'Halkan hunda waa'ee kirkira lafaa sanan abjoodha'

'Ukkaamfameera, as keessaa bahuun barbaada,'' jette intalli waggaa 12 taate Malaak. Daa'imman Morookkoo dunkaana keessa jiraataa jiran hedduu keessa tokkodha.
Malaak obbolaashee keessaa angafa. Erga naannoon isaan jiraatan kirkira lafaatiin miidhamee booda eenyumti isaaniiyyu mana barnootaa deemaa hin jiran. Bakki jireenyaasaanii Gaarreen Gubbaa Atilaas irra caalaa gara jijjigaatti geeddarameere.
Kirkirri lafaa hamaan erga Morookkoo mudatee torban darbeera. Kanaanis namoonni 3,000 ol du'anii, namoonni miidhaa sammuufi qaamaa taatee kanarraa bayyannachuuf yeroo akka itti fudhatu amanamaadha.
Ollaan baadiyaas kanneen balaa umamaa kanaan miidhaman keessayi. Bakkeewwan kanneenitti deeggarsa geessuuf baayyee rakkiisaa yoo ta'u, daandiiwwanis sababa sigigaachuu lafaa sababa kirkira lafaatiin umameen cufamaniiru.
'Mana barnootaakoo hafeera'

Amizmiz kan Maaraakshirraa Kibba-lixaatti km50 irratti argamu, keessaa wayita sochoo'amu, lafa dunkaana pilaastikiitiin guutameefi maatiiwwan miidhamaniif dahoo ta'e agartu.
Namni hundinuu qorra ganna dhiheenya seenuutti maal gochuu akka danda'an yaadda'aa jiru. ''Nyaataa, maallaqaafi hunda caalaa mana jireenyaa barbaadna,'' jetti Malaak.
Sababii balaa kirkira lafaatiin mana barnootaatti waan hin deebiineef baayyee abdii kutatteetti. ''Asitti egeeree kootu balaarra jira,'' jechuun, barattee oggeettii wallaansa ilkaanii ta'uu akka barbaaddu dubbatti.
''Haatiikoo anaafi obboolaa koof waa baayyee hojjette. Nu guddiisuuf baayyee hojjatti, Anis guddadhee hojechuun olmaasheetiif gatii baasuufiin fedha,'' jechuun imimmaan ija guutaa dubbatti.
Abjuu hamaa
Gaazexessituun BBC's dunkaana keelloo mootummaa Morookkootiin namoota buqqa'aniif kenname keesstti miseensa maatii Malaak waliin turii taasifteetti.
Obboleettiin ishee qixusuun, Do'aanis kirkira lafaa mudateen baayyee dararmteetti.''Alkan hunda waa'ee kirkira lafaan abjoodha,'' jechuun waan ishee mudataa jiru dubbatti.
"Yeroo tokko tokko abjuu keessaan lafti yoo kirkiru argeen irriiba keessaa dammaqa.'' Wanti Malaak fi obboleettiisheerra gahe kunis maatiiwwan naannichatti BBC dubbise keessattis waan mudatudha.
Dhaabbanni UNICEF akka jedheetti, daa'imman kuma 100 ta'an sababa kirkira lafaa sanaatiin miidhamaniiru.
Dhaabbatichis naasuun taatee kanaan boodaa kunis torbanoota dhufan keessaalleen itti fufuudhaan, daa'immaniifi maatiiwwan balaa miidhaa qaamaafi sammuutiif saaxilu akka danda'u akeekkachise.
'Mana fincaanii barbaadna'
Kallattii gara biraa kaampichaatiin, Jamiilaan mi'a dhiiqaa turte. Obboleettiin ishee xiqqoon, Ikhlaas ammoo shaayii danfisaa turte.
''Baayyee cimaadha'' jetti Jamiilaan. Gargaarsi kaampicha qaqqabu hundi kan namoota tola-ooltotaan kennamedha jetti.
"As manni fincaanii omtu hin jiru,'' kan jettu Jamiilaan, ''Hundi keenya yeroo ta'e dhukkubaan qabamna jedheen yaadda'aa jira,'' jetti.
Maatiiwwan hedduun kaampicha keessa jiran hedduun iyyeeyyiidha. Isaanis fedhii bu'uraasaanii guuttachuun kan xaaranidha. Kirkirri lafaa maaginitiyuudii 6.8 mudate ammoo namoota kanatti rakkoo biraa dabale.
'Guyyaa dhumaa'

