Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaara Mul'ataa hanga Yunivarsiitii Joorjiyaatti - Prof Mohaammad Hasan eenyu?
Hangafoota seenaa Oromoo akka amma addunyaan Oromoo hubattutti akka dhiyaatu bu'uura kaayan keessaa tokko jedhama.
Seenaa Oromoo kan barreeffamaatiif kanneen karaa saaqan keessaa nama tokko. Bu'aawwan qorannoowwan isaanii hubannoo dogoggoraa seenaa siyaasaa, eenyummaa fi aadaa Oromoorratti duraan turan kan soroorsan ta'uu himama.
Hayyuu qorattoota seenaa Oromoo boodarra dhufaniif xurree xurree banes jedhamuun beekamu.
Hojiiwwan qorannoo warra boodaatiif ciicata (galtee) ta'an gumaachaniiru. Umriisaanii hedduu qorannoo fi barsiisuun dabarsan.
Kitaabota seenaa Oromoo fi Itoophiyaarratti barreeffaman guguddoo lama, artiikiloota dhibba tokkoo ol barreessaniiru.
Ammaan tana sooramarra jiru. Dhiyoo tana Hawaasni Oromoo Ameerikaa kutaa bulchiinsa Joorjiyaa jiraatu gumaacha bara jireenya isaa Oromoof godheen beekkamtii kenneefii jira. Hayyuun Seenaa Profeesar Mohammad Hasan.
Baadiyyaa Gaara Mul'ataa hanga Yunivarsiitii beekamaa Ameerikaatti
Harargee bahaa Gaara mul'ataa, aanaa Baddannoo, bakka addaa Laga manyoo jedhamtutti naannoo jalqaba 1950mootaa keessa dhalatan.
Barnoota isaanii sadarkaa duraa magaalaa Harar keessatti, kan sadarkaa lammaffaa Institiyuutii leenjii barsiisotaa Dabrabirhaan jedhamutti xumuran.
Digrii jalqabaa isaanii Yunivarsiitii Haylasillaasee (ammaan tana Yunivarsiitii Finfinnee) irraa barnootaa seenaatiin eebbifaman.
Jabana sanatti yunivarsiitiin biyyattii tokkichi ture yunivarsiitii kana turuu kan yaadachiisan Prof Mohammad, barnoota isaaniitti cimaa turuun akka hiree tana argatan dubbatan.
Waraqaa digriisaanii harkuma mootichaatii fudhachuu yaadatu. Institiyuutii leenjii barsiisotaa Jimmaa, Harar, Ogaaden fa'itti barsiisummaa fi duula tajaajila hawaasaa bara mootichaa fi boodarras bara Darguu keessa tureen hirmaachuu himu.
Boodarra bara 1977 carraa barnoota alaa (iskoolaarshiippii) argachuun gara biyya UK yunivarsiitii Landanitti imaluun barnoota isaanii digrii lammaffaa fi Ph.D walumatti aansuun baratanii eebbifaman.
Qorannoon PhD isaanii seenaa Oromoo irratti kan xiyyeeffatu ture. Boodarra bu'aan qorannoo isaanii kun kitaaba yeroo hedduu maqaa itti horatan, "The Oromo of Ethiopia: A history 1500 - 1860" (Seenaa Oromoo Itoophiyaa bara 1500 - 1860) jedhuun maxxanfamee addunyaa wal gahe.
Yunivarsiitii Landanii akka barnoota isaanii xumuraniin korri qorannoo irratti affeeraman kan biyya Ameerikaatti qophaaye tokko hireen jireenya isaanii itti aantu Ameerikaa akka taatu godhe.
Erga bara 1985 miilli isaanii Ameerikaa ejjetee jiruu fi waa hundisaaniis achuma taate. Waggoota sadan jalqabaa Ameerikaa jiraatanitti Yunivarsiitii Atlaantaa, Moore haawus kolleej keessatti Seenaa Afrikaa fi Addunyaa barsiisan.
