Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iluu Abbaabooritti ajjeechaan daa'ima waggaa lamaa tibbana dheekkamsa uume akkamiin raawwatame?
Ajjeechaan daa'ima xiqqaa taatee sukaneessaa tibbana miidiyaa hawaasummaa irratti ijoo dubbii ta'eera.
Taateen kun Godiina Iluu Abbaa Boor Aanaa Billoo Noophaa ganda Maruu Caggeetti raawwatamuu BBCn mirkaneeffateera.
Daa'imni rasaasaan ajjeefame kun umriin isaa ganna lama.
Bulchaan Aanaa Billoo Noophaa Obbo Dajanee Kabbadaa dhimma kanarratti gaafannee akkas jechuun himan.
"Taateen kuni aanaa keenya ganda Maruu Caggeetti raawwatame. Daa'imni kuni kan ajjeefame torbee darbe yeroo qaamoleen nageenya mootummaa fi hidhattoota ABO Shanee walitti dhukaasaa turanitti," jedhan.
Daa'imni kuni waljijjiirraa dhukaasaa ture keessatti kan ajjeefame waan ta'eef abalutu ajjeese jedhanii adda baasuun rakkisaa ta'uus himan.
Daa'imni xiqqaan kuni ooyiruu lafa qonnaa godoo boqoolloo keessatti eegan irratti rasaasan ajjeefame.
Taateen kuni torbee darbe keessa kan raawwatame yoo ta'u, waajjiri Kominikeeshinii Aanaa Billoo Noophaa ibsa miidiyaa hawaasummaa irratti baaseen ajjeechaa kana kan raawwate 'humna ABO Shaneeti' jedhe.
Gama kaaniin namoonni ajjeechaa daa'ima kanaa kan raawwate qaamolee nageenya mootummaati kanneen jedhanis turaniiru.
Erga ji'a Waxabajjii darbee kaasuun hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo Aanaa Billoo Noophaa keessatti sochii gochaa turuu himan angaa'aan aanichaa.
Yeroo ammaas gandoota aanichaa afur keessa hidhattoonni kuni socho'uun rakkoo geessisaa akka jiranii fi qaamoleen nageenya mootummaas nagaa eeguuf aanichatti bobbaafamanii jiraachuu eeran.
Taatee torbee darbe keessa raawwatamee kanaan daa'ima waggaa lamaa kanaan ala namoota siivilii irra miidhaan gahe akka hin jirre bulchaan aanichaa himaniiru.
Maatii daa'ima waggaa lamaa ajjeefame kanaa dubbbisuuf yaalii goonus bilbilli hin hojjatu.