Jamiilaan wayita kana dubbataa turtettis intallishee Ikhlaas dhaggeeffataa turte. Isaan boodas gaazexessituu BBC gara mana barnootasheetti geessite. Daandiirrattis, taatee halkan itti kirkirri mudate sana dubbatte.
''Dhokachuuf gara abbaakootti fiigeen, sagalee Quraanaa keessaa irra dedeebiin jechaa ture. Akkuma guyyaa dhumaa fakkaata ture.''
Kanaaf, taatee kirkira lafaa sanaan booda sodaan itti umamuu dubbatti. ''Yeroo inni mudatetti dukkaana keessan fiigee bahe.''
Mana barnootaashee biratti keenyan jijjigaa malee kan hafe omtu hin jiru. Dareewwan baayyee barbadaa'aniiru. Hammi badii qaqqabe baayyee cimaadha.
Ikhlaasis akkuma Malaak mana barnootaa dhaabdeetti. ''Barsiiftotaafi hiriyyootakoo arguun barbaada.''
Bashannana salphaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gabaastonni BBC kaampiicha keessaa wayita bahaa turanitti dubartiin tokko suuta jettee, ''waan hidhiitti dibatan ykn urgooftuu qabadaa? Waan gaarii urgaa'uun barbaada,'' jetteen.
Haalli haasaashee baayyee namatti tola. Gaaffiin ishee nama ajaa'ibuu mala garuu, meeshaaleen qulqullinaafi akkasii kunneenis paakeejii meeshaalee gargaarsaa keessatti hin hammataman. Dubartoonni tarii waan akkasii gaafachuuf qaana'uu malu. Garuu uummanni nyaataa ykn uffata halkaniitiin alatti akka namatti yaaduu barbaadu.
Keessattuu biyyoota Arabaatti miidhamtoota balaa garaagaraatiif saaxilamaniif deeggarsi kennamu wantoonni akkasii ni gatama.
Aanga'oonni Morookoo miidhama saaxilamtootaa furuudhaaf waan danda'amuuf hunda hojjetaa jiraachu himan. Garuu ammoo sababii miidhama kirkira lafichaatiin qaqqabeen yeroo fudhachuu danda'a.
Naannolee miidhaman muraasatti barumsi dabareedhaan kennamuu eegaleera. Mootiin karoora ijaarsa manneen kuma 50 kan guutummaafi wallakkaan jigan labsaniiru.
Deeggarsi maallaqaa, akkasumas miidhamtootaaf ni kennama jedhameera. Garuu ammoo, karoorawwan kanneeniif yeroon murtaa'aan itti kenname hin jiru.
Morokkoon mataanshee deeggarsa biyya alaa fudhachuurratti baayyee filachaa kan jirtu yoo ta'u, UK dabalatee biyyoota afur qofaa irraa fudhachuuf waliigalte.

Dubbachuudhaaf baayyee ulfaataadha
Tola-ooltonni naannichaa garuu deeggarsi ijaarsa manneeniifi maallaqaa caaluu akka barbaachisu akeekku.
Miidhamtoonni xin-samuu, keessattuu daa'imman kan akka BBCn dubbisee, deeggarsa cimaa barbaadu.
Dunkaana laastikii irraa hojjatame keessatti daa'imman teessoo irra taa'an waliin, gareen tola-ooltootaa karaa fakkii kaasuufi waa barreessuutiin ijoollee miidhama xin-samuu qaban gargaaruuf yaalaa jiru.
''Ijoolleenis manneen jijjiganiifi beelladoota du'an fakkii kaasu,'' jedha narsiin tola-ooltummaan hojjataa jiru Mohaammad Amiin.
Namni kun magaalaa guddoo Morookoo Raabaat irraa hanga naannawaa kirkira lafaatiin miidhameetti garee tola-ooltootaa maatiiwwan gargaarsi barbaachisu deeggaruuf dhaqan waliin daandii km300 ol imale.
''Jalqaba wayita qaqqabnetti, daa'imman nutti dubbachuu hin danda'an ture. Baayyee sammuunsaanii miidahmee ture,'' jedhan.
Bilisaan dubbachuufi waan keessa darban haasa'uuf guyyoota itti fudhatee ture.
Miidhaa qaamaafi xin-samuu isaanirra gahe keessaa bahuuf ammalleen guyyoota baayyee itti fudhata.












