Israa'el Ministira Muummee Netaaniyaahuuf 'dhiifama' akka gootu Tiraamp gaafatan

Madda suuraa, Reuters
Pirezidantiin US Donaald Tiraamp Israa'el ministira muummee biyyattii Benjaamiin Netaaniyaahuuf ''dhiifama'' akka gootu gaafatan.
Ministira Muummee Netaaniyaahuu irratti himati malaammaltummaa adeemaa jira. Tiraamp biyyattiin ''dhiifama'' akka gootu yookiin himaticha akka dhiiftu gaafatan.
Barreeffama miidiyaa hawaasummaa gubbaa katabaniin lola Iraan waliin jiruun walqabatee US Israa'el baraaruufi ammallee Netaaniyaahu ''baraaruuf'' akka fedhanillee himan.
Netaaniyaahun himannaa malaammaltummaa, waliin dhahuufi amantee cabsuu jedhaniifi bara 2020 eegalee adeemaa jiru hunda ni waakkatu.
Netaaniyaahuun barreeffama katabaniin ''deeggarsa anaafi deeggarsa guddaa Israa'eliif'' gootaniif nan galateeffadha jechuun Tiraampiif deebisan.
Hoogganaan paartii mormituu Israa'el Yaayir Laapid dubbii Tiraamp qeeqaniiru.
Tiraamp ''sirna heeraa biyya of dandeesse keessa seenuu hin qaban'' jechuun dubbatani.
Barreeffamni Tiraamp erga waliigaltee dhukaasa dhaabuu labsanii Israa'el Iraan haleeluu isheen qeeqan booda kan dhufedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Netaaniyaahun irra deddeebiin murtee Tiraamp buufataalee niwukilaraa Iraan boombiin haleeluu isaanitti jajaniiru.
Miidiyaa hawaasummaa isaanii Truth Social irratti Tiraamp michuu isaanii yeroo dheeraa kan ta'an Netaaniyaahuutiin ''goota jabaa'' Israa'eliif ''waan hedduu dalage'' jechuun jajan.
Himannaan Tiraamp ''atattamaan haqamuu qaba'' yookiin dhiifamni taasifamuufi qaba jechuun ibsani.
Tiraamp barreeffama isaanii keessatti Netaaniyaahuun gaafa Wiixataa mana murtii akka dhihaatuuf jedhan dhagahuu himani.
Erga himannaan irratti dhihaateetii Netaaniyaahuun irra deddeebbiin mana murtiitti dhihaataniiru.
Himannaa Netaaniyaahuurratti adeemaa jiru qeequun 'duulatu' irratti adeemaa jira jedhan.
Netaaniyaahuun gama isaaniin ''diinota waloo keenya injifachuuf, kanneen butaman gadhisisuufi nageenya baay'isuuf waliin hojjechuu itti fufna,'' jedhan.
Qondaalli paartii mormituu Israa'el Yaayir Laapid garuu gidduseentummaan Tiraamp waan galma qabudha jedhanii himan.
''Kuni badhaasa [Tiraamp Netaaniyaahuuf] kennuuf yaadedha sababni isaa dhimma Gaazaa irratti dhiibbaa irratti uumuun kanneen ugguraman deebisuurratti waliigalee waraanicha akka xumuru waan yaade,'' natti fakkaata jechuun websaayitii Israa'el Ynet'tti dubbatan.
Netaaniyaahuun osoo biyyi isaanii walitti bu'iinsa Hamaas waliin jalqaba waggaa kanaa eegale itti fufte jiruuttidha dhimmi isaanii kan ilaalamaa jiru.
Kunis, dhimmi seeraa isaanii akka lafarra harkifatu taasiseera.
Waraanni Gaazaa keessaa dheeratuun Netaaniyaahuun lola dheeressanii filannoofi dhimma seeraa isaanii tursiisuuf yaadaniitu jedhanii kan qeeqan jiru.












