Iraan erga dhukaasi dhaabbatee maaliif lammiileeshee hidhuu fi ajjeesuutti deebite?

Madda suuraa, Getty Images
Erga dhukaasi dhaabbatee booda aanga'oonni Iraan namoota ejensiiwwan basaasaa Israa'el waliin hidhata qabaachuutti shakke hidhuu fi ajjeessuu eegalaniiru.
Kun barii dhukaasi dhaabbatetti raawwachuunsaa lammiilee biyyattii yaaddoo biraa keessa buuseera.
Duulli namoota hidhuu fi du'aan adabuu kun kan eegale, erga ejentoonni Israa'el tajaajiloota nageenyaa Iraan keessa harka galfataniiru shakkiin jedhu babal'ateeti.
Aanag'oonni Iraan akka jedhanitti Israa'el akkasheen qondaalota gameeyyii Iraan hedduu ajjeestuuf kan haala mijeesse odeeffannoo lo'ee isaan bira ga'aa turedha.
Israa'el haleellaa gaggeessaa turteen ajajoota olaanoo eegdota warraaqsaa- Islamic Revolutionary Guard Corps (IRGC) jedhamanii fi saayintistoota Iraan hedduu ajjeefte.
Kun kan ta'eef sababa ejensiin basaasaa Israa'el- Mossad harkasaa bal'isee Iraan keessa galfachuun hojjetaa tureef jedhanii amanu aanga'oonni Iraan.
Namoota gameeyyii lafee dugdaa biyyattii ta'an dhabuu fi qabeenyi humna waraanaa fi kaan manca'uutti guddoo kan mufatan aanga'oonni Iraan, dhukaasi dhaabbannaan namoota qaamolee basaasaa alaa waliin hidhata qabu jedhanii shakkan irratti duula eegalan.
Iraan tarkaanfiin kun nageenya biyyaalessaa mirkaneessuuf akka ta'etti ibsiti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Garuu namoonni hedduun duulli kun mormitoota callisiisuu fi uummata biyyattiirratti to'annoo cimsuuf kan eegalamedha jechuun sodaa qaban ibsu.
Wayita waraanni guyyoota 12f gaggeeffamaa turetti aanga'oonni Iraan namoota Israa'eliif basaasan jedhanii shakkan sadi du'aan adabanii, adabbiisaaniis raawwataniiru.
Dhukaasi erga dhaabbatee guyyaa tokko booda, Rooba darbe kana, namoota sadi dabalataa himata walfakkaataa irratti banuun du'aan adabdeetti.
Ergasiis qondaalonni Iraan duula kana cimsanii itti fufaniiru. Namoota du'aan adabaniin alatti dhibba hedduutti kan lakaa'aman diinaaf basaastan jedhamuun hidhaniiru.
Miidiyaan Iraan namoonni hidhaman hedduun yakka ittiin shakkaman, basaasa, raawwachuusaanii wayita dhugaa bahan mul'iseera.
Hedduunsaanii dhaabbata basaasaa Israa'el waliin qindoominaan hojjechuu amanan.
Gareen mirga dhala namaaf falman tarkaanfii aanga'oonni Iraan eegalan kanaan baayyee yaadda'uu ibse.
Namoota shakkanii hidhan humnaan amansiisuu fi qabiinsa mirga namoomaa balaafamaa ta'een Iraan seenaa yeroo dheeraa qabaachuu ibsan.
Adabbiin du'aan hedduun raawwatamuuf akka deemu eegama, kun lammiilee biyyattii yaaddoo hamaa keessa galcheera.
Miniteerri Tikaa Iraan tarkaanfii kanaan networkii tika warra Lixaa fi Israa'el irratti ''duula araarama hin qabne,'' eegaluu hima.
Networkiiwwan kunneenis CIA, Mossad fi MI6 kanneen jedhaman akka ta'an eereera.
IRGC waliin hidhata kan qabu ejensiin oduu Fars jedhamu akka gabaasetti, erga haleellaan Israa'el Waxabajjii 13, 2025 eegalee ''sochiin networkii basaasaa Israa'el Iraan keessatti akkaan dabaleera.''
Akka gabaasa kanaatti jaarmiyaan nageenyaa fi tikaa Iraan ''namoota networkii kana waliin hidhata qaban 700 caalan hidheera.''
Lammiileen Iraan sagantaa BBC Pershiyaatti dubbatan ergaan akeekkachiisaa ministeera tikaa Iraan irraa isaan ga'aa jiraachuu himan.
Ergaan hedduun lakkoofsi bilbilaa isaanii fuula miidiyaa hawaasummaa Israa'el waliin hidhata qaburratti argamuu eeru.
Namoonni kunneen hatattamaan fuula kana keessaa akka ba'an, ta'uu bannaan adabbiin du'aa akka isaan eeggatu akeekkachiifaman.
Mootummaan Iraan gaazexeessitoota miidiyaalee afaan Pershiyaan dabarsan hedduu irratti dhiibbaa cimseera.
Miidiyaalee gaazexeessitoonni isaanii hacuuccaa hamaa jala galan keessaa sagantaan BBC Pershiyaa, Landanitti kan argamu Iraan Intarnaashinaal fi Manoto TV kan jedhaman isaan ijoodha.
Iraan Intarnaashinaal akka gabaasetti IRGC haadha, abbaa fi obboleessa dhiheessituu oduu TV isaa hidhaniiru.
Gaazexeessituun maatiinsaa jalaa hidhaman kunneen, gaazexeessitoota waraana Israa'el fi Iraan irratti gabaasuu dhorkaman keessaa tokko waan taateef adabbiin kun ishee mudate.
Abbaan gaazexeessituu kanaa dhiibbaa ejentoota nageenyaa biyyattiin intalasaaf bilbilee akka hojii dhiistuu fi ta'uu bannaan balaa hamaan akka ishee eeggatu itti hime.
Leellistoonni mirgoota namoomaa fi kanneen siyaasa itti dhiheenyaan hordofan duula amma eegalame kan bara 1980oota keessa ture waliin walitti fidu.
Bara waraana Iraaq fi Iraan sana aanga'oonni Iraan mormitoota siyaasaa hedduu hacuucan, cunqursaa fi dhiittaan mirga namoomaa hammaataa ture.
Iraan ammas erga waraana qaama alaan daran miidhamtee booda keessoo isheetti deebitee tarkaanfiiwwan balaafamoo kanneen akka hidhaa jumlaa, adabbii du'aa fi cunqursaawwan garaagaraa raawwachuu dandeessi sodaan jedhu biyyattii guuteera.
Kanneen mootummaa biyyattii qeeqan taatee bara 1988 ture yaadatu. Gareen mirga namoomaa akka jedhutti yeroo sana hidhamtoonni siyaasaa kumaatamaan lakkaa'aman ajjeefamaniiru.
Yeroo sana tarkaanfii ajjeechaa kana kan raawwatu jaarmiyaan addatti hundeeffamee ture- Komishinii ajjeechaa (death commission) jedhama ture.
Hedduunsaanii bakka hin beekamnetti jumlaan awwaalaman.