Waggoota sadan itti aanan immoo Yunivarsiitii Niwyorkitti barsiisan. Bara 1992 kaasee hanga bara 2017 (soorama bahanitti) garuu waggoota 25 walitti aananiif Joorjiyaa Isteet Yunivarsiitiitti barsiisummaan tajaajilaa turuu seenaan isaanii ni agarsisa.
Maaltu seenaa Oromoo qorachuuf isaan kakaase?
Hojiiwwan qorannoo Prof. Mohammad irra caalaan isaanii seenaa Oromoo irratti kan xiyyeeffatani. Barataa waggaa tokkoffaa yunivarsiitii Finfinnee gaafan turan barsiisaan seenaa na barsiise qorataa seenaa akkan ta'u na dhangi'e jedhu Prof Mohammad.
"Gaafan waggaa tokkoffaa yunivarsiitii ture nama Borsaanii jedhan tokkotu ture. Nama Hangarii. UNESCO'tu qacaree karaa yunivarsiitii Haylasillaasee ergani. Seenaa barsiisa. Inni Arkiyoolojistii dha.
Nama hedduu beekamaa beekaa. Nama akkasii beekaa umrii kiyyatti argee hin beeku. Waggaa tokko yegguu isaa wajjin baru hedduu, hedduu impaaktii (dhiibbaa) cimaa narratti qabaachaa ture.
Anillee baree akka isaa ta'uuf hawwa ture. Dhugaa dubbachuuf, amata duraa yunivarsiitii yogguun fixu law school (muummee seeraa) seena jedheetin booda namichi kun (Borsaaniin) akkan seenaa baru of amansiisee achiin seenaan bare."
"Keeessaawuu seenaa awuroooppaa, afrikaa kana nama nootii (yaadannoo) takkallee waa takka harkatti kan hin qabanne dhufee sa'aa takkaaf odoo waa takka hin laalle si barsiisee akka gaariitti namaa ibsee achirraa deemu. …Ijoollummaa kaasee nama akkasii beekaa argee hin beeku. Akkaan seenaatti kaka'umsa qabaadhu seenaa uummata kiyyaa qorachuuf na kakaase."
"...keessaahuu seenaa uummata keenyaa, zamana sana wanni uummata keenyaa wanni barreeffame hin jiru.
Wanni barreeffame wawuma uummata keenya xiqqeessu, wanna uummata keenya arrabsu. Uummata aadaa hin qabne, uummata namummaa hin qabne, uummata akkuma loonitti gamaa gamana yaa'u akkanatti yeroo san yeroo barsiisan (kolfa)...uummanni tokko dingatuma lafaa ka'ee gamaa gamana hin deemu.
Akkanatti ummata keenya bifa sanaan dhiyeessanii turani. Sun ta'uu hin qabdu, hanga danda'an seenaan uummata keenyaa kan dhugaa waan qabata gubbarratti dhaabbate jiraachuu qaba jedheetuman kaka'umsa godhadhe jechuu" jedhu.
Wayita yunivarsiitii Landanitti barachaa turanitti qorannoowwan awurooppaanonni seenaa fi eenyummaa Oromoorratti qoratan hojiiwwan koo seenaa Oromoo wajjin wal qabataniif utubaa guddaa naa ta'ani jedhu hayyuun kun.
"Ana wanni na kakaase waan Oromoorratti wanni barreeffame waan xiqqoo, sunuu badduu. Uummata keenya bifa gaariin hin agarsiisu.
Haala gaariin hin agarsiisu. Akka uummata seenaa qabuutti, akka uummata aadaa qabuutti, akka ummata namummaa qabuutti, akka uummata mootummaa qabaachuu turetti wanti dubbatamaa hin jiru.
Kanaaf jecha, waan riikoordii jiru nama faranjii amata 200 dura biyya teenya turan, waan isaan barreessanii lafa kaa'an, san cufaawuu keessa deemetin wawuma dhugaa ragaan deeggarame (seenaan piroppogaandaa miti).
