jira,’’ jedhan.
Yeroo ammaatti isaan dabalatee, ‘‘hunduu kan gaddu ta’ee kan jajabeessu hin jiru’’ kan jedhan maatiin kun, boo'icha qaqabuudhaaf, ‘‘hunduu kan dhufu gadda mataasaa qabateeti. Hundi keenyaa waliin gaddarra jirra,’’ jedhan.
Maatiin reeffii ijoolleesaanii eessatti akka awwaalame hin beekne, yaalii mataasaanii gochaa jiraachuu kan dubbatan jiraataan Aksuum kunis, gaddi mana nama hundaa waan seeneef wal jajjabeessuun baayyee cimaadha jedhan.
Yeroo nagaatti haaluma aadaa ummataatti maatii gaddi qaqqabee namoonni naannichaa akka jajjabeessan dubatu. Amma garuu hunduu gaddaa gara mana boo'ichaa waan deemuuf, ‘‘kan boo'u mucaasaa dhabeefiidha malee mana boo'icha dhaqee sanaatiif miti’’ jechuun gadda cimaa jiru ibsa.
Sababii dhiphina cimaa gaddi kun itti umeen, namoonni qoricha fudhachuu eegalan akka jiran kan himan namni kun, ‘‘kan buqqa’an qeetti deebi’aniiru. Amma nagaa barbaadna. Agabuu keenya bullees ta’u, sagalee meeshaa dhagahuu hin barbaadnu,’’ jechuun ijoollee hafaniif nagaan barsiifachuu akka barbaadan dubbatu.
Waliigalteen nagaa dhuma waraana Kaaba Itoophiyaa dhaabuudhaaf baatii Onkolooleessa bara darbeetti Piritoriyaatti TPLF fi mootummaa Federaalaa jidduutti mallattaa’uun dura waraanichi naannoolee Affaariifi Amaaraatti babbalatee ture.
Loltoota waraana kanaan du’aniin alattis gama hundaanu namoonni nagaa hedduun du’anii, dararamaniifi sarbamni mirgoota namoomaa qaqqabuu dhaabbileen mirga namoomaaf falman gabaasaanii ture.
Ammatti humnoota Tigraay waraana irratti du’aniif gaddi maatiitti himamuun yaaddannoon haa taasifamuuf malee, miseensoonni raayyaa ittisa biyyaa, miseensoonni waraana Eritraafi miseensoonni humnoota addaa naannoolee waraanicharratti hirmaatanii hanga ammaatti kan du’e jiraachuu kan himame hin jiru.