Seenaan waan qabatamaarratti barreeffamuu qaba. ...laayibirarii Ingliiz keessa waa heddutu jira (gaarummaan ishii afaan Ingiliiziitiini).
Biyya faransaayi nama hedduutu ture. Namni tokko kan Caffeen Oromoo yegguu wal geessu, hogganoonni akkamiin filamani, akkamitti wal gahiin gaggeessama?
kana cufa nama barreessetu ture. Wanni inni walitti walitti qabe booxii (fooldarii) 27 ta.a. Nama gaafatee, intarviiwu gochuun, waan ijaan arge… kana keessa deemuun ji'a meeqa narraa fixe.
Afaan Faransaayillee hin beeku xiqquma xiqqoo beeka.
Dirqumatti barnoota galgalaa fudhachuu fi dikshinariin na gargaare. Namichi sun dhugumatti seenaan uummata keenyaa akka mul'atu, laal sirni gadaa fi paarlaamaan Ingiliizii wal fakkaata jedhee nama barreesse bar," jedhu.
Hiriyoonni isaanii waayee isaanii maal jedhu?
Prof. Mohammad seenaa Oromoo irratti kitaabota qorannoo seenaa guguddoo lama ittiin beekaman gumaachanii jiru.
Kitaabota afur immoo hayyoota kaan waliin gumaachanii jiru. Artiikiloota dhibba tokkoo ol barreessan. Hojiiwwan isaanii qorannoowwan seenaa Oromoo irratti maddeen ijoo dhimma itti bahaman keessaayi.
Hundeeffama Waldaa Qorannoo Oromootiif (OSA) nama bu'uura kaa'an keessaayi. Hoggansas turaniiru.
Qondaalli Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Xahaa Alii, kan ijoollummaarraa wal beekan, gumaacha isaanii yoo ibsan, "Karaa barnoota seenaa Oromoo qormaatarratti waan hirkate, warri jibba qabu dabsuu hin dandeenye seenaa dhugaa gad dhaabe." jedhu.
Qorannoowwan isaanii qabsoo Oromoo fi hojii dippilomasiifillee tumsa ta'uu himu Ob. Xahaan.
"Isa booda immoo qabsaawonni, kanneen seenaa barreessan, barsiisonni as bahanii daandii inni baqaqserra deemanii eenyummaa Oromoo fi miidhaa irra geesse, falmaa inni godhu tana utubuurratti akka bobba'an taasise.
Fakkii ta'e warra biraatiif. Karaa dippilomasiis tumsa ture."
"Waan qabate nama bakkaan gahu. Nama ciniinnatee hojii qabate bakkaan gahu jechuu. Nama akeeka qabu, nama kaayyoo qabu, nama murtoo qabu, ka waan jedhe karaatti hin dhiifne, nama hojiitti amanu, nama hojii hin hifanne." jechuun jabina isaanii hima Obbo Xahaan.
Hiriyaan isaanii kan biraa Obbo Ibsaa Ahmad, "Nama kabaja, nama isarraa xiqqaa hunda ni kabaja ni jaalata sabboonaa dha" jechuun maalummaa isaanii ibsa.
Prof.Mohammad baqattoota Oromoo biyya jiranitti gargaaruun beekamus jedhu. Waraqaa baqattootaaf State department fi UNHCR fa'itti ergeefii akka jarri waraqaa argatan gargaaraa nama ture ta'uu himuuf.
Prof. Mohammad Hasan yeroo ammaa sooramarra nama jirani. nama bultii qabanii fi ilmaan lama horatani.
Dhiyoo kana hawaasni Oromoo kutaa bulchiinsaa Joorjiyaa jiraatu gumaacha isaaniif sirna galateeffannaa qopheesseefi ture.
Piroofesr Mohaammad Hasan qorataa seenaa qofa osoo hin taane falmaa mirga namoomaatis.
Dhiyeenya marii nageenyaa Taanzaaniyaatti mootummaa Itoophiyaa fi ABO-WBO gidduutti gaggeeffame irrattis gama ABO-WBO'n namoota bakka bu'anii argaman keessaa isaan tokko turan.